Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Ijoolleen Dubbisuun Isaanii Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?—Kutaa 2: Iskiriinii Irraa Moo Waraqaadhaan?

Ijoolleen Dubbisuun Isaanii Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?—Kutaa 2: Iskiriinii Irraa Moo Waraqaadhaan?

 Mucaan keessan iskiriinii irraa moo waraqaa irraa dubbisuu jaallata?

 Ijoollee hedduun iskiriinii irraa dubbisuu jaallatu. Dooktar Jiin M. Tuwengi, “Kitaaba dubbisuun dhaloota liinkii tokko cuqaasuudhaan banuu fi fuula itti aanutti haxaaʼuudhaan darbuu bare rakkisuu dandaʼa” jechuudhaan barreessaniiru. a

 Meeshaa elektiroonikii irraa dubbisuun faayidaa hedduu akka qabu beekamaa dha. Joon inni umuriin isaa waggaa 20 taʼe, “Manni barumsaa ani itti baradhu kitaabota bifa dijitaalaatiin qophaaʼan qaba. Iddoon barbaaduudhaaf gargaaru, odeeffannoon barbaadu tokko dafee argachuuf na gargaareera” jedheera.

 Namoonni meeshaa dijitaalaa irraa dubbisan, wantoota dabalataa odeeffannoo tokko salphaatti argachuuf isaan gargaaran qabu. Fakkeenyaaf, qabxii tokko salphaatti cuqaasuu ykn gadi qabuudhaan, hiika jecha tokkoo ilaaluu, viidiyoo taphachiisuu, viidiyoo mata duree dubbisaa jiranii wajjin wal qabatu ilaaluu ykn liinkii tokkotti buʼuudhaan odeeffannoo dabalataa argachuu dandaʼu. Haataʼu malee, kun barreeffamoota waraqaadhaan maxxanfaman dubbisuun faayidaan isaa xiqqaa akka ta‵e kan argisiisu dha?

 Namoonni tokko tokko gadi fageenyaan qoʼachuu yeroo barbaadan waraqaa irraa dubbisuu filatu. Maaliif?

  •   Xiyyeeffannaa. Dargaggeesi umurii waggoota kurnanii keessatti argamuu fi Naataan jedhamu, “Yeroon iskiriinii irraa dubbisu beeksisnii fi yaadachiisni gidduu gidduutti dhufu wantan barbaade irratti akkan hin xiyyeeffanne godha” jedheera.

     Kaaran ishiin umuriin ishii wagaa 20s, rakkinni akkasii akka ishii mudate dubbatteetti. “Bilbila ykn taableetii irraa yeroon dubbisu, appilikeeshiniin wantan dubbisaa jiruu wajjin wal hin qabanne salphaatti xiyyeeffannaa koo harkisa ykn immoo geemii tokko taphachuufan qorama” jetteetti.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.’—Qolosaayis 4:5, Filiipsi.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Mucaan keessan yeroo meeshaa elektiroonikii irraa dubbisu ykn qoʼatu, wantoonni tokko tokko xiyyeeffannaa isaa akka hin harkisne of toʼachuu ni dandaʼaa? Hin dandaʼu taanaan, mucaan keessan waan tokko irratti xiyyeeffachuu akka baru gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

     Gorsa Gaarii: Mucaan keessan yeroo meeshaa elektiroonikiitti fayyadamee qoʼatu ykn dubbisu, wantoonni tokko tokko yaada isaa akka jalaa hihhiran ni heyyama taanaan, yeroon inni hojii manaa isaa itti hojjetu akka jalaa dheeratuu fi kun immoo wantoota kaan hojjechuuf yeroo akka isa dhabsiisu akka hubatu gargaaraa.

  •   Hubannaa. Kitaabni Maaloo Ijoollee Keessan Sirriitti Guddisaa jedhamu “Qorannoon godhame hedduun akka argisiisutti, namoonni iskiriinii irraa dubbisan hamma namoota waraqaa irraa dubbisani hubannaa hin argatan ” jedheera.

