Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | IJOOLLEE GUDDISUU

Mucaan Keessan Wanta Kana Booda Akka Isa hin Amanne Isin Taasisu Yommuu Raawwatu

Mucaan Keessan Wanta Kana Booda Akka Isa hin Amanne Isin Taasisu Yommuu Raawwatu

 Ijoolleen umurii waggoota kurnanii keessatti argaman tokko tokko saʼaatii manatti akka galaniif isaanii daangeffameef dantaa hin qaban. Kaan immoo tarii warra isaanii sobuudhaan ykn hiriyoota isaanii wajjin taʼuuf jecha dhokatanii manaa baʼuudhaan isaan gowwoomsu. Mucaan keessan wanta kana booda akka isa hin amanne isin taasisu yeroo raawwatu maal gochuu dandeessu?

 Mucaan koo didaa dhaa?

 Mucaan keessan didaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun; “Wallaalumni yaada mucaatti qabamee jira” jedha. Yaanni kun dhugaa taʼuun isaa yeroo baayʼee ijoollee umurii waggoota kurnanii keessa jiran irratti kan mulʼatu dha. (Fakkeenya 22:15) Doktar Looreensi Isteenbergi, “Murtoowwan dargaggoonni godhan tokko tokko ariitii fi gowwummaa irratti kan hundaaʼan waan taʼaniif, dogoggorawwan tokko tokko akka uumaman hin dagatinaa” jechuudhaan barreessaniiru. a

 Mucaan koo gowwoomsuuf yoo yaale maalan godha?

 Mucaan keessan ajajamuu diduu kaayyoo akka godhate gootanii hin yaadinaa. Qorannoon godhame akka argisiisutti, dargaggoonni warra isaaniitiif kan hin ajajamne fakkaatanis, ilaalchi warri isaanii isaaniif qaban baayʼee isaan yaaddessa. Tarii mucaan keessan ifatti argisiisuu baatus wanta raawwateen kan kaʼe gaddee, akkasumas isin mufachiisuun isaa isa aarsee taʼuu dandaʼa. b

Lafeen cabe deebiʼee fayyuudhaan akka duraaniitti jabaa taʼuu dandaʼa. Wal amantaan bades deebiʼuu dandaʼa

 Kan komatamu eenyu?

  •    Bakka oolmaa isaatii laata? Kitaabni Qulqulluun; “Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa” jedha. (1 Qorontos 15:33) Hiriyoonni ijoollee umurii waggoota kurnanii keessa jiran irratti dhiibbaa guddaa geessisu. Kana malees, miidiyaaleen hawaasaa fi beeksisawwan dhiibbaa wal fakkaatu godhu. Dargaggoonni muuxannoo jireenyaas waan hin qabneef murtoowwan gowwummaa argisiisan kan godhan maaliif akka taʼe hubachuun salphaa dha. Gaʼeessota yommuu taʼanitti waan isaan gargaaruuf, murtoowwan godhaniif itti gaafatamummaa akka fudhatan barachuu qabu.

  •    Dogoggorri ani raawwadhe jiraa laata? Tarii seera itti baayʼisuu keessaniin kan kaʼe mucaan keessan ajajamuu akka dide yaaddu taʼa. Yeroo tokko tokko immoo, tarii mirga daangaa hin qabne waan isaaf kennitaniif gadhiisii akka taʼe gootanii yaaddu taʼa. Rakkinichi akka uumamu gochuu irratti gumaacha isin gootan irratti xiyyeeffachuu mannaa, amma furmaata isaa irratti gumaacha gochuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe yaadaa.

 Mucaan koo deebiʼee amantaa koo akka argatu gargaaruu kanan dandaʼu akkamitti?

  •   Deebii kennitaniif of eeggannoo godhaa. Mucaan keessan ni aartu jedhee eega taʼa. Mala gara biraatti fayyadamuuf maaliif yaalii hin gootan? Sababii mucaan keessan gocha kana raawwachuu itti dandaʼe irratti tasgabbiidhaan waliin mariʼadhaa. Wanta sana beekuuf hawwii qabaateetii? Nuffii dhaa? Tarii kophummaan waan itti dhagaʼameefii? Moo, michuu argachuuf waan hawweefi? Wantoonni kun hundi dogoggora raawwatameef dhiifama kan gochisiisan taʼuu baatanis, isinii fi mucaan keessan sababa itti dogoggorri sun raawwatame hubachuuf isin gargaara.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa, dheekkamuufis suuta jedhaa haa taʼu.”—Yaaqoob 1:19.

  •   Mucaan keessan wanta raawwatame sana irratti akka yaadu gargaaraa. Gaaffilee akka armaan gadii gaafadhaa: Kana irraa maal baratta? Kana booda haalli akkasii yoo si mudate wanta kana irraa adda taʼe akkamii gochuu dandeessa? Gaaffileen akkasii mucaan keessan dandeettii wanta tokko irratti yaaduu akka guddifatu isin gargaaru.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Obsa hundumaa fi ogummaa barsiisuutiin balleessaa hubachiisi, cimsii akeekkachiisi, akkasumas cimsii gorsi.”—2 Ximotewos 4:2.

  •   Wanti isaan godhan itti gaafatamummaa kan isaanitti fidu taʼuu isaa akka hubatan gargaaraa. Gocha mucaan keessan raawwate sanaa wajjin haala wal qabateen mala kanatti fayyadamuun hunda caalaa buʼa qabeessa dha. Fakkeenyaaf, mucaan keessan utuu isin hin heyyamsiisin konkolaataa keessan yoo oofe, guyyaa ykn saʼaatii muraasaaf qofa akka oofu daangaa itti gochuudhaan yeroodhaaf qoqqobbii irratti gochuu dandeessu.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni waanuma facaase sana haammata.”—Galaatiyaa 6:7.

  •   Wal amantaan akka jiraatu gochuu irratti xiyyeeffadhaa. Dhugaa dha, kan gochuun yeroo gaafata. Haa taʼu malee, mucaan keessan amantaa keessan suuta suuta deebisee argachuu kan dandaʼu taʼuu isaa beekuu qaba. Mucaan keessan deebitanii isa amanuu akka dandeessan gochuu akka dandaʼu akka hubatu godhaa. Mucaan keessan amma iyyuu akka hin amanamne isatti dhagaʼama taanaan, carraaqqii gochuu dhiisuu dandaʼa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hamileen isaanii akka hin cabneef, tuttuqxanii ijoollee keessan hin aarsinaa.”—Qolosaayis 3:21.

a Kitaaba You and Your Adolescent jedhamu irraa kan fudhatame.

b Mata duree kana keessatti ijoollee umurii waggoota kurnanii keessatti argaman saala dhiiraatiin kan caqasne taʼus, dhugaan buʼuuraa as irratti ibsame saala lamaaniifuu ni hojjeta.