Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu

Mata dureen walitti aansee baʼu kun maatiiwwaniif gorsa gaarii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kenna. a Mata dureewwan maatiiwwaniif taʼan balʼinaan ilaaluuf kutaa Gaaʼelaa fi Maatii jedhu ilaali.

a Mata duree walitti aansee baʼu kana keessatti maqaan namoota tokko tokkoo jijjiirameera.

Gaaʼela

Amala Hiriyaa Gaaʼelaa Kee Si Aarsuuf Ilaalcha Gaarii Qabaadhu

Amalli si aarsu tokko akka walitti isin buusu heyyamuu mannaa, amala sana karaa adda taʼeen ilaaluuf carraaqqii godhi.

Obsa Guddifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Namoonni cubbuu dhaalan lama yeroo wal fuudhan rakkinni garaa garaa ni uumama. Gaaʼelli akka milkaaʼu yoo barbaadame, obsa qabaachuun baayʼee barbaachisaa dha.

Kabaja Argisiisuu—Akkamitti?

Gaaʼela keessatti kabaja argisiisuun yeroo nutti tolu qofa kan goonu miti; wanta gochuu qabnuu dha. Hiriyaa gaaʼelaa kee akka kabajju akkamitti argisiista?

Dinqisiifannaa Ibsuu—Akkamitti?

Hiriyoonni gaaʼelaa amalawwan gaggaarii walii walii isaanii kan hubatanii fi beekkamtii kan waliif kennan yoo taʼe hariiroon isaanii ni cima. Amala dinqisiifannaa horachuuf maaltu isin gargaaruu dandaʼa?

Gaaʼela Gammachuu Qabuuf: Jaalala Argisiisaa

Hojii, dhiphinnii fi dhiibbaan guyyaa guyyaan jireenya keessatti mudatu hiriyaan gaaʼelaa tokko jaalalli isaa akka hirʼatu gochuu dandaʼa. Hiriyoonni gaaʼelaa jaalala kana deebisanii cimsuu dandaʼuu?

Jaalala Argisiisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Hiriyoonni gaaʼelaa dhugumaan akka wal jaallatan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti? Yaadawwan qajeelfama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan afur ilaali.

Hojii Bakka Hojiitti Dhiisuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Qabxiiwwan hojiin keessanii fi gaaʼelli keessan akka walitti hin buune gochuuf isin gargaaruu dandaʼan shan.

Ilaalchi Keessan Garaagara Yommuu Taʼu

Hiriyoonni gaaʼelaa walitti buʼiinsa hiikuu fi nagaadhaan waliin jiraachuu kan dandaʼan akkamitti?

Aarii Kee Toʼachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Aariin akka nu toʼatu gochuunii fi aarii keenya ukkaamsuun fayyummaa keenya balaa irra buusuu dandaʼa. Yommuu hiriyaan gaaʼelaa keessan isin aarsutti maal gochuu dandeessu?

Yeroo Ijoolleen Guddatanii Manaa Baʼaan

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko yommuu ijoolleen guddatanii mana baʼan rakkinni guddaan isaan qunnama. Haala rakkisaa kana damdamachuu kan dandaʼan akkamitti?

Hinaaffaa Gaaʼela Keessatti Uumamurraa Fagaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Hiriyoonni gaaʼelaa kan wal shakkanii fi wal hin amanne taanaan gammachuu hin qabaatan. Kanaafuu hinaaffaa sirrii hin taane irraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti?

Poornoogiraafiin Gaaʼelakee Diiguu Dandaʼa

Yaanni kun barsiifata poornoogiraafii dhaabuu fi walitti dhufeenya kee haaromsuuf si gargaara.

Gaaʼela Dura Waliin Jiraachuu Qabnaa?

Namoonni tokko tokko dhiirri tokkoo fi dubartiin tokko waliin jiraachuun isaanii gaaʼelaaf isaan qopheessa jedhanii yaadu. Kun yaada gaariidhaa ykn filannoon kana caalaa gaarii taʼe jiraa?

Waliin Haasaʼuu

Yeroo Gaʼaa Waliin Dabarsaa

Hiriyoonni gaaʼelaa hedduun utuma waliin jiraatanii yeroo baayʼee waliin haasaʼuun isaanitti ulfaata. Maarree hiriyoonni gaaʼelaa yeroo gaʼaa waliin dabarsuu kan dandaʼan akkamitti?

Meeshaa Eleektirooniksitiif Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Akkaataan meeshaalee elektirooniksii itti fayyadamtu gaaʼela kee miidhuu ykn fayyaduu dandaʼa. Gaaʼela kee irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?

Rakkoowwan Irratti Mariʼachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Akkaataa dhiironnii fi dubartoonni yaada isaanii itti ibsan garaa gara dha. Garaa garummaa keessan hubachuun kee aarii irraa si oolchuu dandaʼa.

