Uumama 3:1-24

  • Kaʼumsa cubbuu namaa (1-13)

    • Soba isa jalqabaa (4, 5)

  • Murtii Yihowaan finciltoota irratti dabarse (14-24)

    • Sanyiin dubartittii dursee dubbatame (15)

    • Eedan keessaa ariʼamuu (23, 24)

3  Bofti+ bineensota bosonaa Yihowaan uume hundumaa caalaa of eeggataa* ture. Kanaafuu bofichi dubartittiidhaan, “Waaqayyo dhuguma muka iddoo biqiltuu keessa jiru hundumaa irraa hin nyaatinaa isiniin jedheeraa?” jedhe.+  Dubartittiinis bofichaan akkana jette: “Firii mukeetii iddoo biqiltuu keessa jiran irraa nyaachuu ni dandeenya.+  Haa taʼu malee, Waaqayyo firii muka isa iddoo biqiltuu gidduu jiru sana ilaalchisee,+ ‘Isa irraa hin nyaatinaa, hin tuqinaas; taʼuu baannaan garuu ni duutu’ jedheera.”  Yeroo kanatti bofichi dubartittiidhaan akkana jedhe: “Isin matumaa hin duutan.+  Waaqayyo akkana kan jedhe, guyyuma isa irraa nyaattanitti ijji keessan akka banamu, akkasumas gaarii fi hamaa beekuudhaan akka Waaqayyoo akka taatan waan beekuufi.”+  Dhuma irrattis dubartittiin mukichi nyaataaf gaarii kan taʼe, akkasumas ijatti kan toluu fi ilaaluuf kan nama gammachiisu akka taʼe ni argite. Kanaafuu, ishiin firii isaa fudhattee ni nyaatte.+ Sana booda, yommuu abbaan manaa ishii ishii wajjin taʼutti isaafis ni kennite; innis ni nyaate.+  Achiis lamaan isaanii iyyuu ijji isaanii ni baname; qullaa isaanii akka taʼanis ni hubatan. Kanaafuu, baala harbuu walitti hodhanii marxifatan.+  Sana booda isaan guyyicha keessaa yeroo qilleensi qilleensaʼutti utuu Yihowaan iddoo biqiltuu sana keessa deemuu sagalee isaa ni dhagaʼan; namichii fi haati manaa isaas mukeetii iddoo biqiltuu gidduu seenanii fuula Yihowaa duraa ni dhokatan.  Yihowaanis irra deddeebiʼee namicha waamuudhaan, “Eessa jirta?” isaan jedhe. 10  Dhuma irrattis namichi, “Ani iddoo biqiltuu gidduutti sagalee kee dhagaʼee, qullaa koo waanan tureef nan sodaadhe; kanaafuu nan dhokadhe” jedhe. 11  Yeroo kanatti Waaqayyo, “Qullaa kee akka taate eenyutu sitti hime?+ Muka akka irraa hin nyaanne ani si ajaje sana irraa ni nyaattee?”+ isaan jedhe. 12  Namichis, “Dubartii akka anaa wajjin taatuuf ati naa kennite sanatu firii mukichaa irraa naaf kenne; anis nan nyaadhe” jedhe. 13  Yihowaanis dubartittiidhaan, “Wanti ati goote kun maali dha?” jedhe. Dubartittiinis, “Bofichatu na gowwoomse; anis nan nyaadhe” jettee deebiste.+ 14  Achiis Yihowaan bofichaan akkana jedhe:+ “Ati kana waan gooteef, beeladoota hundumaa fi bineensota bosonaa hundumaa gidduudhaa kan abaaramte ni taata. Ati garaa keetiin ni loota; bara jireenyaa kee hundumaattis biyyoo ni nyaatta. 15  Anis sii+ fi dubartittii gidduutti,+ sanyii kee+ fi sanyii ishii gidduuttis+ diinummaan+ akka jiraatu nan godha. Inni mataa kee ni buruqsa,*+ ati immoo koomee isaa ni madeessita.”*+ 16  Dubartittiidhaanis, “Ani dhukkubbiin yeroo ulfa taatee jirtutti sitti dhagaʼamu baayʼee akka dabalu nan godha; atis dhiphinaan ijoollee ni deessa; hawwiin kee hundi abbaa manaa kee ni taʼa; innis si irratti ol aantummaa ni qabaata” jedhe. 17  Addaamiinis* akkana jedhe: “Ati haadha manaa tee dhageessee muka ani, ‘Isa irraa hin nyaatin’ jedhee si ajaje sana irraa waan nyaatteef,+ sababii keetiin lafti kan abaaramte ni taati.+ Bara jireenyaa kee hundumaatti ati dhamaatiidhaan oomisha ishii ni nyaatta.+ 18  Ishiin qoree fi sokorruu sitti biqilchiti, atis biqiltuu dirree ni nyaatta. 19  Ati lafa irraa waan argamteef+ hamma lafatti deebitutti dhamaatee dafqa keetiin nyaata* ni nyaatta. Ati biyyoo waan taateef biyyootti ni deebita.”+ 20  Kana booda Addaam haadha manaa isaa Hewaan* jedhee moggaase; sababiin isaas, ishiin ilmaan namootaa* hundumaatiif haadha ni taati.+ 21  Yihowaanis Addaamii fi haadha manaa isaatiif gogaa irraa uffata dheeraa hojjetee isaanitti uwwise.+ 22  Achiis Yihowaan akkana jedhe: “Kunoo, namichi gaarii fi hamaa beekuudhaan nu keessaa akka isa tokkoo taʼeera.+ Amma immoo harka isaa diriirsee firii muka jireenyaa+ irraa fudhatee akka hin nyaannee fi bara baraaf akka hin jiraanneef waan tokko gochuun qaba.” 23  Kanaafuu, Yihowaan namichi lafa irraa argame sana akka misoomsuuf+ iddoo biqiltuu Eedan keessaa isa ariʼe.+ 24  Namicha achi keessaa erga baasee booda, karaa isa gara muka jireenyaatti geessu eeguuf kallattii bahaa iddoo biqiltuu Eedanitti kiruubelotaa+ fi goraadee bobaʼu isa utuu wal irraa hin kutin gaggaragalu ni kaaʼe.

Miiljaleewwan

Ykn., “haxxee; abshaala.”
Ykn., “ni caccabsita.”
Ykn., “ni madeessa; ni rukuta.”
“Nama Lafaa; Nama” jechuu dha.
Kal., “daabboo.”
“Jiraattuu” jechuu dha.
Kal., “nama lubbuudhaan jiru.”