Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Ispoortii Hojjechuuf Fedhii Akkan Qabaadhuuf Maal Gochuun Qaba?

Ispoortii Hojjechuuf Fedhii Akkan Qabaadhuuf Maal Gochuun Qaba?

 Ispoortii hojjechuu kanan qabu maaliifi?

 Biyyoota tokko tokkotti dargaggoonni saʼaatiin isaan sochii qaamaa gochuudhaan dabarsan baayʼee xinnaa waan taʼeef kun fayyaa isaanii balaa irra buusa. Kitaabni Qulqulluunis, ‘Leenjiin qaamaa ni fayyada’ jechuun isaa sirrii dha. (1 Ximotewos 4:8) Qabxiiwwan armaan gadii ilaali:

  •   Ispoortii hojjechuun miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu godha. Sochiin qaamaa keemikaalli indoorfiin jedhamu sammuu keessaa akka maddu gochuudhaan aara galfiinii fi gammachuun akka sitti dhagaʼamu godha. Namoonni tokko tokko sochii qaamaa qoricha uumamaan dhiphina dandamachuuf gargaaru jechuudhaan ibsu.

     “Ganama wanta kam iyyuu hojjechuu koo dura sochii qaamaa gochuudhaaf yoon fiige, oolmaan koo buʼa qabeessaa fi gammachiisaa taʼa. Fiigichi gammachuu akkan qabaadhu na gargaara.”—Reejiinaa.

  •   Sochiin qaamaa bifni kee akka miidhagu gochuu dandaʼa. Sochiin qaamaa madaallii isaa eeggate akka cimtu, bifa gaarii akka qabaattuu fi caalaatti ofitti amanannaa akka qabaattu si gargaara.

     “Puul-aappii kudhan hojjechuu dandaʼuu kootti gammachuun natti dhagaʼama, waggaa tokko dura tokko iyyuu hojjechuu hin dandaʼun ture. Hunda caalaa immoo qaama kootiif kunuunsa gochaa akkan jiru natti dhagaʼama.”—Oliiviyaa.

  •   Sochiin qaamaa umurii kee dheeressa. Sochii qaamaa gochuun kee sirna onnee fi hargansuu keetiif ni fayyada. Sochiin qaamaa akka eeroobiksii dhukkuba onnee isa duʼa dhiirotaa fi dubartoota hedduutiif sababa taʼe ittisuuf gargaaruu dandaʼa.

     “Sochii qaamaa barsiifata yoo godhanne, qaama uumaan keenya nuuf kenne akka dinqisiifannu argisiisna.”—Jeesiikaa.

 Yaada ijoo: Sochiin qaamaa gara fuulduraatti fayyaa keetiif faayidaa guddaa qaba; yeroo ammaattis gammachuu siif argamsiisa. Shamarreen Tooniyaa jedhamtu akkana jetteetti: “‘Ala baʼee miilaan deemuu ykn fiiguu utuun dhiiseera taʼee’ jettanii gonkumaa hin dubbattan. Sababa dhiheessuu koo dhiisee sochii qaamaa yommuun godhu matumaa itti gaabbee hin beeku.”

Konkolaataan tokko kunuunsi barbaachisaa taʼe yoo godhamuufii baate hojiidhaan ala akkuma taʼu, qaamni keenyas ispoortii hin hojjennu taanaan miidhamuu dandaʼa

 Wanti gufuu natti taʼu maali dha?

 Wantoonni gufuu taʼuu dandaʼan hedduun jiru:

  •   Kakaʼumsa dhabuu. “Namoonni yeroo umurii dargaggummaa irra jiranitti homaa akka hin taane waan isaanitti dhagaʼamu natti fakkaata. Nan dhukkubsadha jedhanii yaaduun baayʼee ulfaataa dha. Kan akkas itti dhagaʼamu nama dulloome qofa dha jettee yaadda.”—Soofiyaa.

