Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gonkumaa Abdii Hin Kutatin!

Gonkumaa Abdii Hin Kutatin!

Dhugaa Baatuu Yihowaa, waggoota hedduuf hiriyaan gaaʼelaakee si wajjin Yihowaa akka waaqeffatu hawwaa turtedhaa?

Yookiin namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiistuufi jalqabarratti fedhii guddaa qabu dhugaa cina dhaabbachuu waan dhiiseef abdii kutatteettaa?

 Muuxannoowwan muraasni Biritaaniyaatii argaman, matumaa abdii kutachuu kan hin qabne maaliif akka taʼe hubachuuf si gargaaruu dandaʼu. Akkasumas namoota dhugaa dhagaʼanii yeroo dheeraadhaaf tarkaanfii hin fudhanne ilaalchisee yaada ‘midhaankee bishaanirra ceesisi’ jedhu akkamitti hojiirra akka oolchitu hubachuu dandeessa.—Lal. 11:1.

OBSUUN BAAYʼEE BARBAACHISAADHA

Wanti baayʼee barbaachisaan gama keetiin gochuu qabdu obsa qabaachuudha. Dhugaafi Yihowaatti maxxantee jiraachuunkee barbaachisaadha. (Kes. 10:20) Wanti Joorjiinaan gootes kanumadha. Bara 1970⁠tti yommuu Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabdetti, abbaan manaashee Kiriyaakos baayʼee aaree ture. Dhugaa Baatonni manasaa akka hin seenne gochuufi barreeffamoota keenya hunda jalaa fudhachuudhaan akka isheen hin qayyabanne yaalii godheera.

Joorjiinaan walgaʼii gumiirratti argamuu yommuu jalqabdettimmoo caalaatti aariidhaan finiine. Guyyaa tokko lola kaasuuf gara Galma Mootummaa dhaqe. Obboleettiin tokko Kiriyaakos Ingiliffarra afaan Giriikii akka gaariitti kan dubbatu taʼuusaa waan hubatteef, obboleessa lammii Giriik taʼeefi gumii garabiraa keessa jiru tokkoof bilbiltee akka dhufee isa haasofsiisu goote. Kiriyaakos gaarummaa obboleessi kun isatti argisiiseen kan tuqame taʼuusaarrayyuu jiʼa muraasaaf Macaafa Qulqulluu waliin qayyabataniiru. Haataʼu malee Kiriyaakos qayyabannaa kana itti hin fufne.

Sana booda Joorjiinaan, waggaa sadiif mormiin isheerra gaʼeera. Kiriyaakos, yoo isheen ni cuuphamti taʼe akka ishee dhiisee deemu itti hime. Joorjiinaan guyyaa cuuphamtu sana Kiriyaakos ishee dhiisee akka hin deemne kadhannaa garaadhaa madde Yihowaatti dhiheessite. Dhugaa Baatonni gara galma walgaʼiitti ishee fuudhanii deemuuf yommuu dhufan Kiriyaakos, “Isin nu dura deemaa. Nuyimmoo konkolaataa keenyaan booda keessaniin dhufna” jedheen. Sagantaa ganamaarratti kan argame yommuu taʼu, yeroo haati manaasaa cuuphamtus ilaaleera.

Dhugaa Baatotaa wajjin erga wal argee gara waggaa 40 booda abbaan manaa Joorjiinaa ni cuuphame

Sana booda mormiin Kiriyaakos geessisu hirʼachaa kan deeme siʼa taʼu, suuta suutas jijjiirama guddaa godheera. Dhugaa Baatotaa wajjin erga wal argee gara waggaa 40 booda abbaan manaa Joorjiinaa ni cuuphame. Kiriyaakos akka cuuphamu kan isa gargaare maalidha? “Joorjiinaan wanti kamiyyuu Yihowaa waaqeffachuurraa duubatti akka jettu akka ishee godhu waan hin heyyamneef baayʼeen gammada” jedheera. Joorjiinaan, “Abbaan manaakoo yoo na mormellee ani Yihowaa waaqeffachuu hin dhiisne. Yeroo kana hundatti Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu kanan itti fufe siʼa taʼu, abdii kutadhee hin beeku” jetteetti.

FAAYIDAA NAMUMMAA HAARAA

Wanti garabiraan hiriyaa gaaʼelaakee ittiin gargaaruu dandeessu amala Kiristiyaana tokkorraa eegamu qabaachuudha. Phexros ergamaan, “Akkasumas isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kaan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo taʼan iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatin, amala isin warri haadhota manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo’amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa!” jechuudhaan haadhotii manaa Kiristiyaana taʼan gorseera. (1 Phe. 3:1) Kiristiin, abbaan manaashee jijjiirama gochuuf waggaa dheeraa yoo itti fudhateyyuu gorsa kana hojiirra oolchiteetti. Waggaa 20 dura yommuu isheen Dhugaa Baatuu taate, abbaan manaashee Joon Waaqayyotti hin amanu ture. Joon amantii kamiyyuu hordofuu kan hin barbaanne taʼus, amantiin Kiristiin hordofuu jalqabde baayʼee akka ishee fayyade hubachuu dandaʼeera. “Gammachuu akka isheedhaaf argamsiise argeera. Amala nama jabduu akka taatu ishee godhu horachuunshee haalawwan rakkisaa taʼan hedduun yeroo na mudatanitti na gargaareera” jedheera.

