Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Durbummaa Koo Eeguuf Kakuu Galuun Qabaa?

Durbummaa Koo Eeguuf Kakuu Galuun Qabaa?
  • Kakuun durbummaa ofii eeguuf galamu maali dha?

  • Durbummaa ofii eeguuf kakuu galuun faayidaa qabaa?

  • Filannoo kanarra caalu

Durbummaa Koo Eeguuf Kakuu Galuun Qabaa?

 Kakuun durbummaa, gaaʼela dhaabbachuun dura saalqunnamtii raawwachuu dhiisuuf jecha kakuu afaaniin ykn barreeffamaan galamu dha.

 Kakuun durbummaa balʼinaan fudhatama argachuu kan jalqabe baroota 1990⁠tti yeroo taʼu, Yuunaayitid Isteetisitti miseensonni Saawuzarn Baaptiisti Konvenshin sochii “Jaalalli Dhugaan ni Obsa” jedhu yeroo jalqabanitti dha. Kaayyoon sagantaa kanaa seera amalaa Kitaaba Qulqulluu fi dhiibbaa gaarii hiriyootaatti fayyadamuudhaan dargaggoonni gaaʼela dura saalqunnamtii akka hin raawwanne jajjabeessuufi dha.

 Utuu baayʼee hin turin sagantaan gara biraan ni jalqabame. Dargaggoonni sagantaa kana irratti hirmaatan gaaʼela dura saalqunnamtii akka hin raawwanne kakuu akka galan beeksisuu fi kakuu galan akka yaadatan gochuuf amartiin qubaa isaaniif kennama ture.

Durbummaa ofii eeguuf kakuu galuun faayidaa qabaa?

 Deebiin isaa namoota gaaffiin dhihaateef irratti kan hundaaʼe dha.

  •   Qorattoonni Kiristiyaan Kiim fi Roobart Reektar jedhaman akka ibsanitti, “Dargaggoonni umurii dargaggummaatti kakuu galan saalqunnamtii raawwachuu kan jalqaban turanii akka taʼe akkasumas dargaggoota umurii isaaniitti saalqunnamtii raawwatanii wajjin yommuu wal bira qabamu gad aanaa akka taʼe qorannoowwan hedduun ni mirkaneessu.”

  •   Dhaabbanni Gutmaaher jedhamu akka ibsetti, qorannoowwan, “Dargaggoonni durbummaa isaanii eeguuf kakuu durbummaa galan carraan isaan saalqunnamtii raawwachuuf qaban dargaggoota kakuu hin gallee wajjin wal qixa” taʼuu isaa ni argisiisu.

 Buʼaan isaa faallaa kan taʼe maaliifi?

  •   Qorannoowwan tokko tokko dargaggoota kakuu galan, dargaggoota kakuu hin gallee fi saalqunnamtii ilaalchisee ilaalcha addaa qabanii wajjin wal bira qabu.

  •   Qorannoowwan kaan immoo dargaggoota saalqunnamtii ilaalchisee kakuu galan warra kakuu hin galee fi saalqunnamtii ilaalchisee ilaalcha wal fakkaatu qabanii wajjin wal bira qabu.

 Qorannoowwan qabxii lammaffaa irratti ibsaman maal argisiisu?

Fayyaa dargaggootaa ilaalchisee ispeeshaaliistii kan taate Jaaneet Roozenboon waggaa shan booda “saalqunnamtii raawwachuu wajjin haala wal qabateen dargaggoota kakuu galanii fi kakuu hin galle gidduu garaagarummaan hin jiru” jetteetti.

Filannoo gaarii

 Sagantaawwan kakuu durbummaa yaada baayʼee gaarii taʼe dha. Haa taʼu malee dargaggoonni naamusa kakuu galan eeganii itti fufuuf isaan dandeessisu akka horatan hin godhu. Doktar Rozenboom, “Dargaggoota kakuu kana galan keessaa hedduun isaanii “kakuu kanaa wajjin wal hin siman” jechuudhaan dubbatteetti. Itti dabaluudhaanis “Namni tokko saalqunnamtii raawwachuu irraa fagaachuu kan qabu sagantaa taʼe tokko irratti waan hirmaateef utuu hin taʼin, itti amanee fi ofii isaatiin kakaʼee taʼuu qaba” jetteetti.

 Kitaabni Qulqulluun namoonni ofii isaaniitiin kakaʼanii ejjennoo akkanaa akka fudhatan jajjabeessa. Namoonni afaaniin ykn barreeffamaan kakuu akka galan utuu hin taʼin ‘wanta sirrii fi dogoggora gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii leenjisuudhaan’ akka fayyadaman jajjabeessa. (Ibroota 5:14) Hunda caalaa immoo sababii guddaan namni tokko gaaʼela dura saalqunnamtii raawwachuu irraa fagaachuu qabu dhukkuba ykn ulfa barbaachisaa hin taane sodaachuun utuu hin taʼin, Waaqayyo isa gaaʼela uumeef kabaja argisiisuuf taʼuu qaba.—Maatewos 5:19; 19:4-6.

 Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman faayidaa keenyaaf kennaman. (Isaayaas 48:17) Namoonni umurii akkamii iyyuu keessatti argaman ajaja, “Halalummaa irraa baqadhaa!” jedhu raawwachuuf murtoo isaan gargaaru jabeeffachuu dandaʼu. (1 Qorontos 6:18) Gaaʼela erga godhatanii booda dhiphinnii fi gaabbiin saalqunnamtii gaaʼela dura raawwatamuu wajjin haala wal qabateen dhufu utuu isaanitti hin dhagaʼamin saalqunnamtii raawwachuudhaan gammaduu dandaʼu.