Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Dhibee Fayyaa Akkan Qabu Yoon Beeke Maalan Godha? (Kutaa 3)

Dhibee Fayyaa Akkan Qabu Yoon Beeke Maalan Godha? (Kutaa 3)

 Umuriin waggoota kurnanii yeroo baayʼee fayyaa gaarii fi humna dhuma hin qabne fakkaatu yeroo itti qabaatan akka taʼetti yaadama. Taʼus, dargaggoonni tokko tokko dhukkuba cimaatiin humni isaanii daangeffamaa dha. Atoo haala akkasii keessa jirtaa? Taanaan, Muuxannoo Vilooriyaa, Jaastiinii fi Niisaa warra Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan irraa jajjabinaa argachuu dandeessa. Dhukkuba nama dadhabsiisu kana akkamitti akka dandamatan hubadhu.

 Vilooriyaa

 Umurii koo waggaa 14 kaasee dhukkuba faabromayaaljiyaa jedhamu qaba. Waggaa 20 yommuun taʼu immoo, dhukkuboota artiraayitesii, luupasii fi Laayim jedhamaniin nan qabame. Yeroo hunda utuu dadhabbiin sitti dhagaʼamuu wanta barbaaddu hunda gochuun ulfaataa dha. Al tokko tokko mudhii koo gaditti sochoʼuu waan hin dandeenyeef wiilcheeriidhaan deemuun na barbaachisa.

 Hojiiwwan xixiqqoo kan akka barreessuu ykn qadaaddii wayii banuu jiran hojjechuu dadhabuu kootiin kan kaʼe rakkina qaamaa ana irra gaʼu irra dhiphina sammuu sababa kanaatiin natti dhagaʼamutu caalaatti natti ulfaata. Ijoolleen yommuu deeman ilaaleen ani kana gochuu maalifan dadhabe jedhee gaafadha. Gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama.

 Kan nama gammachiisu, miseensota maatii koo qofa irraa utuu hin taʼin, gumii Dhugaa Baatota Yihowaa ani keessatti argamu irraa gargaarsa nan argadha. Miseensonni gumii dhufanii na gaafatu, kunis kophummaan baayʼee akka natti hin dhagaʼamne godha. Wiilcheerii irraa na buusuun akkasumas konkolaataa irra na baasuu fi na buusuun ulfaataa taʼus, tokko tokko qophii yeroo waliin dabarsuuf godhan irratti na afeeru.

 Keessumaa maanguddoonni gumii keessa jiran dhibee fayyaa qabaachuun maal akka fakkaatu waan beekaniif na gargaaru. Humni koo daangeffamuu isaa amanee akkan fudhadhuu fi waan hedduu gochuu dadhabuu kootti balleessaan akka natti hin dhagaʼamne na gargaaraniiru. Walgaʼii gumii irratti yommuun argamuu fi tajaajila yommuun baʼu baayʼeen gammada. (Ibroota 10:25) Yeroowwan kanatti, dhukkuba kanan qabu taʼus, dhugumaan warra kaan irraa adda akkan hin taane nan hubadha.

 Yihowaan wanta jabaannee dhaabachuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu sammuu kootti nan qabadha. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun namni tokko alaan dhumaa yoo deeme illee, namummaan isaa inni keessaa, “guyyaa guyyaadhaan haareffamaa” deemuu akka dandaʼu dubbata. (2 Qorontos 4:16) Anis akkasuma natti dhagaʼama!

 Mee yaadi: Dhukkuba cimaadhaan qabamteetta yoo taʼe, warra kaanitti himuun kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Fayya buleessa yoo taate immoo, nama dhukkubsatu tokko akkamitti gargaaruu dandeessa?—Fakkeenya 17:17.

 Jaastiinii

 Gaaf tokko kufeen achii kaʼuu dadhabe. Lapheen koo na dhukkube, akkasumas sochoʼuun dadhabe. Achiis dafeen gara kutaa yaalii hatattamaa deeme. Jalqaba irratti doktaroonni rakkinni koo maal akka taʼe beekuu hin dandeenye. Taʼus haalli akkasii irra deddeebiʼee al hedduu erga na mudatee booda, dhukkuba Laayimiitiin akkan qabame bira gaʼan.

 Dhukkubni Laayimii sirna narvii koo irra miidhaa guddaa geessise. Eeyyee, dhukkubni kun erga na qabee waggaa hedduu booda illee, amma iyyuu nan holladha, kunis al tokko tokko hamman of toʼachuu dadhabutti itti fufa. Guyyoota tokko tokko qaamni koo yommuu na dhukkubu ykn quboonni koo baayʼee yommuu miidhaman yeroon sochoosuu itti dadhabu illee jira. Buusaawwan qaamaa koo hundi akka ligidaan natti dhagaʼama.

