Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MAATIIDHAAF | GAAʼELA

Wal Qoccoluu Dhiisuu Kan Dandeessan Akkamitti?

Wal Qoccoluu Dhiisuu Kan Dandeessan Akkamitti?

HAALA RAKKISAA

Hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin tasgabbiidhaan mariʼachuun isin rakkisaa? Akka nama naannoo boombiin jiru keessa of eeggannoodhaan deemaa jiruu, wanti isin dubbattan hundi dubbii akka hin kaasneef sodaan isinitti dhagaʼamaa?

Taanaan haallisaa fooyyaʼuu akka dandaʼu mirkanaaʼoo taʼaa. Jalqaba garuu hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin kan wal qoccoltan maaliif akka taʼe beekuu qabdu.

SABABIINSAA MAALIDHA?

Dogoggoraan wal hubachuu.

Haati manaa Jiliyaan a jedhamtu akkas jetteetti: “Yeroo tokko tokko wantin abbaa manaakootti dubbadhu akkan yaade utuu hin taʼin hafa; ykn wanta tokko utuun isatti hin himin waanan itti hime natti fakkaata. Wanti akkasii yeroo baayʼee na mudata.”

Garaagarummaa jiru.

Hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin hammamiyyuu yoo walii galtan, wantoota tokko tokkorratti ilaalcha addaddaa qabaachuun keessan hin oolu. Maaliif? Yoomiyyuu taanaan namoonni lama guutummaatti tokko taʼuu waan hin dandeenyeefidha. Kunimmoo gaaʼelli keessan gammachiisaa ykn rakkisaa akka taʼu gochuu dandaʼa. Garaagarummaan jiru hiriyoota gaaʼelaa hedduu gidduutti rakkina uumeera.

Maatii fakkeenya gaarii hin taane keessatti guddachuu.

Haati manaa Reechal jedhamtu akkas jetteetti: “Warrikoo yeroo baayʼee wal qoccolu, akkasumas karaa hin taaneen walii deebisu. Kanaaf yommuun gaaʼela godhadhu akka haatikoo abbaakootti dubbattuttan abbaa manaakootti dubbachuu jalqabe. Akkamitti kabaja argisiisuun akka dandaʼamu hin barannen ture.”

Sababiisaa beekuuf yaalaa.

Yeroo baayʼee wanti qoccolloon akka kaʼu godhu dhimma wanta uumameen ala jirudha. Fakkeenyaaf, “Atimmoo yeroo hundumaa barfatta!” jechuudhaan qocolloon yoo jalqabame, sababiinsaa waaʼee saʼaatii kabajuu utuu hin taʼin, walii yaaduu dhiisuu taʼuu dandaʼa.

Sababiinsaa maaliyyuu yoo taʼe, yeroo hundumaa wal qoccoluun fayyaa keessan miidhuusaarrayyuu akka wal hiiktan gochuu dandaʼa. Kanaaf, qocolloo dhiisuudhaan walii galuu kan dandeessan akkamitti?

MAAL GOCHUU DANDEESSU?

Qoccolloorraa fagaachuuf, wanta qoccolloon akka uumamu godhe adda baasanii beekuun murteessaadha. Kanaaf, yeroo qoccolloon isin gidduu hin jirretti hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin gilgaala armaan gadii hojjechuuf yaalaa.

1. Waraqaa tokko tokko qabadhaatii wanta dhiheenyatti akka wal qoccoltan isin godhe barreessaa. Fakkeenyaaf abbaan manaa, “Bakka jirtu bilbiltee utuu natti hin himin guyyaa guutuu hiriyootakee wajjin oolte” jedhee barreessuu dandaʼa. Haati manaammoo, “Kanati aarte hiriyootakoo wajjin waanan yeroo dabarseefidha” jettee barreessuu dandeessi.

2. Garaa qulqulluudhaan yaada armaan gadiirratti mariʼadhaa: Dhimmi kun dhuguma hamma kana kan wal nu qoccolsiisu turee? Bira darbuu hin dandeenyu turree? Yeroo tokko tokko, nagaa uumuuf jecha, garaagarummaa qaban amananii fudhachuudhaan jaalalaan bira darbuun gaarii taʼuu dandaʼa.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 17:9.

Wanti sun salphaa taʼuusaa yoo hubattan, dhiifama wal gaafachuudhaan waaʼee dhimma sanaa yaaduu dhiisaa.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Qolosaayis 3:13, 14.

Dhimmichi tokkoon keessaniif ykn lamaan keessaniifiyyuu cimaa yoo fakkaate qabxii ittaanutti ceʼaa.

3. Yeroo wal qoccolaa turtanitti wanta isinitti dhagaʼame barreessaa. Fakkeenyaaf abbaan manaa, “Naa wajjin taʼuurra hiriyootakee wajjin taʼuu akka barbaaddu waan natti dhagaʼameefidha” jedhee barreessuu dandaʼa. Haati manaammoo, “Akkuma abbaan tokko intalasaa toʼatu, akka mucaatti na toʼachuu akka barbaaddu waan natti dhagaʼameefidha” jettee barreessuu dandeessi.

4. Waraqaa keessan wal jijjiiruudhaan yaada barreessitan dubbisaa. Yeroo wal qoccoltan hiriyaa gaaʼelaa keessan caalaatti kan yaaddesse maal ture? Dhimma sana utuu wal hin qoccolin hiikuuf lamaan keessaniyyuu maal gochuun akka isinirra ture mariʼadhaa.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 29:11.

5. Gilgaala kanarraa maal akka barattan mariʼadhaa. Barumsa argattan kanatti fayyadamuudhaan, gara fuulduraatti qoccolloo uumame hiikuu ykn akka wal hin qoccolle gochuu kan dandeessan akkamitti?

a Maqaawwan jijjiiramaniiru.