Wangeela Yohaannis 11:1-57

  • Alaazaar ni duʼe (1-16)

  • Yesuus Maartaa fi Maariyaamiin jajjabeesse (17-37)

  • Yesuus Alaazaariin duʼaa kaase (38-44)

  • Mala Yesuusiin ajjeesuuf qopheeffame (45-57)

11  Namni Alaazaar jedhamu tokko dhukkubsatee ture; inni Bitaaniyaa ganda Maariyaamii fi obboleettii ishii Maartaa+ keessa jiraata ture.  Maariyaam kun, ishii zayitii urgaaʼu Gooftaa irratti dhangalaastee fi rifeensa ishiitiin miila isaa haxooftee qoorsite sana dha;+ Alaazaar inni dhukkubsates obboleessa ishii ture.  Kanaafuu, obboleettonni isaa, “Yaa Gooftaa, kunoo inni ati jaallattu sun dhukkubsateera” jedhanii Yesuusitti dhaaman.  Yesuus garuu yommuu kana dhagaʼu, “Dhukkubni kun ulfina Waaqayyoo kan mulʼisu dha malee duʼaan kan xumuramu miti;+ kunis Ilmi Waaqayyoo ittiin ulfina akka argatuufi” jedhe.  Yesuus, Maartaa fi obboleettii ishii, akkasumas Alaazaariin ni jaallata ture.  Haa taʼu malee, Alaazaar dhukkubsachuu isaa yommuu dhagaʼu, guyyaa lamaaf bakkuma jiru sana ture.  Sana booda barattoota isaatiin, “Kottaa, deebinee gara Yihudaa haa dhaqnu” jedhe.  Barattoonni isaas, “Rabbii,+ warri Yihudaa dhiheenya kana dhagaadhaan si rukutuu barbaadanii turan,+ ati immoo ammas achi dhaquuf jettaa?” isaan jedhan.  Yesuusis deebisee akkana jedhe: “Guyyaan tokko saʼaatii 12f ifa qaba mitii?+ Namni ifa guyyaatiin deemu kam iyyuu, ifa addunyaa kanaa waan arguuf, waan tokkotti illee hin gufatu. 10  Namni halkaniin deemu kam iyyuu garuu, isa keessa ifni waan hin jirreef ni gufata.” 11  Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda itti dabalee, “Michuun keenya Alaazaar rafeera;+ anis isa dammaqsuuf achi nan dhaqa” jedhe. 12  Barattoonni isaa immoo, “Yaa Gooftaa, rafeera taanaan ni fayya” isaan jedhan. 13  Haa taʼu malee, Yesuus waaʼee duʼuu isaa dubbachaa ture. Isaan garuu, boqochuuf jedhee hirriba rafuu isaa kan dubbatu isaanitti fakkaatee ture. 14  Achiis Yesuus ifatti akkana isaaniin jedhe: “Alaazaar duʼeera;+ 15  isin akka amantaniif, ani waanan achi hin turreef waaʼee keessaniif nan gammada. Amma garuu gara isaa haa dhaqnu.” 16  Yeroo kanatti Toomaas inni Didimoos jedhamu barattoota kaaniin, “Nutis isaa wajjin akka duunuuf, kottaa haa dhaqnu” jedhe.+ 17  Yesuus yommuu achi gaʼu, Alaazaar guyyaa afuriif awwaala* keessa akka ture hubate. 18  Bitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiilomeetira 3* qofa fagaatti turte. 19  Yihudoonni hedduun Maartaa fi Maariyaam warra obboleessi isaanii jalaa duʼe jajjabeessuuf dhufanii turan. 20  Maartaan Yesuus akka dhufaa jiru yommuu dhageessu isa simachuuf baate; Maariyaam+ garuu manuma keessa teessee turte. 21  Achiis Maartaan Yesuusiin akkana jette: “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture. 22  Haa taʼu malee, amma iyyuu Waaqayyo wanta ati gaafattu kam iyyuu akka siif kennu nan beeka.” 23  Yesuusis, “Obboleessi kee ni kaʼa” ishiidhaan jedhe. 24  Maartaanis, “Guyyaa dhumaatti, yeroo duʼaa kaʼuutti akka inni kaʼu beeka”+ isaan jette. 25  Yesuusis akkana ishiidhaan jedhe: “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana.+ Namni anatti amanu yoo duʼe illee deebiʼee ni jiraata; 26  lubbuudhaan kan jiruu fi anatti kan amanu hundi matumaa hin duʼu.+ Kana ni amantaa?” 27  Ishiinis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, ati Kiristoos Ilma Waaqayyoo, isa gara addunyaa dhufu sana akka taate nan amana” isaan jette. 28  Erga kana dubbattee booda dhaqxee obboleettii ishii Maariyaamiin waamtee, “Barsiisaan+ dhufeera, si waamaa jira” jettee kophaatti itti himte. 29  Ishiinis yommuu kana dhageessu ariitiidhaan kaatee gara isaa dhaqxe. 30  Yesuus amma iyyuu bakka Maartaa wajjin itti wal argan sana jira malee gara gandichaatti hin seenne ture. 31  Yihudoonni Maariyaamiin jajjabeessuuf ishii wajjin mana keessa turan, ariitiidhaan kaatee gad baʼuu ishii yommuu argan, achitti booʼuuf gara awwaalichaa*+ kan dhaqxu waan isaanitti fakkaateef ishii duukaa buʼan. 