Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dargaggootaa Wajjin Haasa’uu

Dargaggootaa Wajjin Haasa’uu

Maatii Gammachuu Qabu

Dargaggootaa Wajjin Haasa’uu

“Ilmakoo wajjin haasa’uun salphaa ture; amma umriinsaa waggaa 16 erga ta’ee booda garuu, anaafis ta’e abbaasaatiif wanta inni yaadu beekuun ulfaataa nutti ta’eera. Kophaasaa kutaasaa keessa taa’uu barbaada; nu haasofsiisuuf fedhii hin qabu.”—MIIRIYAAM, MEEKSIKOORRAA.

“Kanaan dura, ijoolleenkoo waanan dubbadhu kamiyyuu dhaga’uuf baay’ee hawwu turan. Amma garuu dargaggoota waan ta’aniif, haala isaan keessa jiran hubachuu akkan hin dandeenye isaanitti dhaga’ama.”—ISKOOT, AWUSTIRAALIYAARRAA.

MUCAA dargaggeessa ta’e kan qabdu yoo ta’e, miira warra armaan olitti ibsamanii hubachuunkee hin oolu. Kanaan dura, ijoolleekee wajjin haasa’uun, daandii rakkina tokko malee konkolaattota lama wal bira dabarsuu danda’u fakkaata ta’a. Amma garuu daandiin sun kan cufame fakkaata. Haati Anjeelaa jedhamtuufi biyya Xaaliyaanii jiraattu tokko, “Ilmikoo yeroo xinnoo turetti, gaaffiiwwan hedduu na gaafata ture. Amma garuu haasaa jalqabuu kan qabu anadha. Ani yoon dubbachuu baadhe garuu, utuu garaadhaa waliin hin haasa’in guyyoonni darbuu danda’u” jetteetti.

Atis akkuma Anjeelaa, mucaankee inni kanaan dura akka gaariitti haasa’aa ture, amma kan fuula namatti guuru ta’uusaa hubatteetta ta’a. Isaa wajjin haasa’uuf carraaqqii yoo gootes, deebii gabaabaa qofa sii kenna ta’a. “Akkam oolte?” jettee yoo isa gaafatte, “Gaarii,” jechuudhaan gabaabumatti sii deebisa. “Har’a mana barumsaatti maaltu raawwatame?” jettee intalakee gaafatta. Isheenis gateettii raasaa “Homtuu,” jettee sii deebisti. “Maaliif hin dubbattu?” jettee gaafachuudhaan haasofsiisuuf carraaqqii yoo gootes, guutummaatti callisuu danda’u.

Dargaggoonni tokko tokko haasa’uurratti rakkoo akka hin qabne beekamaadha. Haata’u malee, wanti isaan dubbatan wanta warrasaanii gammachiisu miti. Haati Naayijeeriyaa keessa jiraattuufi Ednaa jedhamtu tokko, “Intallikoo, yeroo baay’ee yommuun wanta tokko akka gootu ishee gaafadhu, ‘Na dhiisi’ jechuudhaan naa deebisti turte” jetteetti. Reemoon, inni Meeksikoo jiraatus, mucaasaa isa waggaa 16⁠rratti waan akkasii argeera. Akkas jedha: “Guyyuma guyyaadhaan wal falmina jechuu nan danda’a. Wanta tokko akka godhu yeroon isa gaafadhu, wanta sana akka hin raawwanne sababii addaddaa dhiheessa.”

Dargaggeessa deebii namaaf hin laanneef obsuun warraaf qorumsa guddaa ta’uu danda’a. Macaafni Qulqulluun, “Mareen hin jiru yoo ta’e, wanti yaadame fiixaan hin ba’u” jechuudhaan dubbata. (Fakkeenya 15:22) Haadha qeentee kan taate Aanaan, isheen Raashiyaa jiraattu, “Ilmikoo maal akka yaadu yeroon wallaalutti baay’ee waanan aaruuf, iyyi iyyi naan jedha” jechuudhaan dubbatti. Yeroo waliin haasa’uun barbaachisaa ta’utti, dargaggoonniifi warrisaanii waliin haasa’uu kan dadhaban maaliifi?