     Sababni isaas, namoonni iskiriinii irraa dubbisan irratti yaadaa suuta jedhanii dubbisuu mannaa hatattamaan dubbisu. Barreessaan Nikoolaas Kaar jedhamu, “Intarneetii irraa yeroo dubbisnu, ija keenyaa fi harka keenyaan hatattamaan irra fiiguudhaan, hamma dandeenyetti odeeffannoo hedduu argachuuf yaalla” b jedheera.

     Dhugaa dhaa, yeroo tokko tokko irra fiigaa dubbisuun faayidaa qaba. Rakkinni Kaar caqasaa jiru garuu, akkasitti dubbisuun, “akkaataa dubbisaa keenya toʼachaa” kan jiru taʼuu isaati. Kunimmoo, mucaan keessan wanta tokko utuu hin hubatin callisee dubbisuu akka amaleeffatu gochuu dandaʼa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Ogummaan wanta baayʼee barbaachisaa taʼe waan taʼeef, ogummaa argadhu.”—Fakkeenya 4:7.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Mucaan keessan, iskiriinii irrattis haa taʼu waraqaa irratti, mata duree tokko irratti qorannoo dabalataa gochuu akka baratu gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

     Gorsa gaarii: Madaallii keessan eegaa. Qabxiin isaa iskiriinii qofa ykn waraqaa qofa fayyadamuu miti. Lamaan isaaniiyyuu faayidaa qabu. Qabiyyeen meeshaan elektiroonikii tokko qabu, dhimma tokko caalaatti hubachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Kanaaf, meeshaalee lamaanittiyyuu fayyadamanii dubbisuun miidhaa fi faayidaa akkamii akka qabu ijoollee keessanii wajjin yeroo mariʼattan, madaallii keessan eegaa. Ijoolleen hundis tokko akka hin taane hin dagatinaa.

  •   Yaadachuu. Feeriis Jaabir, mata duree barruu Saayintifiik Ameerikaan jedhamu irratti barreessan tokko irratti, waraqaa irraa dubbisuu wajjin yeroo wal bira qabnee ilaallu, meeshaalee elektiroonikii irraa dubbisuun, “sammuun keenya caalaatti akka dadhabu godha . . . akkasumas, wanta dubbisne yaadachuun akka itti cimu godha” jedhaniiru.

     Fakkeenyaaf Kitaaba waraqaadhaan maxxanfame tokko dubbisuun, sammuu keessan keessatti fakkii uumuudhaan yaada tokko fuula kam irraa akka dubbistan yaadachuuf isin gargaara. Kun mallattoo sammuu keessatti uumamuu fi yaada sana deebitanii argachuuf isin gargaarudha jechuun ni dandaʼama.

     Dabalataanis, Qorannoon akka mirkaneessetti, namoonni waraqaa irraa dubbisan warra kaan caalaa wanta dubbisan sirriitti yaadachuu dandaʼu. Odeeffannoo argatan sana akka waan warra kaan caalaa barataniitti yaadatu.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Ogummaa fi dandeettii yaaduu eeggadhu.”—Fakkeenya 3:21.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Mucaan keessan wanta dubbise ykn wanta qayyabate yaadachuun isatti ulfaataa? Taanaan, dandeettii qoʼachuu isaa akka fooyyeffatu isa gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Tarii waraqaa irraa dubbisuun isa gargaaruu dandaʼaa laata?

     Gorsa gaarii: Mucaan keessan wanta baratu hammam qabachaa jira isa jedhu malee, haala akkamiitiin barachuu jaallata isa jedhu irratti hin xiyyeeffatinaa. Namoonni iskiriinii irraa daddafanii dubbisuu dandaʼuu isaanii irratti xiyyeeffatu.

a Kitaaba Aayigan jedhamu irraa.

b Kitaaba Shaalowus jedhamu irraa.