Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Maal Jedhanii Amanu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Maal Jedhanii Amanu?

Nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa, bifa Kiristiyaanummaa Yesus barsiisee fi ergamoonni isaa hojii irra oolchaa turan hordofna. Mata dureen kun yaadawwan buʼuuraa itti amannu gabaabsee ibsa.

  1.   Waaqayyo. Waaqa dhugaa tokkicha isa Uumaa fi Hundumaa kan dandaʼu taʼee fi maqaan isaa Yihowaa jedhamu waaqeffanna. (Faarfannaa 83:18, NW; Mulʼata 4:11) Waaqni kun Waaqa Abrahaam, Waaqa Musee fi Waaqa Yesusi dha.—Baʼuu 3:6; 32:11; Yohannis 20:17.

  2.   Kitaaba Qulqulluu. Kitaabni Qulqulluun, ergaa geggeessaa hafuura Waaqayyootiin namootaaf barreeffame akka taʼe amanna. (Yohannis 17:17; 2 Ximotewos 3:16) Yaadawwan itti amannu kitaabota 66n Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman, jechuunis “Kakuu Moofaa” fi “Kakuu Haaraa” irratti kan hundaaʼani dha.” Piroofeesarri Jeesan Deeviid Biiduun jedhaman, Dhugaa Baatonni Yihowaa “Kitaabni Qulqulluun yaada isaanii deggeruu akka qabu dursanii hin yaadan; kanaa mannaa sirni amantii isaanii fi wantoonni raawwatan Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼani dha” jedhanii barreessuudhaan kana akka gaariitti ibsaniiru. a

     Guutummaa Kitaaba Qulqulluu kan fudhannu taʼus, yaada keessa jiru hundumaa jechaa jechatti hin fudhannu. Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko fakkeenyaan akka ibsaman ykn wanta biraa akka bakka buʼanii fi kallattiidhaan hubatamuu akka hin qabne amanna.

  3.   Yesus. Barumsa Yesusii fi fakkeenya isaa ni hordofna; akkasumas Fayyisaa keenyaa fi Ilma Waaqayyoo akka taʼe amanna. (Maatewos 20:28; Hojii Ergamootaa 5:31) Kanaafuu, nuti Kiristiyaanota dha. (Hojii Ergamootaa 11:26) Taʼus, Yesus Waaqa Hundumaa Dandaʼu akka hin taanee fi barumsa Sadan Waaqa Tokkootiif ragaan Kitaaba Qulqulluu irra akka hin jirre hubanneera.—Yohannis 14:28.

  4.   Mootummaa Waaqayyoo. Bulchiinsa dhugumaan jiruu fi samii keessatti argamu dha malee, wanta garaa Kiristiyaanotaa keessa jiru miti. Bulchiinsa ilmaan namootaa bakka buʼuudhaan, kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu galmaan gaʼa. (Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:9, 10) Dhimma kanas dhiheenyatti raawwata. Sababiin isaas, Raajiin Kitaaba Qulqulluu “guyyoota gara dhumaa” keessa jiraachaa akka jirru mirkaneessa.—2 Ximotewos 3:1-5; Maatewos 24:3-14.

     Yesus Mootii Mootummaa Waaqayyoo siʼa taʼu, samii keessa taaʼee bulcha. Bulchuu kan jalqabes bara 1914tti dha.—Mulʼata 11:15.

  5.   Fayyina. Cubbuu fi duʼa irraa walaba baʼuun kan dandaʼamu karaa aarsaa furii Yesusi dha. (Maatewos 20:28; Hojii Ergamootaa 4:12) Namoonni aarsaa kana irraa faayidaa argachuu barbaadan, Yesusitti amanuu qofa utuu hin taʼin, akkaataa jireenyaa isaanii jijjiiranii cuuphamuu qabu. (Maatewos 28:19, 20; Yohannis 3:16; Hojii Ergamootaa 3:19, 20) Hojiin nama tokkoo amantiin isaa jiraataa taʼuu isaa argisiisa. (Yaaqoob 2:24, 26) Haa taʼu malee, fayyinni wanta carraaqqii mataa keenyaatiin argannu utuu hin taʼin, ‘ayyaana Waaqayyootiin’ kan argamu dha.—Galaatiyaa 2:16, 21.

  6.   Samii. Waaqni keenya Yihowaan, Yesus Kiristosii fi ergamoonni amanamoon addunyaa hafuuraa keessa jiraatu. b (Faarfannaa 103:19-21; Hojii Ergamootaa 7:55) Namoonni murtaaʼanii fi lakkoofsi isaanii 144,000 taʼu duʼaa kaʼanii Mootummaa Waaqayyoo keessatti Yesusii wajjin bulchu.—Daaniʼel 7:27; 2 Ximotewos 2:12; Mulʼata 5:9, 10; 14:1, 3.

  7.   Lafa. Waaqayyo lafa kan uume namoonni bara baraaf akka irra jiraataniifi dha. (Faarfannaa 104:5; 115:16; Lallaba 1:4) Waaqayyo ilmaan namootaa ajajaman fayyaa guutuu akka qabaatanii fi lafa jannata taatu irra bara baraaf akka jiraatan gochuudhaan isaan eebbisa.—Faarfannaa 37:11, 34.