  •   Yeroo dhabuu. “Hojiin waan natti baayʼatuuf, nyaata gaarii nyaachuu fi boqochuuf yeroo ramaduun qaba; haa taʼu malee ispoortii hojjechuuf yeroo argachuun caalaatti ulfaataa dha.”—Kilaarisaa.

  •   Kaffaltii bakka ispoortiin itti hojjetamuuf kaffalamu. “Bifa qabdu eegdee itti fufuun ulfaataa dha; sababiin isaas bakka ispoortiin itti hojjetamu deemuu yoo barbaadde kaffaluu qabda!”—Jiinaa.

 Wanta irratti yaadamuu qabu:

 Ispoortii hojjechuudhaaf wanti gufuu sitti taʼu inni guddaan maali dha? Gufuuwwan akkasii moʼachuun hojii gaafata, taʼus buʼaan isaa kan nama gaabbisiisu miti.

 Ispoortii fayya buleessa taʼuuf na barbaachisu hojjechuu kanan dandaʼu akkamitti?

 Kanatti aansuudhaan yaadawwan muraasni dhihaataniiru:

  •   Fayyummaa keetiif ofuma keetii itti gaafatamummaa fudhadhu.—Galaatiyaa 6:5.

  •   Sababii dhiheessuu irraa of qusadhu. (Lallaba 11:4) Fakkeenyaaf, sagantaa ispoortii hojjechuuf baafatte jalqabuuf bakka ispoortiin itti hojjetamutti galmaaʼuun si hin barbaachisu. Sochii si gammachiisu filadhu, akkasumas barsiifata godhadhu.

  •   Yaada kan biraa argachuuf, warri kaan ispoortii hojjechuuf maal akka godhan gaafadhu.—Fakkeenya 20:18.

  •   Sagantaa dhaabbataa qabaadhu. Galma baafadhu, akkasumas kakaʼumsi kee akka hin badneef wantoota raawwatte galmeessii qabadhu.—Fakkeenya 21:5.

  •   Nama si wajjin ispoortii hojjetu barbaaddadhu. Michuu yeroo hunda wajjin sochii qaamaa gootu yoo argatte, si jajjabeessuu fi sagantaa kee akka hordoftu si gargaaruu dandaʼa.—Lallaba 4:9, 10.

  •   Gufuun akka si muudatu eegi, yoo si muudate immoo abdii hin kutatin.—Fakkeenya 24:10.

 Madaallii kee eeggadhu

 Kitaabni Qulqulluun dhiironnis taʼan dubartoonni ‘barsiifata madaalamaa kan qaban’ akka taʼan gorsa. (1 Ximotewos 3:2, 11) Kanaaf, sochii qaamaa wajjin haala wal qabateen madaallii kee kan eegdu taʼi. Namoonni garmalee sochii qaamaa hojjetan yeroo baayʼee milkaaʼina hin argatan. “Dhiirri irreen isaa sammuu isaa caalaa guddaa taʼe natti hin miidhagu” jechuudhaan shamarreen Juuliyaa jedhamtu dubbatteetti.

 Gorsawwan nama kakaasanii fi hamma fayyaa keetiif gaarii taʼe caalaa akka hojjettu dhiibbaa si irratti godhan irraa of eeggadhu. Gorsi akkasii karaa qaamaa kan si miidhu taʼuu isaa irra iyyuu “wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan” irratti akka hin xiyyeeffanne si gochuu dandaʼu.—Filiphisiyus 1:10.

 Dabalataanis, wantoonni sochii qaamaa gochuuf nama kakaasu jedhaman abdii si kutachiisuu dandaʼu. Shamarreen Veeraa jedhamtu, “Dubartoonni baayʼeen suuraa namoota fakkaachuu barbaadanii walitti qabatu, achiis yommuu kakaʼumsa dhaban suuraawwan kanneen ilaalu. Haa taʼu malee, namoota kana wajjin of madaalchisuudhaan abdii kutatu. Bifa kee utuu hin taʼin, fayyaa kee fooyyeffachuuf galma baafachuun gaarii dha.”