 ‘Umurii koo kanatti dhukkubsachuu hin qabu’ jedheen yaadan ture, kun immoo baayʼee na aarsa. Yeroo hundumaa “Kun kan ana irra gaʼe maaliifi?” jedheen booʼee Waaqayyoon gaafadha. Waaqayyo akka na dhiise illee natti dhagaʼamuu jalqabee ture. Taʼus, waaʼee Iyoob isa Kitaaba Qulqulluu irratti ibsameen yaade. Iyoob rakkinni hedduun kan isa irra gaʼe maaliif akka taʼe guutummaatti hin hubanne, taʼus Waaqayyoof amanamaa taʼee itti fufeera. Iyoob utuma rakkinni hedduun isa irra gaʼuu kana gochuu erga dandaʼe, anis akkas gochuu nan dandaʼa.

 Jaarsolii gumii koo irraa gargaarsa guddaa argachaan jira. Yeroo hundumaa dhufanii na ilaalu, maaltu akka natti dhagaʼamus na gaafatu. Jaarsi gumii tokko yeroon isa haasofsiisuu barbaadu hunda, saʼaatii kamitti iyyuu akkan isaaf bilbilu natti himee ture. Michoota akkasii qabaachuu kootiif, yeroo hundumaa Yihowaa nan galateeffadha!—Isaayyaas 32:​1, 2.

 Yeroo tokko tokko yommuu dhukkuba cimaadhaan qabamnu, Yihowaan haala nuti keessa jirru akka beeku ni irraanfanna. Kitaabni Qulqulluun, “Wanta yaada sitti ta’u Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa!” jedha. (Faarfannaa 55:22) Anis guyyaa guyyaadhaan akkas gochuuf nan yaala.

 Mee yaadi: Namoonni si jaallatan dhibee fayyaa kee akka dandamattu si gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?—Fakkeenya 24:10; 1 Tasalonqee 5:​11.

 Niisaa

 Yommuu umurii waggoota kurnanii keessa ture dhukkuba buusaa qaamaa miidhee laaffisuu fi Maarfaan sindroom jedhamuun nan qabame. Maarfaan sindroom onnee, ijaa fi kutaawwan qaamaa barbaachisoo taʼan kaan irrattis miidhaa ni geessisa. Kan na dhukkubu guyyaa hundumaa miti, taʼus yommuu natti kaʼu dhukkubbii cimaatu natti dhagaʼama.

 Yommuun dhukkuba kanaan qabamuu koo beeke baayʼeen booʼe. Wantan hojjechuu jaalladhu hundumaa hojjechuu hin dandaʼu jedheen yaaddaʼee ture. Fakkeenyaaf, shubbisuu waanan jaalladhuuf, gaaf tokko baayʼee dhukkubsadhee kana gochuu akkan dadhabu, darbees, deemuu illee dadhabuu akkan dandaʼu yaaduun koo waaʼee gara fuulduraa akkan dhiphadhu na godhee ture.

 Obboleettiin koo baayʼee na gargaarteetti. Waaʼee ofii koo garmalee dhiphachuu akkan dhiisu na gargaarteetti. Jireenya koo waan mancaasuuf, sodaadhaan jiraachuu akkan hin qabne natti himte. Akkasumas kadhachuu koo akkan itti fufu na jajjabeessite, sababiin isaas, haala akkamii keessa akkan jiru sirriitti beekuu fi hubachuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha.​—1 Pheexiros 5:​7.

 Caqasni na jajjabeesse tokko Faarfannaa 18:6 siʼa taʼu, akkas jedha: “Rakkina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe, gargaarsaaf Waaqayyo koottan iyyadhe; inni immoo mana qulqullummaa isaa keessaa sagalee koo dhaga’e, isa duratti gargaarsaaf iyyuun koos gurra isaa bira anaaf ga’e.” Caqasni kun Yihowaan yommuun jabaadhee dhaabachuuf akka na gargaaru kadhannaadhaan isa gaafadhu, akka na dhagaʼuu fi akka na gargaaru hubachuuf na gargaareera. Inni yeroo hundumaa na gargaaruuf qophaaʼaa dha.

 Haala rakkisaa nu mudateen kan kaʼe gadduu fi aaruun waanuma jiru akka taʼe baradheera. Kana malees, miirawwan kun jireenya keenya akka mancaasanii fi michummaa Waaqayyoo wajjin qabnu akka balleessan heyyamuu akka hin qabne hubadheera. Rakkina kan nutti fidu isa miti, akkasumas hamma nuti jireenya keenya keessatti isaaf dursa kenninetti matumaa nu hin dhiisu.​—Yaaqoob 4:​8.

 Mee yaadi: Rakkina nu irra gaʼuuf Waaqayyotu itti gaafatamaa?​—Yaaqoob 1:​13.