Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATADUREE FUULA JALQABAA

Biyya Lafaa Ofittoo Taʼe Keessatti Ijoollee Warra Kaaniif Yaadan Guddisuu

Biyya Lafaa Ofittoo Taʼe Keessatti Ijoollee Warra Kaaniif Yaadan Guddisuu

WARRA kaaniif waan gaarii gochuuf guyyaa guyyaadhaan carraa hedduu arganna. Haataʼu malee, namoonni baayʼeen ofiisaaniitiif qofa kan yaadan fakkaata. Bakka kamittiyyuu jechuun ni dandaʼamaa, namoonni qaanii malee warra kaan yommuu gowwoomsan, yommuu seeraan ala konkolaataa oofan, yommuu nama arrabsaniifi aariidhaan finiinan ni argina.

Ilaalchi ofittummaa maatiiwwan hedduu keessattis ni mulʼata. Fakkeenyaaf hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko, ‘hiriyaa gaaʼelaa isa ammaarra wayyuu qabaachuun akka isaaniif malu’ waan itti dhagaʼamuuf qofa hiriyaa gaaʼelaasaanii hiiku. Warri tokko tokkommoo, utuu itti hin yaadin ijoolleensaanii ilaalcha ofittummaa akka qabaatan gochuu dandaʼu. Akkamitti? Wanta ijoolleensaanii barbaadan hunda kan guutaniif taʼuusaarrayyuu, adaba akkamiiyyuu hin kennaniif.

Haala kanarraa adda taʼeen, warri hedduun ijoolleensaanii warra kaaniif dursa akka kennan kan leenjisan siʼa taʼu, kunis faayidaa guddaa qaba. Ijoolleen warra kaaniif yaadan, yeroo baayʼee hiriyoota qabaachuufi hiriyummaan kun itti fufiinsa akka qabaatu gochuu dandaʼu. Ijoolleen akkasii waan qabanitti kan gammadan taʼu. Maaliif? Akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu, ‘fudhachuurra kennuun caalaa waan nama gammachiisuufidha.’​—Hojii Ergamootaa 20:35.

Warra yoo taatan, ijoolleen keessan faayidaa nama gaarii taʼuudhaan argamu akka argataniifi amala ofittummaa isa isaan marsee jiruun akka hin faalamne gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Kiyyoowwan ijoolleen keessan ofittoo akka taʼan godhan sadan maal akka taʼaniifi kiyyoowwan kanarraa akkamitti isaan eeguu akka dandeessan haa ilaallu.

1 Garmalee jajuu

Rakkina maalii qaba? Qorattoonni wanti kun rakkina guddaa tokko akka qabu hubataniiru: Dargaggoonni hedduun yommuu hojii qabatan, aangoo guddaa argachuu kan barbaadan siʼa taʼu, carraaqqii xinnoo gochuudhaan ykn utuu homaa hin carraaqin milkaaʼina argachuu barbaadu. Dargaggoonni tokko tokkommoo waaʼee hojiisaanii akka gaariitti utuu hin beekin, dafanii guddina hojii akka argatan yaadu. Dargaggoonni kaanis, namoota kaanirraa adda akka taʼan waan yaadaniif iddoon sun akka isaaniif malu itti dhagaʼama; kanaan kan kaʼes, yaanni warra kaanii yaadasaaniirraa adda taʼuusaa ennaa hubatan baayʼee gaddu.

Sababiinsaa maalidha? Yeroo tokko tokko namni tokko warra kaanirra akka caalu kan itti dhagaʼamu, akkaataa guddinaasaatiin kan kaʼe taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, warri tokko tokko ilaalcha yeroo dhihoodhaa asitti biyya lafaarratti babalʼateef, jechuunis ilaalchi ofiif ulfina guddaa kennuun barbaachisaadha jedhu dhiibbaa isaanirratti godheera. ‘Ijoolleen hamma tokko jajamuunsaanii gaariidha taanaan, baayʼee jajamuunsaaniimmoo caalaatti gaarii taʼa’ yaanni jedhu sirrii fakkaachuu dandaʼa. Karaa garabiraatiin yaanni kun, komiin akkamiiyyuu mucaan tokko abdii akka kutatu godha ergaa jedhu dabarsa. Warri ijoolleensaanii ofiif ulfina guddaa akka qabaatan godhanii yoo isaan guddisuu baatan, akka warra gaariitti hin ilaalaman. Warri, ijoolleensaanii waaʼee ofiisaanii miirri gadheen akka itti dhagaʼamu gochuu akka hin qabne ni gorfamu.