Wantoota Gufuu Ta’an Hubachuu

Waliin haasa’uun, akkasumatti waliin dubbachuu qofa miti. Yesus, “Namni waan garaa isaa keessa guute afaaniin in dubbata” jedheera. (Luqaas 6:45) Namootaa wajjin garaadhaa kan haasofnu yoo ta’e, isaanirraa waan gaarii ni baranna, isaaniifis yaada keenya ni ibsina. Mucaan namaa wajjin walii galu tokko dargaggeessa ennaa ta’u, akkuma tasaa jijjiiramee qaana’uu waan jalqabuuf, waan garaasaa haasa’uuf rakkachuu danda’a. Hayyoonni akka jedhanitti, dargaggoonni yeroo hundaa akka waan waltajjiirra jiraniifi ifni isaanirratti ifuutti, namoonni wanta isaan godhan hunda kan ilaalan isaanitti fakkaata. Kanaafuu, dargaggoonni qaana’an namoota nu argu jedhanii yaadan sana jalaa dhokachuuf jecha, golgaa waltajichaatiin haguugamuu, jechuunis jireenya mataasaanii isa warrisaanii salphaatti keessa galuu hin dandeenye uumuuf yaalu ta’a.

Wanti waliin haasa’uuf gufuu ta’u inni kaanimmoo, ijoolleen umrii dargaggummaarratti argaman, of danda’anii jiraachuuf fedhii guddaa qabaachuusaaniiti. Ilmikee of danda’uuf fedhii qabaachuunsaa wanta guddinasaa argisiisu waan ta’eef, fedhii akkasii akka hin qabaanne dhowwuu hin dandeessu. Kana jechuun garuu, mucaan kun of danda’ee jiraachuuf ga’eera jechuu miti. Yeroo kamirrayyuu caalaa karaa baay’ee gargaarsikee isa barbaachisa. Namni tokko of danda’uuf yaaduu kan jalqabu, ga’eessa ta’uusaa waggoota muraasa duradha. Dargaggoonni hedduun, gara ga’eessummaatti yommuu guddatan, wanta gochuu barbaadan tokko warra kaanitti himuusaanii dura, kophaasaanii dhimma sanarratti yaaduu barbaadu.

Dhugaadha, ijoolleen umrii dargaggummaarratti argaman iccitiisaanii hiriyootasaanii jalaa hin dhoksan ta’a. Haati Meeksikootti argamtuufi Jesiikaa jedhamtu tokko akkas jechuudhaan wanti kun ishee mudachuusaa ibsiteetti: “Intallikoo xinnoo yeroo turtetti, rakkina ishee mudate utuu homaa hin hambisin natti himti turte. Amma garuu wanti tokko yoo ishee mudate gara hiriyootashee dhaqxi.” Atis wanti akkasii yoo si mudate, mucaankee haadha ykn abbaasaa ta’uukee ‘akka gane’ sitti hin dhaga’amin. Dargaggoonni, gargaarsi warrasaanii akka isaan hin barbaachisne dubbatanis, gorsa hiriyootasaanii caalaa gorsa warrasaaniitiif bakka guddaa akka kennan qorannaawwan mirkaneessaniiru. Ergasuu, yeroo hunda akka waliin haasoftan gochuu kan dandeessu akkamitti?

Wantoota Gufuu Ta’an Balleessuun—Milkaa’ina Argamsiisa

Daandii dheeraa qajeelaa ta’erra konkolaataa oofaa jirta haa jennu. Marii konkolaataa keetii sisirreessuun utuu si hin barbaachisin kiilomeetira baay’ee deemteetta. Garuu, akkuma tasaa daandiin gara tokkotti jal’atu si mudate. Yeroo kanatti konkolaataankee karicha akka hin gadhiisne gochuuf, mariisaa sirreessuu qabda. Haalli yeroo ilmikee dargaggeessa ta’utti si mudatus kanaa wajjin wal fakkaata. Tarii, waggoota hedduudhaaf ilmakee wajjin akka gaariitti haasa’aa turte ta’a. Amma garuu, jireenyasaa keessatti wanti daandii gara tokkotti jal’atuu wajjin wal fakkaatu waan uumameef, ‘mariikee sisirreessuun,’ jechuunis akkaataa isaa wajjin itti haasofturratti sirreeffama gochuun si barbaachisa. Gaaffiiwwan armaan gadii of gaafadhu.

