Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MAATIIDHAAF | IJOOLLEE GUDDISUU

Hin Taʼu Jechuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

Hin Taʼu Jechuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

HAALA RAKKISAA

Mucaan keessan hin taʼu yoo isaan * jettan hin dhagaʼu. Hin taʼu yommuu isaan jettan, isiniif ajajamuu diduunsaa obsa isin fixachiisa. Matumaa isa tasgabbeessuu akka hin dandeenye yommuu isinitti dhagaʼamu, yaada keessan jijjiiruudhaan wanta inni barbaade isaaf gootu. Yeroo hundumaa akkasitti waan isin aarsuuf utuu hin jaallatin wanta hin taʼu jettanii turtan ni gootuuf.

Yaada keessan jijjiiruu dhiisuu barachuu ni dandeessu. Jalqaba garuu, hin taʼu jechuu kan qabdan maaliif akka taʼe haa ilaallu.

WANTA BEEKUU QABDU

Hin taʼu jechuun gara jabina miti. Warri tokko tokko mucaasaanii amansiisuuf yaaluu, waan jechuu barbaadan isaaf ibsuu ykn mariʼachuudhaan walii galuu akka qaban waan yaadanii yaada kanarratti walii hin galan taʼa. Akkasumas, mucichi haaloo akka qabatu waan godhuuf matumaa hin taʼu isaan jechuu hin qabnu jedhanii yaadu.

Hin taʼu jechuun keessan jalqabarratti kan isa aarsu taʼus, dhugaa jiru, jechuunis namni tokko waan barbaade hunda argachuu akka hin dandeenye hubachuuf isa gargaara. Hin taʼu erga jettanii booda deebitanii isaaf gochuun keessan garuu, aangoo keessan akka inni hin kabajne kan godhu siʼa taʼu, yommuu waa barbaadu hundatti, isin amansiisuudhaan argachuu akka dandaʼu akka itti dhagaʼamu godha. Kunimmoo yeroo booda wanta isin itti himtan fudhachuu akka didu gochuu dandaʼa. Hunda caalaammoo, mucaan tokko warrasaa akka barbaade gochuu ni dandaʼa taanaan akkamitti isaan kabaja?

Hin taʼu jechuun keessan wantoota yeroo dargaggummaafi gaʼeessummaatti isa mudataniif isa qopheessa. Of qabuun akka isa fayyadu isa barsiisa. Mucaan leenjii akkasii argate, yeroo dargaggummaasaatti qoricha sammuu hadoochu akka fudhatu ykn gaaʼela dura saalqunnamtii akka raawwatu yommuu dhiibbaan isarra gaʼu diduun isatti hin ulfaatu.

Hin taʼu jechuun keessan yeroo gaʼeessa taʼuttis isa gargaaruu dandaʼa. Doktoor Deevid Waalshi akkas jedheera: “Nuti [gaʼeessonni] wanta barbaanne yeroo hunda argachuu hin dandeenyu. Kanaaf, addunyaa kana keessatti wanta barbaadan hunda argachuu akka dandaʼan ijoollee keenya barsiisuunis wanta isaan fayyadu hin qabu.” *

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Kaayyoo keessanirratti xiyyeeffadhaa. Mucaan keessan dandeettii kan qabu, miirasaa toʼachuu kan dandaʼu akka taʼuufi gaʼeessa yommuu taʼu akka isaaf milkaaʼu barbaaddu. Wanta inni isin gaafatu hunda yoo kennitaniif garuu kaayyoo keessan kana dagachaa jirtu jechuudha. Macaafni Qulqulluun, namni tokko ‘mucummaa isaatii jalqabee yoo qanansiifame, dhumarratti akka nama tuffatu’ dubbata. (Fakkeenya 29:21) Kanaaf, hin taʼu jechuun karaa itti ijoollee adaban keessaa isa tokkodha. Leenjiin akkasii ijoollee keessan kan fayyadu malee kan miidhu miti.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Fakkeenya 19:18.

Wanta hin taʼu jettan dafaatii murteessaa. Mucaan keessan isinii wajjin qixxee miti. Kanaaf akka nama isa biraa heyyama argachuu barbaaduutti wanta takkaa hin taʼu jettanirratti wal hin falminaa. Ijoolleen yommuu guddachaa adeeman ‘sammuunsaanii hojiidhaan itti bare hamaafi gaarii gargar baasuu akka dandaʼan’ leenjii argachuun isaan barbaachisa. (Ibroota 5:14) Kanaaf, isaanii wajjin mariʼachuun dogoggora miti. Taʼus, maaliif hin taʼu akka jettan ilaalchisee ijoollee xixinnoo wajjin morkii keessa hin galinaa. Ijoollee keessanii wajjin kan morkattan taanaan, hin taʼu jechuun keessan murtoo utuu hin taʼin mareedhaaf kan dhihaate fakkaachaa adeema.—Seera buʼuura Macaafa Qulqulluu: Efesoon 6:1.

Murtoo gootan hin jijjiirinaa. Mucaan keessan booʼuudhaan ykn isin kadhachuudhaan murtoo keessan akka jijjiirtan gochuuf yaaluu dandaʼa. Haalli akkasii mana keessatti yoo isin mudate maal gochuu dandeessu? Kitaabni Laaviingi Wiizaawut Ispooyiliingi jedhamu akkas jechuudhaan dubbateera: “Dhiisaa biraa adeemaa. Akkasumas, ‘Boonyaan booʼuu dandeessa, garuu sagaleekee dhagaʼuu hin barbaadu. Gara kutaakee deemiitii hamma booʼichikee sirraa galutti achuma turi’ isaan jedhaa.” Jalqabarratti tarkaanfii akkasii fudhachuun isinitti ulfaachuu dandaʼa; mucaan keessanis fudhachuun isatti ulfaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, wanta murteessitan hojiirra akka oolchitan yommuu baraa adeemu, isin morkachuu dhiisuu dandaʼa.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Yaaqoob 5:12.

Aangoo akka qabdan argisiisuuf qofa hin taʼu hin jedhinaa

Sababa qabeeyyii taʼaa. Aangoo akka qabdan argisiisuuf qofa hin taʼu hin jedhinaa. Kanaa mannaa, “Sababa qabeeyyii taʼuun keessan” akka beekamu godhaa. (Filiphisiiyus 4:5, NW) Mucaan keessan booʼeef ykn wanti inni gaafachaa jiru sirrii akka taʼe itti dhagaʼameef utuu hin taʼin, yeroo itti tole isaaf jettan qabdu.—Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu: Qolosaayis 3:21.

^ key. 4 Mataduree kana keessatti dhiiraan kan ibsine taʼus, seerri buʼuuraa as keessatti caqasame saala lamaaniifuu ni hojjeta.

^ key. 10 Kitaaba, Noo: Waay Kiidsi oov Ool Eejis Niid tuu Hiir Iit eendi Weeyis Paareentis Kaan Sey Iit jedhamurraa kan fudhatame