Wangeela Maatewos 5:1-48

  • LALLABA GAARAA (1-48)

    • Yesuus gaara irratti barsiisuu jalqabe (1, 2)

    • Wantoota gammachuu argamsiisan salgan (3-12)

    • Soogiddaa fi ifa (13-16)

    • Yesuus Seericha raawwachuuf dhufe (17-20)

    • Gorsa dheekkamsa (21-26), ejja (27-30), wal hiikuu (31, 32), kakaa (33-37), haaloo baʼuu (38-42), diina jaallachuu (43-48)

5  Yesuus namoota hedduu yommuu argu gara gaaraatti ol ni baʼe; erga taaʼee boodas, barattoonni isaa gara isaa dhufan.  Achiis akkana jedhee isaan barsiisuu jalqabe:  “Warri wantoota hafuuraa dheebotan* gammadoo dha;+ Mootummaan samii kan isaanii ti.  “Warri gaddan gammadoo dha; isaan jajjabina ni argatu.+  “Warri garraamiin+ gammadoo dha; isaan lafa ni dhaalu.+  “Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan+ gammadoo dha; isaan ni quufu.+  “Warri gara laafeyyii taʼan+ gammadoo dha; isaan gara laafina ni argatu.  “Warri garaan isaanii qulqulluu taʼe+ gammadoo dha; isaan Waaqayyoon ni argu.  “Warri nagaa uuman*+ gammadoo dha; isaan ilmaan Waaqayyoo ni jedhamu. 10  “Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman+ gammadoo dha; Mootummaan samii kan isaanii ti. 11  “Yommuu namoonni waaʼee kootiif jedhanii isin arrabsan,+ isin ariʼatanii+ fi sobaan wanta hamaa hundumaa isin irratti dubbatan gammadaa.+ 12  Badhaasni isin samii irratti argattan+ guddaa waan taʼeef, gammadaa, ililchaas;+ isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiru.+ 13  “Isin soogidda+ lafaa ti; garuu soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe, akkamitti miʼaa isaa deebisee qabaachuu dandaʼa? Alatti gatamee+ namoonni irra ejjetu malee, sana booda waan tokkoof iyyuu hin fayyadu. 14  “Isin ifa addunyaa ti.+ Magaalaan gaara gubbaa jirtu dhokachuu hin dandeessu. 15  Namoonni ibsaa qabsiisanii baattuu ibsaa irra kaaʼu malee, guuboo* jala hin kaaʼan; innis warra manicha keessa jiran hundumaatiif ni ifa.+ 16  Haaluma wal fakkaatuun, namoonni hojii keessan isa gaarii+ arganii Abbaa keessan isa samiitiif ulfina akka kennaniif,+ ifni keessan namoota duratti haa ifu.+ 17  “Ani Seericha yookiin barumsa raajotaa diiguuf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin. Ani diiguuf utuu hin taʼin, raawwachuufan dhufe.+ 18  Dhuguman isiniin jedha, akkuma samii fi lafti darbuu hin dandeenye, wanti hundi hamma raawwatamutti Seericha keessaa qubee xinnoon tokko yookiin sararri qubee tokko utuu hin raawwatamin hin hafu.+ 19  Kanaafuu, namni ajajawwan xixinnoo taʼan kana keessaa tokko cabsuu fi warri kaanis akkana akka godhan barsiisu kam iyyuu, Mootummaa samiitti galuuf gaʼumsa hin qabaatu.* Namni isaaniin hojii irra oolchuu fi warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu, Mootummaa samiitti galuuf gaʼumsa ni qabaata.* 20  Ani isiniin nan jedha, qajeelummaan keessan kan barsiisota seeraa fi Fariisotaa irra hin caalu taanaan,+ matumaa Mootummaa samiitti hin galtan.+ 21  “Warra bara duriitti jiraataniin, ‘Hin ajjeesin,+ namni nama ajjeesu kam iyyuu mana murtiitti itti gaafatama’+ akka jedhame dhageessaniittu. 22  Ani garuu isinitti nan hima, namni obboleessa isaatti dheekkamee dheekkamsi isaa irraa hin qabbanoofne+ hundi mana murtiitti itti gaafatama; namni tuffiidhaan obboleessa isaatti dubbii qaanessaa dubbatu kam iyyuu Mana Murtii Walii Galaatti itti gaafatama; namni, ‘Gowwaa gatii hin qabne nana!’ isaan jedhu kam iyyuu immoo ibidda Gahaannamtu* isa eeggata.+ 23  “Kanaafuu, kennaa kee gara iddoo aarsaatti fiddee,+ utuma achi jirtuu obboleessi kee sitti gadduu isaa yoo yaadatte, 24  kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii deemi. Jalqaba obboleessa kee wajjin araarami; sana booda deebiʼiitii kennaa kee dhiheessi.