Wangeela Maatewos 24:1-51

  • MALLATTOO ARGAMA KIRISTOOS (1-51)

    • Waraana, hanqina nyaataa, kirkira lafaa (7)

    • Misiraachoon ni lallabama (14)

    • Rakkina guddaa (21, 22)

    • Mallattoo Ilma namaa (30)

    • Muka harbuu (32-34)

    • Akkuma bara Noh (37-39)

    • Dammaqaa eegaa (42-44)

    • Garbicha amanamaa fi garbicha hamaa (45-51)

24  Yesuus mana qulqullummaa keessaa baʼee utuu deemaa jiruu, barattoonni isaa gamoowwan mana qulqullummaa isatti argisiisuuf gara isaa dhufan.  Innis deebisee, “Wantoota kana hunda ni argitu mitii? Dhuguman isiniin jedha, dhagaan kun utuu hin jigin matumaa akka wal irra kaaʼametti hin hafu”+ isaaniin jedhe.  Yesuus utuu Gaara Ejersaa irra taaʼee jiruu barattoonni isaa kophaatti gara isaa dhufanii, “Nutti himi, wantoonni kun yoom raawwatamu? Mallattoon argama*+ keetii fi kan dhuma sirna* kanaa maali dha?”+ isaan jedhan.  Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: “Eenyu iyyuu akka isin hin dogoggorsine of eeggadhaa;+  sababiin isaas, namoonni hedduun, ‘Ani Kiristoosi’ jedhanii maqaa kootiin ni dhufu; namoota hedduus ni dogoggorsu.+  Waraanaa fi oduu waraanaa ni dhageessu. Wantoonni kun taʼuu waan qabaniif, akka hin sodaanne of eeggadhaa; dhumni sirnichaa garuu hin geenye.+  “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa;+ akkasumas hanqinni nyaataa+ fi kirkirri lafaa bakka garaa garaatti ni taʼa.+  Haa taʼu malee, wantoonni kun hundi jalqaba ciniinsuu ti.  “Yeroo sanatti namoonni rakkinaaf dabarsanii isin kennu,+ isin ajjeesus;+ maqaa kootiin kan kaʼe saboota hundumaa biratti ni jibbamtu.+ 10  Kana malees, namoonni hedduun ni gufatu; akkasumas wal ganu, wal jibbus. 11  Raajonni sobaa hedduun kaʼanii namoota hedduu ni dogoggorsu;+ 12  hamminni dabalaa waan deemuuf, jaalalli namoota hedduu ni qabbanaaʼa. 13  Namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu garuu ni fayya.+ 14  Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama;+ sana booda dhumni ni dhufa. 15  “Kanaafuu, akkuma Daaniʼel raajichi dubbate wanti balfamaan badiisa geessisu iddoo qulqulluu dhaabbatee yommuu argitan+ (inni dubbisu haa hubatu), 16  yeroo sanatti warri Yihudaa keessa jiran gara gaarotaatti haa baqatan.+ 17  Namni baaxii manaa irra jiru mana isaa keessaa miʼa fudhachuuf gad hin buʼin; 18  namni maasii keessa jirus uffata isaa fudhachuuf hin deebiʼin. 19  Guyyoota sanatti dubartoota ulfaa fi dubartoota hoosisaniif wayyoo! 20  Yeroon itti baqattan waqtii gannaatti yookiin guyyaa Sanbataatti akka hin taane kadhachuu keessan itti fufaa; 21  sababiin isaas, yeroo sanatti rakkinni guddaan+ jalqaba addunyaatii kaasee hanga ammaatti taʼee hin beeknee fi lammatas hin taane ni dhufa.+ 22  Guyyoonni sun utuu hin gabaabbanne taʼee, eenyu iyyuu* ooluu hin dandaʼu ture; haa taʼu malee, guyyoonni sun warra filatamaniif jecha ni gabaabbatu.+ 23  “Yeroo sanatti eenyu iyyuu, ‘Kunoo, Kiristoos as jira!’+ yookiin ‘Achi jira!’ yoo isiniin jedhe hin amaninaa.+ 24  Sababiin isaas, Kiristoosonni sobaa fi raajonni sobaa+ kaʼanii yoo isaaniif dandaʼame warra filataman illee dogoggorsuuf mallattoowwan guguddaa fi dinqiiwwan ni hojjetu.+ 25  Egaa, ani dursee isin akeekkachiiseera. 26  Kanaafuu namoonni, ‘Kunoo, inni lafa onaa keessa jira’ yoo isiniin jedhan achi hin deeminaa; ‘Kunoo, inni gola keessa jira’ yoo isiniin jedhanis hin amaninaa.