Akka Gaaritti Dhaggeeffachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Akka gaaritti dhaggeeffachuun karaa jaalalli itti ibsamudha. Akka gaaritti dhaggeeffachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.

Wal Qoccoluu Dhiisuu Kan Dandeessan Akkamitti?

Hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin yeroo hunda wal qoccoltuu? Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu akkamitti isin gargaaruu akka dandaʼan baradhaa.

Dubbii Nama Miidhu Dubbachuurraa Fagaachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Dubbii nama miidhuun walitti dhufeenya keessan balleessitaniittu yoo taʼe, maal gochuu dandeessu?

Ijoollee Guddisuu

Abbaa Gaarii Taʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Yeroo ammaatti amalli isin argisiistan gara fuulduraa yeroo mucaan keessan dhalatutti abbaa akkamii akka taatan mulʼisa.

Waaʼee Bakka Kunuunsa Daaʼimmanii Wanta Warri Beekuu Qaban

Bakki kunuunsa daaʼimmanii, daaʼima keessaniif gaarii taʼuu fi dhiisuu isaa beekuuf gaaffilee afur of gaafadhaa.

Mucaan Koo Moobaayilii Akka Qabaatu Heyyamuun Qabaa?

Atis taate mucaan kee itti gaafatamummaa kanaaf qophaaʼuu keessan beekuuf gaaffilee kana of gaafadhu.

Mucaa Keessan Poornoogiraafii Irraa Eegaa

Hamma isin yaaddan caalaa ijoolleen keessan poornoogiraafiidhaaf kan saaxilaman taʼuu dandaʼu. Mucaa keessan eeguuf wanta beekuu qabdanii fi wanta gochuu dandeessan.

Ijoolleen Dubbisuun Isaanii Barbaachisaa kan Taʼe Maaliifi?—Kutaa 1: Dubbisuu moo Ilaaluu?

Ijoollee hedduun viidiyoo ilaaluu filatu. Warri ijoolleen isaanii caalaatti akka dubbisan jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti?

Ijoolleen Dubbisuun Isaanii Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?—Kutaa 2: Iskiriinii Irraa Moo Waraqaadhaan?

Ijoolleen iskiriinii irraa moo waraqaa irraa dubbisuu isaaniif wayya? Lamaan isaayyuu faayidaa qaba.

Ijoolleen Keessan Oduuwwan Nama Jeeqan Akka Dandamatan Gargaaraa

Warri ijoolleen isaanii oduuwwaniin akka hin jeeqamne maal gochuu dandaʼu?

Ijoolleen Koo Yoo Nuffan Maal Gochuun Qaba?

Mucaan keessan hojii malee mana keessa yommuu taaʼu, wantoonni irratti yaaduu qabdan muraasni ibsamaniiru.

Barbaachisummaa Hojii Mana Keessaa

Warri ijoolleedhaaf hojii kan hin kenne maaliifi? Ijoolleen keessaniif hojii kennuun itti gaafatamummaan akka isaanitti dhagaʼamuu fi akka gammadan isaan godha.

Ijoolleen Gufuu Isaan Mudatu Akka Moʼan Gargaaruu

Jireenya keessatti gufuun mudachuun hin oolu. Gufuun mudachuu akka dandaʼuu fi furmaata barbaaduu akka baratan gargaaraa.

Mucaan Keessan Qabxii Barumsaa Isaa Akka Fooyyeffatu Gargaaruu kan Dandeessan Akkamitti?

Warri sababii itti mucaan isaanii qabxii gadi aanaa itti argate beekuu fi faayidaa barumsaa akka beeku gochuu dandaʼu.

Abbootiin Humnaa Ilma Kootti yoo Roorrisan Maalan Godha?

Ijoolleen keessan yommuu itti roorrifamu maal gochuu akka qaban barsiisuuf tarkaanfii isin gargaaruu dandaʼu afur.

Ijoolleen Keessan Jijjiirama Umurii Dargaggummaa Wajjin akka Wal Baran Gargaaraa

Gorsawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan shan yeroo rakkisaa taʼe kana keessa darbuuf si gargaaru.

Ijoollee Keessan Waaʼee Saalqunnamtii Barsiisaa

Ijoolleen xinnummaa isaaniitii jalqabee ergaan fedhii saalaa kakaasu isaaniif ergama. Maal beekuu qabdu? Ijoollee keessaniif eegumsa gochuuf maal gochuu qabdu?

Waaʼee Dhugaatii Alkoolii Ijoollee Barsiisuu

Warri waaʼee dhimma barbaachisaa taʼe kanaa ijoollee isaanii wajjin dubbachuu kan qaban yoomii fi akkamitti?

