Warra Roomaatiif 12:1-21

  • Qaama keessan aarsaa jiraatu godhaa dhiheessaa (1, 2)

  • Qaama tokkicha, kennaa adda addaa (3-8)

  • Gorsa jireenya Kiristiyaanummaa dhugaa ilaalchisee kenname (9-21)

12  Kanaafuu yaa obbolootaa, qaama keessan aarsaa jiraataa, qulqulluu+ fi Waaqayyo biratti fudhatama qabu gootanii akka dhiheessitan+ gara laafina Waaqayyootiin isinan kadhadha; kunis tajaajila qulqulluu dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamtanii dhiheessitani dha.+  Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne mirkaneeffachuu+ akka dandeessaniif,+ sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa malee, sirni* kun dhiibbaa akka isin irratti godhu* hin heyyaminaa.  Namni isin gidduu jiru kam iyyuu, akka amantii Waaqayyo isaaf kennetti,* sammuu fayyaa akka qabu karaa argisiisuun akka yaadu malee,+ hamma yaaduu qabu caalaa waaʼee ofii isaa akka hin yaanne gaarummaa guddaa naaf kennameen isinan gorsa.+  Akkuma qaamni keenya tokko taʼee utuu jiruu,+ kutaawwan qaamaa hedduu qabuu fi kutaawwan qaamaa hundis hojii wal fakkaatu hin qabne,  nutis hedduu taanee utuu jirruu, tokkummaa Kiristoosii wajjin qabnuun qaama tokko dha; haa taʼu malee, hundi keenya dhuunfaatti kutaa qaama walii ti.+  Kanaafuu, akka gaarummaa guddaa nuuf kennameetti kennaa adda addaa waan qabnuuf,+ kennaan keenya raajii dubbachuu yoo taʼe, akka amantii nuuf kennameetti haa dubbannu;  yookiin kennaan keenya tajaajiluu yoo taʼe, tajaajiluu keenya itti haa fufnu; inni barsiisus barsiisuu isaa itti haa fufu;+  inni jajjabeessu,* haa jajjabeessu;*+ inni kennu* arjummaadhaan haa kennu;+ inni dura buʼu dhimmee* kana haa godhu;+ inni namaaf garaa laafus kana gammachuudhaan haa godhu.+  Jaalalli keessan fakkeessaa kan hin qabne haa taʼu.+ Wanta hamaa jibbaa;+ wanta gaariitti maxxanaa. 10  Jaalala obbolummaatiin hoʼisaa wal jaalladhaa. Kabaja walii kennuuf dursa fudhadhaa.+ 11  Jabaadhaa* hojjedhaa malee, dhibaaʼoo* hin taʼinaa.+ Hafuuraan kan gubattan taʼaa.+ Akka garbaatti Yihowaa* tajaajilaa.+ 12  Abdichatti gammadaa.+ Rakkina keessatti jabaadhaa dhaabbadhaa. Kadhannaatti jabaadhaa.+ 13  Qulqullootaaf akka rakkina isaaniitti isaaniif kennaa.+ Keessummoota simachuu amaleeffadhaa.+ 14  Warra isin ariʼatan eebbisuu keessan itti fufaa;+ isaan eebbisaa malee hin abaarinaa.+ 15  Warra gammadanii wajjin gammadaa; warra booʼanii wajjin booʼaa. 16  Ilaalcha ofiif qabdan warra kaaniifis qabaadhaa; ilaalcha gad of qabuu qabaadhaa malee, of hin tuulinaa.+ Ogeeyyii akka taatanitti of hin ilaalinaa.+ 17  Eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan hin deebisinaa.+ Wanta namoota hundumaa duratti gaarii taʼe hojjedhaa. 18  Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa.+ 19  Yaa obboloota jaallatamo, “‘Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala’ jedha Yihowaan”*+ jedhamee waan barreeffameef, dheekkamsa Waaqayyoof dhiisaa malee+ ofii keessanii haaloo hin baʼinaa. 20  Kanaa mannaa, “diinni kee yoo beelaʼe nyaachisi; yoo dheebote wanta dhugu isaaf kenni; kana gochuudhaan barbadaa* mataa isaa irra tuulta.”*+ 21  Hamaa gaariidhaan moʼuu kee itti fufi malee, hamaadhaan hin moʼamin.+

Miiljaleewwan

Ykn., “barri.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “akka isin bocu.”
Ykn., “hiretti.”
Ykn., “gorsu.”
Ykn., “gorsu.”
Ykn., “buusii godhus.”
Ykn., “garaadhaa.”
Ykn., “Dhimmaa; Hinaaffaadhaan.”
Ykn., “daagii.”
Ykn., “mukukkula.”
Kun namichi laafee amalli isaa inni jabaan akka baqu gochuu argisiisa.