  8.   Hammeenyaa fi rakkina. Hammeenyii fi rakkinni kan jalqabe yeroo ergamaan Waaqayyoo tokko fincila kaasetti dha. (Yohannis 8:44) Ergamaan erga fincila kaasee booda “Seexanaa” fi “Diyaabilos” jedhamee waamame kun, namoonni jalqabaa lamaan akka isa deggeran godheera; kun immoo sanyii namoota kanaa irratti rakkina guddaa fideera. (Uumama 3:1-6; Roomaa 5:12) Waaqayyo gaaffii Seexanni kaaseef deebii kennuuf jecha, hammeenyii fi rakkinni akka jiraatu kan heyyame taʼus, bara baraaf akka itti fufu hin heyyamu.

  9.   Duʼa. Namoonni duʼan jireenyaan ala taʼu. (Faarfannaa 146:4; Lallaba 9:5, 10) Ibidda keessatti bara baraaf hin gubatan.

     Waaqayyo namoota biliyoonaan lakkaaʼaman duʼaa kaasa. (Hojii Ergamootaa 24:15) Haa taʼu malee, namoonni erga duʼaa kaafamanii booda karaa Waaqayyoo barachuu didan, bara baraaf kan balleeffaman siʼa taʼu abdii duʼaa kaʼuu hin qabaatan.—Mulʼata 20:14, 15.

  10.   Maatii. Qajeelfama Waaqayyo gaaʼelli walitti dhufeenya dhiiraa fi dubartii tokkoo akka taʼuuf baase hordofna; wal hiikuuf sababa kan taʼu ejja qofa dha. (Maatewos 19:4-9) Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu maatiiwwan milkaaʼina akka argatan akka gargaaru amanna.—Efesoon 5:22–6:1.

  11.   Waaqeffannaa keenya. Fannoos taʼe fakkii kamitti iyyuu waaqeffannaadhaaf hin fayyadamnu. (Keessa Deebii 4:15-19; 1 Yohannis 5:21) Waaqeffannaan keenya wantoota ijoo armaan gadii kan dabalatu dha:

  12.   Akkaataa itti gurmoofne. Gumiiwwan qaama jaarsoliitiin geggeeffamanitti gurmoofneerra. Haa taʼu malee, jaarsoliin kun akka geggeessitoota amantiitti kan hin ilaalamne siʼa taʼu, mindaan isaaniif hin kaffalamu. (Maatewos 10:8; 23:8) Walgaʼii keenya irratti kurnoon hin funaanamu, akkasumas qodaan buusii nama dura hin naanneffamu. (2 Qorontos 9:7) Hojiin keenya hundi kan deggeramu buusii qarshii namoonni utuu eenyummaa isaanii hin beeksisin godhaniini dha.

     Qaama Ol Aanaa, Kiristiyaanota muraasa muuxannoo qaban of keessatti qabatee fi waajjira muummeetti argamutu Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argamaniif qajeelfama kenna.—Maatewos 24:45.

  13.   Tokkummaa keenya. Wantoota itti amannuu wajjin haala wal qabateen addunyaa maratti tokkummaa qabna. (1 Qorontos 1:10) Gama hawaasaa, qomoo, sanyii ykn sadarkaa jireenyaatiin wal qoqqoodiinsi akka hin jiraanne gochuuf ciminaan hojjenna. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35; Yaaqoob 2:4) Filannaan dhuunfaatti goonu garuu tokko dha jechuu miti. Tokkoon tokkoon Dhugaa Baatuu Yihowaa sammuu isaa isa barumsa Kitaaba Qulqulluutiin leenjiʼeen murtoo godha.—Roomaa 14:1-4; Ibroota 5:14.

  14.   Amala keenya. Sochii keenya hundumaan jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuuf tattaafanna. (Yohannis 13:34, 35) Yaaliidhaaf jecha dhiiga fudhatanii dhiigatti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu dabalatee, gochawwan Waaqayyoon hin gammachiisne irraa ni fagaanna. (Hojii Ergamootaa 15:28, 29; Galaatiyaa 5:19-21) Naga qabeeyyii waan taaneef waraana irratti hin hirmaannu. (Maatewos 5:9; Isaayaas 2:4) Mootummaa biyya nuti keessa jiraannu bulchu kan kabajnu siʼa taʼu, hamma seera Waaqayyoo wajjin walitti hin buunetti seera inni baasuuf ni ajajamna.—Maatewos 22:21; Hojii Ergamootaa 5:29.

  15.   Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnu. Yesus “Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif taʼa” jechuudhaan ajajeera. Akkasumas, Kiristiyaanonni “kan biyya lafaa” taʼuu akka hin qabne dubbateera. (Maatewos 22:39; Yohannis 17:16) Kanaafuu nama hundumaaf ‘gaarii hojjechuuf’ dhamaana; taʼus, dhimmoota siyaasaa keessa hin gallu, akkasumas amantiiwwan kaanii wajjin firooma qabaachuu irraa of eegna. (Galaatiyaa 6:10; 2 Qorontos 6:14) Haa taʼu malee, murtoo namoonni kaan dhimmoota kanaa wajjin haala wal qabateen godhan ni kabajna.—Roomaa 14:12.

 Wantoota Dhugaa Baatonni Yihowaa itti amananii wajjin haala wal qabateen gaaffiiwwan dabalataa yoo qabaatte, weebsaayitii keenya irraa waaʼee keenya dubbisuu, waajjiraalee keenya keessaa tokko qunnamuu, Galma Mootummaa sitti dhihoo jiru deemtee walgaʼii keenya irratti hirmaachuu ykn Dhugaa Baatuu Yihowaa naannoo keetti argamu tokko haasofsiisuu dandeessa.

a Kitaaba Ingiliffaa Truth in Translation jedhamu fuula 165 ilaali.

b Ergamoonni hamoon samii keessaa kan gad darbataman taʼus, addunyaa hafuuraa keessa jiraachaa jiru.—Mulʼata 12:7-9.