Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MAATIIDHAAF | IJOOLLEE GUDDISUU

Mucaa Keessan Umrii Waggoota Kurnanii Keessa Jiruuf Seera Baasuu

Mucaa Keessan Umrii Waggoota Kurnanii Keessa Jiruuf Seera Baasuu

HAALA RAKKISAA

Mucaan keessan asiifi achi jechuu akka isa dhowwitan dubbata. Isinimmoo isa eeguu akka qabdan isinitti dhagaʼama. ‘Ejjennookoo yoon laaffise rakkina keessa gala’ jettanii yaaddu taʼa.

Mucaa keessaniif seera madaalliisaa eege baasuun keessan sirriidha. Jalqaba garuu wanti qajeelfama isin isaaf kennitaniif akka hin ajajamne isa godhu maal taʼuu akka dandaʼu beekuun keessan barbaachisaadha. a

SABABIINSAA MAALIDHA?

Ilaalcha dogoggoraa: Ijoolleen umrii waggoota kurnanii keessa jiran hundi, seera warrisaanii baasaniif waan hin ajajamneef kana hambisuun hin dandaʼamu.

Dhugaa jiru: Warri seera madaalliisaa eege kan baasaniifi isaanii wajjin kan irratti mariʼatan taanaan, ijoolleen seera cabsuu dhiisuu dandaʼu.

Wantoonni hedduun, ijoolleen keessan seera isin baaftaniif akka hin ajajamne isaan gochuu dandaʼuyyuu, warri seera asiif achi hin jenne ykn umriisaanii wajjin wal hin gitne kan baasan taanaan, seerichi ijoolleensaanii jalʼina akka raawwatan jajjabeessuu dandaʼa. Mee yaada armaan gadii ilaali:

  • Seera asiif achi hin jenne. Warri seera baasan mucaasanii wajjin irratti hin mariʼatan taanaan, mucaansaanii seera kana kan isaan baasan isa fayyaduuf utuu hin taʼin isa toʼachuuf akka taʼetti ilaaluu dandaʼa. Kanaan kan kaʼes, wanta warrisaa isa dhowwan sana dhoksaatti raawwachuu dandaʼa.

  • Umriisaa wajjin kan wal hin gitne. Mucaa xinnoo tokkoon, “Waanan sitti hime raawwadhu” jechuun qofti gaʼaa taʼuu kan dandaʼu siʼa taʼu, ijoolleen umrii waggoota kurnanii keessa jiran garuu ibsa balʼaa argachuu barbaadu. Kana malees, mucaan keessan umrii waggoota kurnanii keessatti argamu, dhiheenyatti isin biraa deemee ofumasaa murtoo gurguddaa gochuu dandaʼa taʼa. Kanaaf, yeroo isin bira jirutti, sirriitti yaaduufi murtoo gaarii gochuu barachuunsaa baayʼee barbaachisaadha.

Haataʼu malee, seerri isin baaftan yeroo hundaa mucaa keessan kan aarsu yoo isinitti fakkaate maal gochuu dandeessu?

MAAL GOCHUU DANDEESSU?

Jalqaba, ijoolleen yoo itti amanuu baataniyyuu, wanta gochuu qabaniifi gochuu hin qabne ilaalchisee seera ifa taʼe argachuu akka qaban hubadhaa. Kanaaf seera baasaa, mucaan keessan seericha hubachuufi dhiisuusaas mirkaneessaa. Kitaabni, Leetiingi Goo Wiiz Laav eend Konfiidansi jedhamu, “Ijoolleen seerri ifa taʼe kan isaanii kennamuufi warrisaanii hamma tokko akka isaan toʼatan kan isaanitti dhagaʼamu taanaan, carraan isaan wanta gadhee raawwachuuf qaban xinnaa taʼa” jedheera. Faallaa kanaatiinimmoo warri ijoolleesaaniitiif seera baasuun akka hin barbaachisne isaanitti dhagaʼamu, ijoolleesaaniitiif dhimma akka hin qabne argisiisu. Kunimmoo akka isaan jalʼina raawwatan godha.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 29:15.

Kanaaf madaallii keessan eeggachuu kan dandeessan akkamitti? Mucaan keessan seera maatichi baaseef ilaalcha qabu akka ibsu isa jajjabeessaa. Fakkeenyaaf, saʼaatii itti manatti galurratti sirreeffamni akka isaa godhamu yoo isin gaafate, yommuu inni sababiisaa dhiheessu dhaggeeffadhaa. Mucaan keessan akka gaariitti akka isa dhaggeeffattan kan beeku taanaan, murtoo gootanirratti yoo walii galuu baatellee, seericha kabajuufi eeguuf fedhii qabaachuu dandaʼa.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Yaaqoob 1:19.

Haataʼu malee, murtoo gochuu keessan dura kana yaadadhaa: Ijoolleen umrii waggoota kurnanii keessa jiran mirga dabalataa argachuu kan barbaadan siʼa taʼu, warrimmoo hamma kennuufii qabanii gad kennuu barbaadu. Kanaaf, wanta mucaan keessan isin gaafatuuf xiyyeeffannaa kennaa. Itti gaafatamummaan akka isatti dhagaʼamu ni argisiisaa? Mirga dabalataa isaa kennuuf haallisaa mijaaʼaadhaa? Haallisaa kan heyyamu taanaan kennuufii hin didinaa.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Uumama 19:17-22.

Wanta mucaan keessan dubbatu dhaggeeffachuu malees, wanta isin yaaddessu akka hubatu godhaa. Kana gochuudhaan, wanta barbaade gaafachuu qofa utuu hin taʼan, miira warra kaaniitiifis akka yaadu isa barsiisuu dandeessu.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: 1 Qorontos 10:24.

Dhumarrattis, murtoo godhaa, sababii murtoo sana itti gootanis isaaf ibsaa. Murtoo isin gootanitti gammaduu baatullee, warrisaa akka isa dhaggeeffatan beekuusaatti gammaduunsaa hin oolu. Mucaan keessan gaʼeessa akka taʼu leenjisaa akka jirtan yaadadhaa. Seera madaalliisaa eege mucaa keessaniif baasuufi isaa wajjin irratti mariʼachuudhaan, nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu gootanii isa guddisuu dandeessu.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 22:6.

a Mataduree kana keessatti ijoollee umrii waggoota kurnanii keessatti argaman saala dhiiraatiin kan caqasne taʼus, seerri buʼuuraa asirratti ibsame saala lamaaniifuu ni hojjeta.