32  Maariyaam bakka Yesuus ture geessee yommuu isa argitu, miila isaatti kuftee, “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” isaan jette. 33  Yesuus ishiinii fi Yihudoonni ishii wajjin dhufan booʼuu isaanii yommuu argu, keessa isaatii* baayʼee gadde, ni jeeqames. 34  Achiis, “Eessa isa keessan?” jedhe. Isaanis, “Yaa Gooftaa, kottuutii ilaali” isaan jedhan. 35  Achiis Yesuus imimmaan isaa dhangalaase.+ 36  Yeroo kanatti Yihudoonni, “Akkam akka inni isa jaallatu ilaalaa!” jechuu jalqaban. 37  Haa taʼu malee isaan keessaa tokko tokko, “Namichi ija nama qaro dhabeessa sanaa bane kun,+ namni kun akka hin duune gochuu hin dandaʼu turee?” jedhan. 38  Yesuus ammas keessa isaatii erga baayʼee gaddee booda gara awwaalichaa* dhaqe. Awwaalichi holqa yeroo taʼu, dhagaadhaan cufamee ture. 39  Yesuusis, “Dhagicha irraa kaasaa” jedhe. Maartaan obboleettiin namicha duʼe sanaa Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, amma guyyaa afur waan taʼeef yoona foolii godhateera” jette. 40  Yesuusis, “Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu+ sitti himee hin turree?” ishiidhaan jedhe. 41  Kanaafuu, isaan dhagicha irraa kaasan. Achiis Yesuus gara samii ilaalaa+ akkana jedhe: “Yaa Abbaa, waan na dhageesseef sin galateeffadha. 42  Dhugaa dha, ati yeroo hunda akka na dhageessu beeka; haa taʼu malee, kana kanan dubbadhe namoonni as dhaabbatan akka ati na ergite akka amananiifi.”+ 43  Wantoota kana erga dubbatee booda sagalee guddaadhaan, “Alaazaar, as baʼi!”+ jedhee iyye. 44  Namichi duʼe sunis miilli isaa fi harki isaa akka kafanametti gad baʼe; fuulli isaas huccuudhaan maramee ture. Yesuusis, “Irraa hiikaa, haa deemu” isaaniin jedhe. 45  Kanaafuu, Yihudoota gara Maariyaam dhufanii fi wanta inni hojjete argan keessaa hedduun isatti amanan;+ 46  isaan keessaa tokko tokko garuu, gara Fariisotaa dhaqanii wanta Yesuus hojjete isaanitti himan. 47  Kanaafuu, dura buutonni lubootaa fi Fariisonni miseensota yaaʼii Saanhedriin walitti qabanii akkana jedhan: “Namichi kun dinqii hedduu hojjechaa waan jiruuf maal gochuu nuu wayya?+ 48  Yoo akkanumatti isa dhiisne, hundi isaanii isatti amanu; warri Roomaas dhufanii iddoo* keenyaa fi saba keenya fudhatu.” 49  Haa taʼu malee, Qayyaafaan+ inni isaan keessaa tokko taʼee fi waggaa sanatti luba ol aanaa ture, akkana isaaniin jedhe: “Isin homaa hin beektan; 50  guutummaan sabichaa baduu isaa mannaa, namni tokko uummatichaaf yoo duʼe isiniif gaarii akka taʼu hin hubannee?” 51  Inni kana kan dubbate ofii isaatiin kakaʼee hin turre; kanaa mannaa, waggaa sanatti luba ol aanaa waan tureef Yesuus sabichaaf akka duʼu raajii dubbachuu isaa ture; 52  kan duʼus ijoollee Waaqayyoo warra bittinnaaʼanii jiran walitti qabee tokko gochuuf malee sabichaaf qofa miti. 53  Kanaafuu, guyyaa sanaa jalqabee isa ajjeesuuf isa irratti mariʼatan. 54  Kanaan kan kaʼes, Yesuus sana booda ifatti Yihudoota gidduu hin deddeebine; kanaa mannaa bakka sanaa deemee gara naannoo lafa onaa bira jiru, jechuunis magaalaa Efreem+ jedhamtu tokko dhaqee barattoota isaa wajjin achi ture. 55  Yeroo kanatti Faasikaan+ Yihudootaa dhihaatee waan tureef, namoonni hedduun Faasikaan gaʼuu isaa dura akka sirna amantiitti of qulqulleessuuf baadiyyaadhaa gara Yerusaalem dhaqan. 56  Isaan Yesuusiin barbaadaa turan; mana qulqullummaa keessa dhaabbataniis, “Maal isinitti fakkaata? Inni gara ayyaana kanaa hin dhufuu?” waliin jedhu turan. 57  Dura buutonni lubootaa fi Fariisonni garuu, isa qabuu akka dandaʼaniif namni bakka Yesuus jiru beeku kam iyyuu isaanitti himuu akka qabu ajaja kennanii turan.

Miiljaleewwan

Ykn., “awwaaala yaadannoo.”
Kal., “gara istaadiyoomii 15.” Istaadiyoomiin tokko 185 m dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Kal., “hafuuraan.”
Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Jechuunis, mana qulqullummaa.