Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ayyaana Yaadannoo Duʼa Yesuus

Sanbadduraa, Ebla 12, 2025 (Ebla 4, 2017)

Dhugaa Baatonni Yihowaa ajaja Yesuus, “Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa” jechuudhaan kennerratti hundaaʼuudhaan waggaatti al tokko ayyaana yaadannoo duʼa Yesuus ni kabaju.—Luqaas 22:19.

Ayyaana kanarratti akka argamtan kabajaan isin affeerra.

Gaaffilee Yeroo Baayʼee Gaafataman

Sagantichi hangam dheerata?

Gara saʼaatii tokkoo fudhata.

Eessatti kabajama?

Naannoo keessanitti eessatti akka kabajamu beekuuf Dhugaa Baatota Yihowaa gaafadhaa.

Sagantaa kanarratti argamuun kaffaltii gaafataa?

Lakki.

Qodaan buusii ni naanneffamaa?

Lakki.

Uffata akkamiin uffachuu qaba?

Sagantaa kanarratti argamuuf akkaataa uffannaa taʼe tokko hordofuun dirqama taʼuu baatus, Dhugaa Baatonni Yihowaa gorsa Kitaabni Qulqulluun karaa kabaja qabuu fi hubannaadhaan akka uffannu kennu hojiirra oolchu. (1 Ximotewos 2:9) Uffata gatii miʼaa ykn adda taʼe uffachuun isin hin barbaachisu.

Ayyaana Yaadannoo kanarratti maaltu raawwatama?

Sagantichi kan jalqabamus taʼe kan xumuramu faarfannaadhaani, akkasumas jalqabaa fi dhumarratti tajaajilaan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe tokko kadhannaa dhiheessa. Ayyaana kanarratti haasaan Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee dhihaatu barbaachisummaa duʼa Yesuusii fi wanta Waaqayyoo fi Kiristoos nuu godhanirraa akkamitti fayyadamuu akka dandeenyu ibsa.

Ayyaanni Yaadannoo ittaanu yoom kabajama?

2025: Sanbadduraa, Ebla 12 (Ebla 4, 2017)

2026: Kamisa, Ebla 2 (Bitootessa 24, 2018)