Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gara Siʼool kan Dhaqan Eenyu Faʼi?

Gara Siʼool kan Dhaqan Eenyu Faʼi?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Afaanota jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen, Siʼoolii fi Haadis bakka ibiddaan itti gubatan utuu hin taʼin bakka awwaalaa ti. Maarree, gara Siʼool kan dhaqan eenyu faʼi? Namoonni gaariinis taʼan namoonni hamoon gara Siʼool dhaqu. (Iyyoob 14:13; Faarfannaa 9:17) Kitaabni Qulqulluun bakki ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman kun “mana namni jiraataa taʼe hundi itti wal gaʼu” akka taʼe dubbata.—Iyyoob 30:23.

 Yesuus iyyuu yeroo duʼetti gara Siʼool ykn Haadis dhaqeera. Haa taʼu malee, Waaqayyo duʼaa waan isa kaaseef, ‘Haadis keessatti hin hafne.’—Hojii Ergamootaa 2:31, 32, milj.

Siʼool bara baraaf itti fufaa?

 Warri duʼan hundi humna Waaqayyootiin karaa Yesuus gara jireenyaatti ni deebiʼu. (Yohaannis 5:28, 29; Hojii Ergamootaa 24:15) Mulʼanni 20:13 duʼaa kaʼuu gara fuulduraatti raawwatamu ilaalchisee raajii yommuu dubbatu, “duutii fi Haadisis warra duʼanii isaan keessa jiran ni kennan” (milj.) jedha. Siʼool duwwaa erga taʼee booda hin jiraatu, ‘duuti kana booda waan hin jiraanneef,’ namni achi dhaqu hin jiru.—Mulʼata 21:3, 4; 20:14.

 Namni duʼe hundi garuu gara Siʼool dhaqa jechuu miti. Kitaabni Qulqulluun namoonni tokko tokko garmalee hamoo waan taʼaniif jijjiiramuu akka hin barbaanne dubbata. (Ibroota 10:26, 27) Namoonni akkasii yommuu duʼan gara Siʼool utuu hin taʼin gara Gahaannam isa badiisa bara baraa argisiisuu dhaqu. (Maatewos 5:29, 30) Fakkeenyaaf, Yesuus geggeessitoonni amantii fakkeessitoota taʼanii fi bara isaatti turan tokko tokko gara Gahaannam akka dhaqan dubbateera.—Maatewos 23:27-33.