Dhimma ijoo ta'etti seeni

Siʼool Dhugumaan Jiraa? Akka Kitaaba Qulqulluutti Siʼool Maali Dha?

Siʼool Dhugumaan Jiraa? Akka Kitaaba Qulqulluutti Siʼool Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu Ingiliffaa durii gara garaa, kanneen akka King James Version caqasoota tokko tokko irratti jecha “siʼool” jedhutti fayyadamu. (Faarfannaa 16:10; Hojii Ergamootaa 2:27 a) Akka Fakkiin mata duree kana irra jiru argisiisutti, namoonni hedduun siʼool bakka namoonni hamoon ibidda bara baraatiin itti adabaman akka taʼe amanu. Haa taʼu malee, wanti Kitaabni Qulqulluun barsiisu kana dhaa?

Mata duree kana keessatti

 Siʼool bakka namoonni itti dhiphatani dhaa?

 Lakki. Jechi afaan jalqabaa hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu durii tokko tokko irratti “siʼool” jedhamee hiikame, (Afaan Ibrootaatiin, “Shiiʼool”; Afaan Giriikiitiin, “Haadis”) kan jedhamu siʼa taʼu, “Awwaala,” jechuunis bakka ilmaan namootaa waliin itti awwaalaman argisiisa. Kitaabni Qulqulluun namoonni “Awwaala” keessa jiran jireenyaa ala akka taʼan ibsa.

  •   Namoonni duʼan waan of hin beekneef, dhiphinni isaanitti hin dhagaʼamu. “Siʼool keessa hojiin, ykn yaaduun ykn ogummaan ykn beekumsi hin jiru.” (Lallaba 9:10, Hiika Kitaaba Qulqulluu Douay-Rheims jedhamu) Siʼool iyya namoota dhiphataniitiin kan guutame miti. Kanaa mannaa Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Hamoonni haa qaanaʼan, awwaala [siʼool, hiika Douay-Rheims jedhamu] keessattis haa callisan” jedha.—Faarfannaa 31:17; Faarfannaa 115:17.

  •   Waaqayyo duuti iddoo cubbamoonni ibidda qilee keessatti itti adabaman akka taʼe hin ibsu. Adabni nama seera Waaqayyo cabsuuf kennamu duʼa akka taʼe Waaqayyo Addaam isa nama jalqabaa taʼetti himeera. (Uumama 2:17) Yeroo kanatti Waaqayyo waaʼee siʼool keessatti bara baraaf gubachuu wanta tokko illee hin dubbanne. Achiis booda yommuu Addaam cubbuu hojjetu, adabni isaaf kennamu maal akka taʼe isatti himeera. “Ati biyyoo waan taateef biyyootti ni deebita” isaan jedhe. (Uumama 3:19) Addaam jiraachuu dhaaba. Waaqayyo Addaamiin gara ibidda siʼoolitti ergeera utuu taʼee, as irratti ni eera ture. Waaqayyo adaba namoota seera isaa cabsaniif kennamu irratti jijjiirama hin goone. Addaam erga cubbuu hojjetee yeroo dheeraa booda, Waaqayyo barreessaan Kitaaba Qulqulluu tokko geggeessaa hafuuraatiin, “Mindaan cubbuun kaffalu duʼa dha” jedhee akka barreessu isa kakaaseera. (Roomaa 6:23) ‘Namni duʼe cubbuu isaa irraa bilisa waan baʼuuf’ adabni dabalataa isa hin barbaachisu.—Roomaa 6:7.

  •   Waaqayyo Yaada bara baraaf dhiphachuu jedhu ni jibba. (Ermiyaas 32:35) Yaanni akkasii barumsa Kitaaba Qulqulluu, “Waaqayyo jaalala” jedhuu wajjin wal faallessa. (1 Yohaannis 4:8) Waaqayyo bara baraaf ibiddaan gubachuu sodaannee utuu hin taʼin, jaalalaan kakaanee akka isa waaqeffannu barbaada.—Maatewos 22:36-38.

  •   Namoonni gaariin gara siʼool dhaqaniiru. Kitaabonni Qulqulluun jecha “siʼool” jedhu fayyadaman namoonni amanamoon, kanneen akka Yaaqoobii fi Iyyoob gara siʼool dhaquuf eeggachaa akka turan ibsaniiru. (Uumama 37:35; Iyyoob 14:13) Yesuus Kiristoos illee erga duʼee booda hamma duʼaa kaʼetti siʼool keessa akka ture dubbateera. (Hojii Ergamootaa 2:31, 32) Kanaafuu, Kitaabota Qulqulluu kana keessatti jechi “siʼool” jedhu kan itti hojjetame Awwaala argisiisuuf akka taʼe ifa dha. b

 Hiikni fakkeenya Yesuus waaʼee namicha sooressaa fi Alaazaar dubbatee maali dha?

 Fakkeenya kana kan dubbate Yesuus yeroo taʼu Luqaas 16:19-31 irratti argama. Fakkeenyonni kan itti hojjetaman waaʼee naamusaa ykn ilaalcha Waaqayyo dhimmoota tokko tokkoof qabu barsiisuufi dha. Fakkeenyi waaʼee namicha sooressaa fi Alaazaar dubbatame waaʼee namoota dhugumaan jiraatanii kan ibsu miti. (Maatewos 13:34) Waaʼee fakkeenya kanaa caalaatti beekuuf, mata duree “Namichi Sooressii fi Alaazaar Eenyu Dha?” jedhu ilaali.

 Siʼool Waaqayyo irraa adda baʼuu argisiisaa?

 Lakki. Barumsi amantii namoonni duʼan Waaqayyo irraa akka adda baʼu jedhu, barumsa Kitaaba Qulqulluu namoonni duʼan waan tokko iyyuu hin beekan jedhuu wajjin wal faallessa.—Faarfannaa 146:3, 4; Lallaba 9:5.

  Namni siʼool keessaa gadhiifame jiraa?

 Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun namoonni sagal gara Awwaalaa (Kitaabota Qulqulluu tokko tokko keessatti “siʼool” jedhamee hiikameera) dhaqanii akka turanii fi duʼaa kaʼuudhaan gara jireenyaatti akka deebiʼan balʼinaan ibsa. c Yeroo siʼool keessaa turan of beeku utuu taʼee, wantoota achitti isaan mudatan ni dubbatu turan. Kan nama dinqisiisu garuu salgan isaanii iyyuu gubachaa ykn wanti kan biraan isaan irra gaʼaa akka ture hin dubbanne. Maaliif? Akkuma Kitaabni Qulqulluun barsiisu yeroo duʼanitti akkuma nama “hirriba” cimaa keessa jiruu waan tokko illee hin beekan turan.—Yohaannis 11:11-14; 1 Qorontos 15:3-6.

a Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu Ingiliffaa ammayyaa hedduun Hojii Ergamootaa 2:27 irratti jecha “siʼool” jedhu hin fayyadaman. Kanaa mannaa, hiikkaawwan tokko tokko jechoota akka armaan gadii jiranitti fayyadamu; “Awwaala,” (Hiika Addunyaa Haaraa); “addunyaa namoota duʼanii,” (New International Version) “namoota duʼan” (The Passion Translation). Warri kaan immoo jechuma Afaan Giriikii “Haadis” jedhu akkuma jirutti fudhataniiru.—Holman Christian Standard Bible, NET Bible, New American Standard Bible, English Standard Version.