Kanaan kan kaʼes, haadhotiifi abbootii hedduun ijoolleensaanii wanta isaan galateeffachiisu tokkoyyuu gochuu baatanillee, yeroo hundumaa garmalee isaan jaju. Ijoolleen, wanti gaariin raawwatan hammamiyyuu xinnoo yoo taʼe, garmalee jajamu; balleessaan raawwatanimmoo hammamiyyuu guddaa yoo taʼe akkasumatti bira darbamaaf. Warri akkasii, ijoolleen ofiif ilaalcha gaarii akka qabaatan gochuun kan dandaʼamu, balleessaasaanii bira darbuufi waan gaarii hojjetan hunda jajuudhaan akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Ijoolleen waaʼee ofiisaanii miirri gaariin akka itti dhagaʼamu gochuun, hojii miirri gaariin akka isaanitti dhagaʼamu godhu akka hojjetan isaan barsiisuu caalaa barbaachisaa akka taʼetti ilaalamaa dhufeera.

Macaafni Qulqulluun maal jedha? Macaafni Qulqulluun yeroo sirrii taʼutti nama jajuun barbaachisaa akka taʼe dubbata. (Maatewos 25:19-21) Haataʼu malee, ijoollee gammachiisuuf qofa isaan jajuun, ofiisaaniitiif ilaalcha sirrii hin taane akka qabaatan gochuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, “Namni waanuma tokkoof dhimma kan hin baafne taʼee utuu jiruu, nama dhimma baasu yoo of seʼe, inni of in gowwoomsa” jechuudhaan ifatti dubbata. (Galaatiyaa 6:3) Macaafni Qulqulluun, “Ijoolleekee sirreessuu hin dhiisin. Itti jabaachuunkee isaan hin ajjeesu” jechuudhaan warra gorsuunsaa sirriidha. *​—Fakkeenya 23:13, Kontemporaarii Ingilish Varshin.

Maal gochuu dandeessu? Yeroo barbaachisaa taʼetti sirreeffama kennuuf, yeroo sirrii taʼuttimmoo isaan galateeffachuuf murtoo godhaa. Ijoollee keessan gammachiisuuf qofa garmalee isaan hin jajinaa. Kana gochuun yeroo baayʼee buʼaa gaarii hin qabaatu. Kitaabni Janareeshin Mii jedhamu, “Ofitti amanannaa inni dhugaan, dandeettii keessan guddifachuufi barachuudhaan malee, lubbuudhaan waan jirtaniif qofa iddoo guddaa akka qabdan isinitti himamuudhaan kan argamu miti” jedheera.

‘Namni waan yaaduun isaaf taˈu caalaatti of hin yaadin; garuu akka of ilaaluun taˈuufitti, haa yaadu!’​—Roomaa 12:3

2 Garmalee eegumsa gochuu

Rakkina maalii qaba? Dargaggoonni hojii qabatan hedduun, rakkinaaf of hin qopheessan. Isaan keessaa tokko tokko xinnumallee yommuu komataman baayʼee gaddu. Kaanimmoo namoota gammachuu hin qabne waan taʼaniif, hojii iddoo guddaa qabu qofa hojjechuu barbaadu. Fakkeenyaaf, Dooktar Jooseef Aalan, kitaaba Eskeeppiing za Iindilas Adoolasansi jedhamurratti dargaggeessi tokko yeroo dorgommii hojiitiif gaafannoon godhamuuf, “Yeroo tokko tokko haalli hojichaa na nuffisiisuu akka dandaʼu natti dhagaʼama; animmoo nuffuu hin barbaadu” akka isaaniin jedhe dubbataniiru. Dooktar Aalan, “Dargaggeessi kun, hojiiwwan hundi haala nama nuffisiisu qabaachuu akka dandaʼan kan hubate hin fakkaatu. Namni tokko waggaa digdamii sadii guutuu jiraatee akkamitti utuu kana hin hubatin hafa?” jechuudhaan barreessaniiru.