+ 27  Sababiin isaas, akkuma bakakkaan baha biiftuutii kaʼee hanga lixa biiftuutti ibsu, argamni* Ilma namaas akkanuma ni taʼa.+ 28  Bakka raqni jiru hundumaatti risaan* achitti wal gaʼa.+ 29  “Rakkina guyyoota sanaa booda yeruma sana aduun ni dukkanoofti,+ addeessis ifa ishii hin kennitu, urjiileen samii irraa ni kukkufu, humnoonni samiis ni raafamu.+ 30  Yeroo sanatti mallattoon Ilma namaa+ samii irratti ni mulʼata; gosoonni lafa irraa hundi gaddaan qoma isaanii ni rurrukutu;+ isaan Ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa samiitiin yommuu dhufu ni argu.+ 31  Inni maleekota isaa sagalee malakataa guddaadhaan ni erga; isaanis warra isaaf filataman bubbeewwan arfan irraa, andaara samii isa tokkoo hanga isa kan biraatti walitti ni qabu.+ 32  “Muka harbuu irraa fakkeenya kana baradhaa: Yeroo dameen isaa latee baala baafatu bonni akka dhihaate ni beektu.+ 33  Haaluma wal fakkaatuun isinis wantoota kana hunda yommuu argitan, inni balbalatti akka dhihaate+ beekaa. 34  Dhuguman isiniin jedha, wantoonni kun hundi hamma raawwatamanitti, dhaloonni kun matumaa hin darbu. 35  Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu matumaa hin darbu.+ 36  “Waaʼee guyyaa sanaa fi saʼaatii sanaa, Abbaa qofa malee kan beeku tokko illee hin jiru;+ maleekonni samiis taʼan Ilmi hin beekan.+ 37  Sababiin isaas, akkuma bara Nohitti taʼee ture,+ argamni* Ilma namaas akkasuma ni taʼa.+ 38  Bara Bishaan Badiisaa dura ture sanatti hanga guyyaa Noh doonichatti galetti,+ akkuma namoonni nyaachaa, dhugaa, dhiironni fuudhaa, dubartoonnis heerumaa turan, 39  akkasumas hanga Bishaan Badiisaa sun dhufee hunduma isaanii haree sokketti+ akkuma hin hubanne, argamni Ilma namaas akkanuma ni taʼa. 40  Yeroo sanatti, namoonni lama maasii keessatti hojjetu; inni tokko ni fudhatama, inni tokko immoo ni dhiifama. 41  Dubartoonni lama dhagaa daakuutiin daaku; ishiin tokko ni fudhatamti, ishiin tokko immoo ni dhiifamti.+ 42  Kanaafuu, Gooftaan keessan guyyaa kamitti akka dhufu waan hin beekneef, yeroo hundumaa dammaqaa eegaa.+ 43  “Garuu wanta kana beekaa: Abbaan manaa tokko hattuun saʼaatii meeqatti* akka dhufu+ utuu beekee, dammaqee eeguudhaan manni isaa cabsamee akka hin saamamne godha ture.+ 44  Kanaafuu, isinis Ilmi namaa saʼaatii isin hin yaadnetti waan dhufuuf qophaaʼoo taʼaa.+ 45  “Garbichi amanamaanii fi ogeessi,* yeroo sirrii taʼetti nyaata isaanii akka isaaniif kennu gooftaan isaa maatii isaa irratti muude dhuguma eenyu?+ 46  Gooftaan isaa dhufee utuu inni akkana godhuu yoo isa arge garbichi sun gammadaa dha!+ 47  Dhuguman isiniin jedha, inni qabeenya isaa hundumaa irratti isa muuda. 48  “Haa taʼu malee, garbichi hamaan sun garaa isaatti, ‘Gooftaan koo ni tura’ jedhee yaaduudhaan,+ 49  warra akkuma isaa garboota taʼan reebuu, akkasumas warra machooftuu wajjin nyaachuu fi dhuguu yoo jalqabe, 50  gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti+ dhufee 51  adaba guddaa isa adaba; qoodni isaas fakkeessitootaa wajjin akka taʼu godha. Achittis ni booʼa, ilkaan isaas ni qara.+

Miiljaleewwan

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “foon kan uffate.”
Gosti risaa ykn allaattii tokko tokko raqa nyaata.
Ykn., “halkan keessaa saʼaatii meeqatti.”
Ykn., “hubataan.”