Waaʼee Jibba Sanyii Ijoollee Wajjin Mariʼachuu

Ijoollee keessanii wajjin yaada umurii isaanii wajjin deemurratti mariʼachuudhaan jibba sanyii akka dandamatan isaan gargaaraa.

Akka Gad Of Qaban Ijoollee Barsiisuu

Ijoolleen keessan ilaalcha ofiif qaban utuu hin xiqqeessin, akka gad of qaban barsiisaa.

Ijoolleen Akka Ajajaman Barsiisuu

Atii fi mucaan kee wanta inni barbaaduu wajjin haala wal qabateen yeroo hundumaa wal loltuu? Yeroo kanatti hoo inni waan moʼu fakkaataa? Ijoollee guddisuu ilaalchisee qabxiiwwan kennaman shan si gargaaru.

Hin Taʼu Jechuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Mucaan keessan booʼuudhaan ykn isin kadhachuudhaan murtoo gootan akka jijjiirtan gochuuf yoo yaale maal gootu?

Yeroo Mucaan Keessan Sobu

Mucaan keessan yoo sobe maal gochuu qabdu? Mata dureen kun gorsa Macaafa Qulqulluu dhugaa dubbachuun barbaachisaa taʼuu isaa ijoollee kee barsiisuuf si gargaaru qabateera.

Ijoollee Dargaggoota Taʼan Guddisuu

Mucaa Keessan Isa Dargaggeessa Taʼee Wajjin Haasaʼuu Kan Dandeessan Akkamitti?

Yommuu mucaa keessan isa dargaggeessa taʼee wajjin haasoftan ni aartuu? Wantoonni akka aartan godhan maal faʼi?

Intalli Keessan Of Ajjeesuu Yoo Barbaadde Maal Gochuu Qabdu?

Intalli isaanii waaʼee of ajjeesuu yaadaa kan jirtu taanaan warri maal gochuu dandaʼu?

Mucaan Keessan Wanta Kana Booda Akka Isa hin Amanne Isin Taasisu Yommuu Raawwatu

Ariifattanii mucaan keessan didaa akka taʼe gootanii hin yaadinaa. Wal amantaan bade deebiʼuu dandaʼa.

Ijoollee Keessaniif Qajeelfama Kennuu kan Dandeessan Akkamitti?

Ijoolleen warra isaanii dhiisanii hiriyoota isaaniitti maxxanuun kan isaanitti salphatu maaliifi?

Mucaa Keessan Umrii Waggoota Kurnanii Keessa Jiruuf Seera Baasuu

Seerri baastan mucaa keessan yeroo hunda kan aarsu yoo isinitti fakkaate maal gootu?

Ijoolleen Koo Weebsaayitii Hawaasaa Fayyadamuu Qabuu?

Gaaffilee murtoo gaarii gochuuf si gargaaran afur.

Dargaggoonni Karaa Miidhaa hin Geessisneen Weebsaayitii Hawaasaa Akka Fayyadaman Barsiisuu

Ijoolleen keessan kiyyoo dhokataadhaan akka hin qabamne isaan gargaaraa.

Dargaggoota

Dhiibbaa Hiriyaa Moʼuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Dhiibbaan hiriyaa namoonni gaariin wanta gadhee akka raawwatan gochuu dandaʼa. Waaʼee dhiibbaa hiriyaa wanta beekuu qabduufi akkamitti moʼuu akka dandeessu

Akkaataa Itti Sirreeffama Fudhachuu Qabdu

Gorsiifi sirreeffamni fudhachuuf sitti ulfaatu si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

Miira Kee T⁠o⁠ʼachuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Tarkaanfiiwwan Macaafa Qulqulluu irratti hunda⁠a⁠ʼan shan aarii kee t⁠o⁠ʼachuuf si gargaaruu dand⁠a⁠ʼu.

Yeroo Wal Qorachuun Addaan Citu

Gadda wal qorachuu dhaabuu keetiin sitti dhufe mootee jiraachuu kan dandeessu akkamitti?

Michoota Dhugaa Qabaachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Qabxiiwwan akkasumaan walitti dhihaachuu irraa gara michummaa cimaatti si ceesisuu dandaʼan afur.

Yeroo Haati Yookiin Abbaan Duʼan

Haadha yookiin abbaa duʼaan dhabuun gadda baayʼee cimaa taʼe dha. Dargaggoonni miira gaddaa akkasii toʼachuuf maaltu isaan gargaaruu dandaʼa?

Gammadduuf Jedhanii Balaadhaaf Of Saaxiluun Sirrii Dhaa?

Dargaggoonni hedduun siʼa tokko tokko haala balaaf saaxiluun dandeettii isaanii qoruudhaan gammaduuf yaalu. Ati hoo kana gochuuf qoramtee beektaa?