Sababiinsaa maalidha? Waggoota dhihoodhaa asitti, warri hedduun ijoolleesaanii rakkina akkamiirraayyuu eeguu akka qaban itti dhagaʼama. Intalli keessan qormaata yoo kufte barsiisaanshee qabxii akka isheedhaaf dabalu gaafattuufii? Ilmi keessan miʼa manaa yoo mashe, ni sirreessituufii? Ilmi keessan hiriyaasaa wajjin yoo wal lole, kan balleesse hiriyaasaa akka taʼe dubbattuu?

Ijoollee keessaniif eegumsa gochuu barbaaduun waanuma jiru taʼuyyuu, garmalee eegumsa isaaniif gochuun keessan, gochasaaniitiif itti gaafatamummaa fudhachuun akka isaan hin barbaachisne akka itti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Kitaabni Poozatiiv Disippiliin foor Tiineejarsi jedhamu akkas jedheera: “Ijoolleen [akkasii] rakkinaafi gadda isaanirra gaʼu dandaʼuufi irraa barachuu mannaa, namoonni kaanis taʼan warrisaanii waa gochuufii akka qaban waan amananiif garmalee ofittoo taʼanii guddatu.”

Macaafni Qulqulluun maal jedha? Rakkinni kutaa jireenyaati. Macaafni Qulqulluun, “Wanti hamaan nama hundarra ni gaʼa!” jedha. (Lallaba 9:11, Iizii-tuu-Riid Varshin) Wanti akkasii namoota gaarii taʼanirras ni gaʼa. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan yeroo tajaajilaa turetti rakkinni addaddaa isarra gaʼeera. Taʼuyyuu, rakkoowwan kana dandaʼuunsaa isa fayyadeera! Akkas jechuudhaan barreesseera: “Ani akka kamitti iyyuu of dandaʼee jiraachuu bareera. . . . Waan hundumaatti, akka kamittis, quufatti, beelattis, irraa hafaa qabaachuutti, dhabuuttis nan beeka.”​Filiphisiiyus 4:11, 12.

Maal gochuu dandeessu? Bilchina ijoollee keessanii tilmaama keessa galchuudhaan, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu, “Namni adduma addaan waan ofii isaatii baatu qaba” jedhu hordofuuf carraaqqii godhaa. (Galaatiyaa 6:5) Ilmi keessan miʼa manaa yoo mashe, innumti akka sirreessu gochuun gaarii taʼuu dandaʼa. Intalli keessan qormaata yoo kufte, tarii kun yeroo itti aanuuf qophii gaarii akka gootu ishee dammaqsuu dandaʼa. Ilmi keessan hiriyaasaa wajjin yoo wal lole isa jajjabeessaa; taʼus, yeroo mijaaʼaa filadhaatii gaaffiiwwan akka, ‘Anoo wantan balleesse qabaa laata?’ jedhanirratti akka xiinxalu isa gargaaraa. Ijoolleen rakkina isaanirra gaʼu dandaʼuunsaanii, jabinaafi ofitti amanannaa isa yeroo hunda eegumsi yoo godhameef horachuu hin dandeenye akka horatan isaan gargaara.

‘Namni hojii ofii isaa qoree haa ilaalu! Yoos waan ittiin of jaju argata.’​—Galaatiyaa 6:4

3 Waan barbaadan hunda isaaniif guutuu

Rakkina maalii qaba? Dargaggoota qorannaan irratti godhame keessaa dhibbeentaa 81 kan taʼan, dhaloonni barasaaniitti jiru galmisaa inni guddaan, warra kaan gargaaruu caalaa ‘sooressa taʼuu’ akka taʼe dubbataniiru. Haataʼu malee, qabeenya argachuuf carraaquun gammachuu hin argamsiisu. Qorannaan tokko, namoonni qabeenyarratti xiyyeeffatan gammachuunsaanii xinnoo akka taʼeefi dhiphina guddaa akka qaban argisiisa. Kana malees, ijoolleen akkasii warra kaan caalaa rakkina qaamaafi rakkina sammuu qabu.