+ 25  “Nama si himatee wajjin gara mana murtii utuu deemaa jirtuu dafiitii dhimmichaaf furmaata kenni; taʼuu baannaan garuu, namni si himate sun abbaa murtiitti dabarsee si kenna; abbaan murtii sun immoo waardiyyaa mana murtiitti dabarsee si kenna; atis mana hidhaatti galfamta.+ 26  Dhuguman sitti hima, saantima dhumaa ishii xinnoo* hanga kaffaltutti matumaa achii hin baatu. 27  “‘Hin ejjin’+ akka jedhame dhageessaniittu. 28  Ani garuu isinitti nan hima, namni hamma fedhiin isaa kakaʼutti dubartii takka ilaaluu+ isaa itti fufu hundi garaa isaatti ishii wajjin ejja raawwateera.+ 29  Ijji kee mirgaa yoo si gufachiise, of keessaa baasii gati.+ Sababiin isaas, guutummaan qaama keetii Gahaannamitti* gatamuu mannaa, kutaa qaama kee keessaa tokko dhabuu sii wayya.+ 30  Harki kee mirgaas yoo si gufachiise, of irraa kutii gati.+ Sababiin isaas, guutummaan qaama keetii Gahaannamitti* gatamuu mannaa, kutaa qaama kee keessaa tokko dhabuu sii wayya.+ 31  “Kana malees, ‘Namni haadha manaa isaa hiiku kam iyyuu, waraqaa ragaa ishii hiikuu isaa argisiisu haa kennuuf’+ jedhameera. 32  Ani garuu isinitti nan hima, namni utuu ishiin halalummaa* hin raawwatin haadha manaa isaa hiiku hundi, ejjaaf akka saaxilamtu godha; namni dubartii hiikamte sana fuudhu hundis ejja raawwata.+ 33  “Kana malees, namoota bara duriitti jiraataniin, ‘Wareega Yihowaadhaaf* wareegde raawwadhu+ malee akkasumaan hin kakatin’+ akka jedhame dhageessaniittu. 34  Ani garuu isinitti nan hima, matumaa hin kakatinaa;+ samiitti hin kakatinaa, inni teessoo Waaqayyoo ti; 35  lafattis hin kakatinaa, ishiin ejjeta miila isaa ti;+ yookiin Yerusaalemitti hin kakatinaa, ishiin magaalaa Mootii isa guddaa ti.+ 36  Mataa keetiinis hin kakatin, ati rifeensa tokkittii illee adii yookiin gurraacha gochuu hin dandeessu. 37  Dubbiin keessan ‘Eeyyee’ yoo taʼe eeyyee, ‘Lakki’ yoo taʼe lakki haa taʼu;+ kanaan ala kan taʼe kan isa hamaa sanaa ti.+ 38  “‘Bakka ijaa ija, bakka ilkaanii ilkaan’+ akka jedhame dhageessaniittu. 39  Ani garuu isiniin nan jedha, nama hamaa taʼe hin mormin; kanaa mannaa, nama maddii* kee isa mirgaa kabalu* kamiif iyyuu maddii kee isa bitaas itti qabi.+ 40  Namni tokko gara mana murtiitti si geessuu fi uffata kee isa jalaan uffattu fudhachuu yoo barbaade, uffata kee isa irraan uffattus isaaf kenni;+ 41  namni aangoo qabu kiilomeetira* tokko akka deemtu yoo si dirqisiise, ati immoo kiilomeetira lama isa duukaa deemi. 42  Nama si kadhatuuf kenni; nama si irraa liqeeffachuu* barbaadus hin dhowwatin.+ 43  “‘Michuu* kee jaalladhu,+ diina kee jibbi’ akka jedhame dhageessaniittu. 44  Ani garuu isiniin nan jedha, diinota keessan jaallachuu+ fi warra isin ariʼataniif kadhachuu keessan itti fufaa;+ 45  kana yoo gootan, ilmaan Abbaa keessan isa samii+ taʼuu keessan argisiistu; inni aduu isaa namoota hamoo fi namoota gaarii irratti ni baasa; bokkaas qajeelotaa fi jalʼoota irratti ni roobsa.+ 46  Warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan badhaasa maalii argattu?+ Warri qaraxa sassaabanis akkanuma godhu mitii ree? 47  Obboloota keessan qofa nagaa yoo gaafattan, wanti addaa isin gootan maali dha? Saboonni kaanis akkanuma godhu mitii ree? 48  Akkuma Abbaan keessan inni samii mudaa kan hin qabne* taʼe, isinis mudaa kan hin qabne taʼaa.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Warri hafuura argachuuf kadhatan.”
Ykn., “naga qabeeyyii taʼan.”
Jechuunis, shaalii. Ykn., “guuboo safaraa.”
Kal., “xiqqaa jedhama.”
Kal., “guddaa jedhama.”
Bakka Yerusaalem alatti kosii itti guban. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “kuwaadraansii dhumaa.” Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “boqoo.”
Kaballaan tuffii argisiisuuf ykn lola kakaasuuf kan raawwatamu dha.
Jechuunis, dhala malee liqeeffachuu.
Jechi Afaan Giriikii as irratti “michuu” jedhamee hiikame, namoota wal jaallatan qofa utuu hin taʼin nama hunda argisiisuu dandaʼa.
Ykn., “guutuu.”