Uumama 6:1-22

  • Ilmaan Waaqayyoo lafa irratti dubartoota fuudhan (1-3)

  • Nefiliimonni ni dhalatan (4)

  • Hamminni ilmaan namootaa Yihowaa gaddisiise (5-8)

  • Noh doonii akka ijaaru itti himame (9-16)

  • Waaqayyo Bishaan Badiisaa akka dhufu labse (17-22)

6  Lakkoofsi namootaa lafa irratti baayʼachuu jalqabee ijoolleen durbaa yeroo isaaniif dhalatanitti,  ilmaan Waaqa dhugaa*+ ijoolleen durbaa ilmaan namootaa babbareedoo akka taʼan hubatan. Kanaafuu, warra filatan hundumaa fudhatanii haadhotii manaa godhatan.  Achiis Yihowaan, “Namni foon* waan taʼeef, hafuurri koo bara baraaf isaaf hin obsu.+ Kanaafuu, guutummaan bara jireenyaa isaa waggaa 120 taʼa” jedhe.+  Bara sanattii fi sana booda Nefiliimonni* lafa irra jiru turan. Yeroo sanatti ilmaan Waaqa dhugaa ijoollee durbaa ilmaan namootaa wajjin saalqunnamtii ni raawwatan; isaanis ijoollee dhiiraa isaaniif ni daʼan. Ijoolleen isaanii kunis bara duriitti namoota jajjaboo beekamoo taʼan turan.  Dhuma irratti Yihowaan hamminni namaa lafa irratti akka baayʼate, fedhiin garaa isaa hundis yeroo hundumaa hamaa akka taʼe ni arge.+  Yihowaanis lafa irratti nama tolchuu isaatti ni gaabbe;* garaan isaas ni gadde.+  Kanaafuu, Yihowaan, “Ani namootan lafa irratti uume haxaaʼee nan balleessa; nama, beeladoota, bineensota loʼanii fi uumamawwan samii irra barrisanii wajjin nan balleessa; sababiin isaas ani isaan tolchuu kootti gaabbeera” jedhe.  Noh garuu Yihowaa duratti fudhatama ni argate.  Seenaan Noh kana dha. Noh nama qajeelaa ture.+ Inni namoota bara isaatti jiraatan* gidduutti nama balleessaa hin qabne ture. Noh Waaqa dhugaa wajjin ni deeme.+ 10  Yeroo booda Noh ilmaan sadii, jechuunis Seem, Kaamii fi Yaafeetiin ni dhalche.+ 11  Lafti garuu Waaqa dhugaa duratti mancaatee turte; jeequmsaanis guutamtee turte. 12  Waaqayyo gara lafaa ni ilaale; kunoo, ishiin mancaatee turte;+ foon kan taʼe* hundis lafa irratti daandii isaa mancaasee ture.+ 13  Sana booda Waaqayyo Nohiin akkana jedhe: “Sababii isaaniitiin lafti jeequmsaan waan guutamteef, ani foon kan taʼe hundumaa balleessuuf murteesseera; kanaafuu, ani lafaa wajjin isaan nan balleessa.+ 14  Muka haphee irraa doonii* tolfadhu.+ Doonicha keessatti kutaawwan qopheessi; doonichas keessa isaa fi ala isaa leelee*+ dibi. 15  Doonicha akka kanaa gadiitti tolchi: Dheerinni isaa dhundhuma* 300, dalgi isaa dhundhuma 50, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 30 haa taʼu. 16  Doonichi ifa akka argatuuf baaxii isaatii gaditti foddaa* dhundhuma tokkoo tolchi. Cinaa doonichaatti balbala tolchi;+ kutaa gadii, fooqii tokkoffaa fi fooqii lammaffaa akka qabaatu godhii tolchi. 17  “Ani foon hafuura baafatu hundumaa samii jalaa balleessuuf lafa irratti bishaan badiisaa nan fida.+ Wanti lafa irra jiru hundi ni bada.+ 18  Ani sii wajjin kakuu nan gala; ati doonichatti seeni; ilmaan kee, haati manaa tee fi haadhotiin manaa ilmaan keetiis sii wajjin achi keessa haa seenan.+ 19  Isaan sii wajjin lubbuudhaan akka oolaniif, akaakuu uumama jiraataa hundumaa+ kormaa fi dhaltuu godhii lama lamaan doonichatti galchi;+ 20  uumamawwan barrisan akka akaakuu isaaniitti, beeladoonni akka akaakuu isaaniitti, akkasumas bineensonni lafa irra loʼan hundi akka akaakuu isaaniitti, ati lubbuudhaan akka isaan oolchituuf tokkoon tokkoon isaanii keessaa lama lama taʼanii gara doonichaatti ni seenu.+ 21  Siifis taʼe bineelladootaaf soorata akka taʼuuf, soorata akaakuu hundumaa+ walitti qabiitii achi keessa galchi.” 22  Nohis wanta hundumaa akkuma Waaqayyo isa ajajetti ni raawwate. Inni akkuma kana ni godhe.+

Miiljaleewwan

Jechama Afaan Ibrootaa maleekota ilmaan Waaqayyoo taʼan argisiisuuf itti hojjetamu dha.
Ykn., “akka fooniitti kan deddeebiʼu.”
Tarii, “Lafaan kan Dhaʼan” jechuu dha; kunis, warra namoota kaan lafaan dhaʼan argisiisa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “ni gadde.”
Kal., “dhaloota isaa.”
Ykn., “namni.”
Kal., “saanduqa”; bidiruu guddaa.
Ykn., “reenjii.”
Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Afaan Ibrootaatiin, tsohaar. Yaanni kan biraan immoo tsohaar uraa ifa galchu ykn foddaa utuu hin taʼin, bantii dhundhuma tokko gad jedhe argisiisa kan jedhu dha.