Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Dandeettii Namoota Wajjin Haasaʼuuf Qabu Fooyyeffachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Dandeettii Namoota Wajjin Haasaʼuuf Qabu Fooyyeffachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

 Fuulaa fuulatti waliin haasaʼuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

 Namoonni tokko tokko fuulaa fuulatti waliin haasaʼuun, keessumaa ergaa gabaabaa barreessuu wajjin wal bira qabamee yommuu ilaalamu, ulfaataa fi kan nama dhiphisu akka taʼe dubbatu.

 “Yeroo fuulaa fuulatti dubbattu wanta dubbattu sirreessu ykn balleessu waan hin dandeenyeef caalaatti dhiibbaa nama irratti godha.”—Aanaa.

 “Ergaa gabaabaa erguun akkuma sagantaa dursee waraabame yommuu taʼu, nama tokkotti dubbachuunimmoo akkuma tamsaasa kallattiiti. Yeroon dubbadhu yaanni koo hundi, ‘Akka hin dogoggorre of eeggadhu!’ kan jedhudha.”—Jiin.

 Haa taʼu malee, oolee bulee dandeettiin namootaa wajjin fuulaa fuulatti haasaʼuu si barbaachisa. Fakkeenyaaf, michoota haaraa horachuuf, hojii argachuu fi hojjechuuf ykn yeroo umuriin kee gaʼu hariiroo jaalalaa jalqabuuf fedhii kan qabdu yoo taʼe dandeettiin kun si barbaachisa.

 Wanti nama gammachiisu, fuulaa fuulatti haasaʼuun kan nama sodaachisu miti. Kan sodaattu taʼullee, akkamitti akka haasoftu barachuu ni dandeessa.

 “Yeroo tokko tokko wanta dogoggora taʼe dubbachuun kee waan hin oolledha; kunimmoo si qaanessuu dandaʼa. Yeroo kanatti ofitti kolfuu barachuu qabda.”—Niil.

 Haasaa jalqabuu kan dandeessu akkamitti?

  •   Gaaffii gaafadhu. Dhimma namoota hawwachuu dandaʼu tokko yaadi, achiis waaʼee dhimma sanaatiin haasaa jalqabuuf yaalii godhi. Fakkeenyaaf:

     “Waggaa kana bakka kan biraa deemtee turtee?”

     “Kun weebsaayitii gaariidha. Kanaan dura argitee beektaa?”

     “Waaʼee . . . dhageessee beektaa?”

     Wanta nama sanaa wajjin irratti walii galtan irratti haasaʼaa. Fakkeenyaaf, bakka tokkootti barattanii? Yookiin hojii wal fakkaatu hojjettuu? Wanta lamaan keessaniyyuu irratti walii galtan irratti hundaaʼiitii gaaffii gaafadhu.

     “Gaaffiiwwan si hawwatan kaasuudhaan deebii isaan kennan beekuu akka barbaaddu gaafachuu dandeessa.”—Maariitsaa.

     Wanta of eeggachuu qabdu: Akka nama waa qorachaa jiruutti gaaffiidhaan nama hin sardin. Kana malees, gaaffii akka qaanaʼan isaan taasisu hin gaafatin. Gaaffiiwwan, “Wanti baayʼee si sodaachisu maalidha?” ykn “Yeroo hundumaa maaliif cuquliisa uffatta?” jedhan gaafachuun isaanitti toluu dhiisuu dandaʼa. Gaaffiin inni lammaffaan isa ceephaʼuu fakkaata!

     Utuu namni sun hin deebisin dura ykn booda, gaaffii gaafatte sana ilaalchisee ilaalcha mataa kee yoo dubbatte, namni sun qorataa akka jirtu godhee yaaduu dandaʼa. Jecha biraatiin, marii akka taʼu godhi malee gaafannoo hin godhin.

    Gaaffiiwwan ati gaafattu qorataa si fakkeessaa?

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yaanni garaa namaa keessa jiru akka bishaan gad fagoo ti, namni hubataan garuu achi keessaa waraabee ni baasa.”—Fakkeenya 20:5.

  •   Akka gaariitti dhaggeeffadhu. Maree itti fufsiisuu irratti kan milkooftu dandeettii dubbachuu keetiin utuu hin taʼin, dandeettii dhaggeeffachuu keetiini.

     “Naman haasofsiisu ilaalchisee wanta haaraa tokko barachuuf galma baafadheera. Sana booda, achiis maree itti aanuuf gaaffii gaafachuuf wanta namni sun natti hime yaadachuufan carraaqa.”—Taamaaraa.

     Wanta of eeggachuu qabdu: Wanta itti aansuudhaan dubbattu ilaalchisee hin yaaddaʼin. Of eeggannoodhaan yoo dhaggeeffatte, wanta namni sun jedhe irratti hundooftee dubbachuu dandeessa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa . . . haa taʼu.”—Yaaqoob 1:19.

  •    Nama sanaaf garaadhaa akka yaaddu argisiisi. Nama wajjin dubbachaa jirtuuf kan yaaddu yoo taʼe mareen keessan caalaatti si gammachiisa.

     “Wanti namni kan biraan dubbatu dhugumaan akka si yaaddessu akka isatti dhagaʼamu yoo goote, takka takka kan namatti hin tolle taʼullee haasaan keessan gammachiisaa taʼa.”—Maarii.

     Wanta of eeggachuu qabdu: Dhimma dhuunfaa isaa keessa hin galin. “Kootii bareedaadha. Meeqaan bitte?” jechuun kee, garuu kan nama mufachiisu taʼuu dandaʼa!

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filiphisiyus 2:4.

 Maree keessan akkamitti xumuruu dandeessa? Dargaggeessi Joordaan jedhamu akkana jedheera: “Mareen keessan karaa namatti tolun akka xumuramu gochuuf galma baafadhu. ‘Sii wajjin haasaʼuun baayʼee natti toleera’ ykn ‘Oolmaa gaarii siif haa taʼu’ jechuun nama sana wajjin yeroo kan biraa yommuu wal argitan maree jalqabuun caalaatti salphaa akka siif taʼu godha.”