‘Yeroo mucaankoo haasa’uu barbaadu, anoo isa haasofsiisuu nan barbaadaa?’ Macaafni Qulqulluun, “Dubbiin yeroo isaatti dubbatamu, akka killa hudha qabuu isa meetiidhaa fi warqee itti naqanii miidhagsanii ti” jedha. (Fakkeenya 25:11) Caqasni kun, yeroo baay’ee wanta tokko yoom akka dubbannu filachuun keenya barbaachisaa akka ta’e ibsa. Fakkeenyaaf, qonnaan bulaan tokko, yeroon haamaa dursee ykn turee akka dhufu gochuu hin danda’u. Wanti inni gochuu danda’u, yeroo haamaa sanatti akka gaariitti fayyadamuudha. Haaluma wal fakkaatuun, ilmikee inni umrii dargaggummaa keessa jiru, yeroo yaadasaa itti ibsuu barbaadu qaba ta’a. Carraa kanatti fayyadami. Haati qeenteen Awustiraaliyaatti argamtuufi Firaansiis jedhamtu akkas jetteetti: “Intallikoo erga galgalaa’ee booda bakka ciisichakoo kan dhuftu si’a ta’u, yeroo tokko tokko gara sa’aatii tokkootiif na haasofsiisti. Dafee rafuu waanan barbaaduuf, kun anaaf salphaa hin turre. Ta’uyyuu, yeroo sanatti waan baay’ee haasofna.”

AKKAS GOCHUUF YAALI: Mucaankee inni dargaggeessi yaadasaa ibsuu yeroo hin barbaannetti, wantoota tokko tokko isaa wajjin hojjechuuf yaali. Miillaan ykn konkolaataadhaan deemuu, taphachuu ykn hojii mana keessaa hojjechuu dandeessu. Akkasitti yeroo waliin dabarsuun keessan, mucaankee yaadasaa akka ibsu isa kakaasuu danda’a.

‘Wanta inni dubbate qofa utuu hin ta’in, maal jechuu akka barbaade nan hubadhaa?’ Iyoob 12:11, “Akkuma arrabni nyaata miyeeffatu, gurris immoo dubbii gargar hin baasuu ree?” jedha. Yeroo kamiyyuu caalaa, amma waan ilmikee ykn intallikee dubbatan “gargar . . . baasuu” qabda. Dargaggoonni yeroo baay’ee wanta tokko arbeessanii dubbatu. Fakkeenyaaf, ilmi ykn intallikee, “Yeroo hundumaa akka daa’ima xinnootti na ilaalta!” ykn “Matumaa na hin dhaggeeffattu!” jedhu ta’a. Mucaankee jechoota, “yeroo hundumaa” akkasumas “matumaa” jedhaniin fayyadamuusaarratti xiyyeeffachuu mannaa, tarii kallattiidhaan akkas jechuusaa akka hin taane hubadhu. Fakkeenyaaf, “Yeroo hundumaa akka daa’ima xinnootti na ilaalta” yommuu jedhu, “Akka ati na hin amanne natti dhaga’ama” jechuusaa ta’uu danda’a. “Matumaa na hin dhaggeeffattu” yeroo jedhummoo, “Waan natti dhaga’amu sitti himuun barbaada” jechuusaa ta’uu danda’a. Wanta dubbate qofa utuu hin ta’in, maal jechuu akka barbaade hubachuuf yaali.

AKKAS GOCHUUF YAALI: Ilmikee dubbii namatti hin tolle ennaa dubbatu, “Akka aarte hubadheera, wanta jettu dhaga’uun barbaada. Akka daa’ima xinnootti akkan si ilaalu kan sitti dhaga’ame maaliif akka ta’e natti himi!” jechuunii dandeessa. Achiis, utuu dubbiisaa gargar hin kutin dhaggeeffadhu.