Sababiinsaa maalidha? Ijoolleen tokko tokko maatii qabeenyarratti xiyyeeffatu keessatti guddatu. Kitaabni Za Naarkisiizim Eppiidamiik jedhamu, “Warri, ijoolleesaanii gammachiisuu barbaadu; ijoolleenis waan baayʼee argachuu barbaadu. Kanaaf, warri waan ijoolleensaanii barbaadan sana ni bituuf. Yeroo kanatti ijoolleen kan gammadan taʼus, kan gammadan yeroo gabaabaadhaaf qofadha. Sana boodammoo wanta dabalataa argachuu barbaadu” jedheera.

Dhaabbileen beeksisaa, maamiltoota nu gaʼa jechuu hin beeknerraa faayidaa argachuuf hawwii guddaa qabu. Beeksisawwan kun, ‘wanta hundarra caalu argachuun siif mala’ yaada jedhu dabarsu. Dargaggoonni hedduun waanuma jedhamu hunda dhagaʼuudhaan, waan isaaniif ‘taʼa’ jedhamu bituuf jecha liqii kaffaluu hin dandeenye keessa galaniiru.

Macaafni Qulqulluun maal jedha? Macaafni Qulqulluun qarshiin barbaachisaa taʼuusaa ni dubbata. (Lallaba 7:12) Haataʼu malee, “horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latu” akka taʼes ni akeekkachiisa. Itti dabaluudhaanis, “Namoonni gar tokko yaada isaanii horii argachuu irra kaaʼatanii, . . . waraansa baayʼeedhaanis of waraananiiru” jedha. (1 Ximotewos 6:10) Macaafni Qulqulluun, qabeenya akka ariinu utuu hin taʼin, wanta jireenyaaf barbaachisu qabaachuutti akka gammannu nu jajjabeessa.​—1 Ximotewos 6:7, 8.

“Warri sooromuu barbaadan immoo qoramatti, kiyyootti, kajeellaatti, gowwummaa isaan miidhu baayˈee keessattis in kufu.”​—1 Ximotewos 6:9

Maal gochuu dandeessu? Warra hamma taatanitti, ilaalcha qarshiidhaafis taʼe wanta qarshiin bituu dandaʼuuf qabdan qoraa. Wanta dursa kennitaniif addaan baasaa beekaa; ijoolleen keessanis akkasuma akka godhan gargaaraa. Kitaabni Za Naarkisiizim Eppiidamiik jedhamu inni olitti caqasame akkas jedha: “Warriifi ijoolleen gaaffiiwwan akka, ‘Wantoota rakasaan gurguraman bituun sirrii kan taʼu yoomi? Sirrii kan hin taanehoo?’ ‘Duubeedhaan utuu binnee dhallisaa hammami?’ ‘Namni tokko wanta tokko bituu akka qabdu waan sitti himeef qofa bittee beektaa?’ jedhaniirratti mariʼachuu qabu.”

Rakkina maatii keessatti uumameefi furamuu qabu irraanfachiisuuf, qabeenyatti akka hin fayyadamne of eeggadhaa. Kitaabni Za Piraayis oov Piriivileej jedhamu akkas jedha: “Wantoota tokko tokko bituudhaan rakkina uumame furuuf yaalii gochuun, matumaa furmaata taʼuu hin dandaʼu. Rakkinni uumame, kopheefi boorsaadhaan utuu hin taʼin, yaadaan, hubannaafi namootaaf naʼuudhaan furamuu qaba.”

^ key. 11 Macaafni Qulqulluun qaamas taʼe miira ijoollee miidhuu hin jajjabeessu. (Efesoon 4:29, 31; 6:4) Sirreeffamni kan kennamu, barsiisuuf malee aarii warraa qabbaneessuuf taʼuu hin qabu.