‘Mucaankoo inni dargaggeessi yaadasaa akka ibsu dirqisiisuudhaan, utuu natti hin beekamin walitti dhufeenya nu gidduu jiru balleessaan jiraa?’

Macaafni Qulqulluun, “Karaa isaa warra nagaa buusaniif, sanyiin ija qajeelummaa kennu nagaadhaan in facaafama” jedha. (Yaaqoob 3:18) Dubbiidhaanis ta’e amala keetiin ‘nagaan’ akka jiraatu gochuudhaan, mucaankee inni dargaggeessi akka haasa’u gochuu dandeessa. Ilmakee kan gargaaru si ta’uukee hin irraanfatin. Kanaaf, dhimma tokkorratti ennaa mari’attan, akka abukaatoo dubbii naqaashii tokkoo fashaleessuuf jecha gaaffiiwwan nama dogoggorsan gaafatuu ta’uu hin qabdu. Abbaan biyya Kooriyaa jiraatuufi Aan jedhamu tokko akkas jedheera: “Abbaan ogeessi tokko ‘Ati yoomuma guddattee nama taata laata?’ ykn ‘Al meeqan sitti hima?’ hin jedhu. Gama kanaan dogoggora hedduu ergan hojjedhee booda, akkaataan itti dubbadhu qofa utuu hin ta’in wantin dubbadhus ijoolleekoo akka aarsu hubadheera.”

AKKAS GOCHUUF YAALI: Ijoolleenkee gaaffii gaafatamaniif deebii kennuu yeroo hin barbaannetti, mala kan biraadhaan isaan haasofsiisuuf yaali. Fakkeenyaaf, intallikee guyyaa sana akkamitti akka dabarsite kallattiidhaan gaafachuu mannaa, ati akkamitti akka dabarsite dubbachuudhaan deebii isheen laattu dhaga’uu dandeessa. Yookiinimmoo, dhimma tokkorratti ilaalcha isheen qabdu beekuu yoo barbaadde, gaaffii isheerratti hin xiyyeeffanne gaafachuuf yaali. Hiriyaanshee dhimma sanarratti ilaalcha akkamii akka qabdu ishee gaafadhu. Achiis, isheenimmoo gorsa akkamii akka kennituuf gaafadhu.

Dargaggootaa wajjin haasa’uun waan hin danda’amne miti. Akkaataa ijoolleekee wajjin itti haasofturratti akka barbaachisummaasaatti sirreeffama godhi. Warra karaa kanaan milkaa’ina argatan gaafadhu. (Fakkeenya 11:14) Mucaakee wajjin yommuu haasoftu, ‘dhaga’uutti kan ariifattuufi dubbachuutti suuta kan jettu ta’i.’ (Yaaqoob 1:19) Hunda caalaammoo, mucaakee “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” guddisuuf carraaqqii gootuun abdii hin kutatin.—Efesoon 6:4.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

Mucaankoo dargaggeessa erga ta’ee booda jijjiirama akkamiin irratti arge?

Caalaatti isaa wajjin haasa’uu kanan danda’u karaawwan kamiini?

[Fakkii fuula 24rra jiru]

Yaada Warri Kennan

“Ilmikoo yeroo warra kaanii wajjin taanu caalaatti haasa’a. Kanaafuu, booddee yeroo kophaa keenya taanu, wanta sanaan dura haasofne kaaseen itti fufa.ANJEELAA, XAALIYAANIIRRAA.

“Yeroo baay’ee ijoolleen keenya, dura yoo isaan dinqisiifanneefi akka isaan jaallannu yoo itti himne, nuu wajjin haasa’uu akka jalqaban hubanneerra.”DONIZEET, BIRAAZIILIRRAA.

“Ga’eessota seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluutiin guddatan, yeroo umrii waggoota kurnanii keessa turanitti akkam akka isaanitti dhaga’amaa tureefi warrisaanii akkamitti akka isaan gargaaran nan gaafadha. Kana gochuunkoo na gargaareera.”—DOON, BIRITAANIYAARRAA.