Kiristiin abbaan manaashee amantiishee akka hordofu dhiibbaa isarratti hin goone. Kanaan kan kaʼes abbaan manaashee, “Kiristiin jalqabumaa kaastee waaʼee amantii natti hin dubbattu turte; ofuma kootiin yeroon barbaadetti akkan baradhu obsaan na eegdi turte” jedheera. Kiristiin matadureewwan Masaraa Eegumsaa ykn Dammaqaa! irratti baʼaniifi fedha Joon akka hawwatan beektu jechuunis kanneen akka saayinsiifi uumamaa yoo argite, “Kana dubbisuun waan sitti tolu natti fakkaata” isaan jetti turte.

Joon yeroo booda soorama baʼuudhaan biqiltuu kunuunsuu jalqabe. Yeroo kanatti waaʼee jireenyaarratti gad fageenyaan yaaduuf carraa balʼaa waan argateef gaaffiiwwan, ‘Ilmaan namootaa akka tasaa argamanii? Moo jireenya kaayyoo qabuuf uumaman?’ jedhanirratti yaaduu jalqabe. Guyyaa tokko obboleessi kanaan dura Jooniin haasofsiisee ture, “Maaliif Macaafa Qulqulluu waliin hin qayyabannu?” jedhee isa gaafate. Joon, “Amma Waaqayyotti amanuu jalqabeera. Afeerraa inni naaf dhiheesse fudhadheera” jedheera.

Kiristiin abdii kutachuu dhiisuunshee buʼaa guddaa argamsiiseera! Joon dhugaa akka fudhatuuf waggaa 20f kadhannaa erga dhiheessitee booda, dhugaa fudhatee cuuphamuu dandaʼeera. Yeroo ammaa waliin taʼanii hinaaffaa guddaadhaan Yihowaa tajaajilaa jiru. Joon akkas jedheera: “Keessumaa wantoonni lama akkan moʼamu na godhaniiru. Inni tokko, gaarummaafi jaalala Dhugaa Baatonni natti argisiisanidha. Inni lammaffaanimmoo, hiriyaa gaaʼelaa Dhugaa Baatuu Yihowaa taate qabda jechuun, nama amanamtuu taateefi fedhiishee aarsaa gootu qabda jechuudha.” Kiristiin gorsa 1 Phexros 3:1⁠rra jiru hojiirra oolchuunshee buʼaa argamsiiseera.

 SANYII WAGGAA HEDDUU BOODA FIRII GODHATE

Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabataniifi sababa taʼe tokkoon fedhii jalqaba qaban dhaban hoo? Solomoon Mootichi, “Waan ati facaafte keessaa inni kam akka tolu waan hin beekneef, sanyii midhaanii kee ganama facaasi, galgalas harki kee facaasuuttii hin boqotin! Inni kun yookiis inni sun yookiis immoo lachanuu in tolu taʼa” jechuudhaan barreesseera. (Lal. 11:6) Yeroo tokko tokko, sanyiin dhugaa facaafame garaa nama tokkoo keessatti biqiluuf waggaa dheeraa fudhachuu dandaʼa. Namni kun yeroo booda Yihowaatti dhihaachuun barbaachisaa akka taʼe hubachuu dandaʼa. (Yaq. 4:8) Eyyee, guyyaa tokko tarkaanfii namni kun fudhatuun gammaduunkee hin oolu.

Mee Alees ishee biyya Hindii jiraachaa turteefi Ingilaanditti galte ilaali. Bara 1974⁠tti Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabde. Afaan Hindii kan dubbattu taʼus Ingiliffa fooyyeffachuu barbaadde. Alees, waggoota muraasaaf qayyabannashee kan itti fufte yommuu taʼu, walgaʼii gumii Ingiliffaan geggeeffamurratti darbee darbee argamaa turteetti. Wanti barachaa jirtu dhugaa taʼuusaa kan beektu taʼus, baayʼee barbaachisaa taʼuusaa hin hubanne turte. Kana malees, qarshii argachuurratti kan xiyyeeffattu siʼa taʼu, qophii sirbaarratti argamuus ni jaallatti turte. Yeroo boodas qayyabannaashee ni dhaabde.

Gara waggaa 30 booda, Alees obboleettii Isteellaa jedhamtuufi ishee qayyabsiisaa turteef xalayaa ergite. Xalayichi akkas jedha: “Namni ati bara 1974⁠tti qayyabsiisaa turte tokko walgaʼii koonyaa dhiheenya godhamerratti akka cuuphame yommuu dhageessu baayʼee akka gammaddu natti dhagaʼama. Jireenyakoo keessatti wanta iddoo guddaa qabu naaf gooteetta. Sanyii dhugaa na keessa dhaabdeetta; yeroo sanatti Waaqayyoof of murteessee cuuphamuu baadhus sanyiin dhugaa sun sammuu koofi garaakoo keessaa utuu hin badin tureera.”

Xalayaan Alees Isteellaadhaaf ergite akkas jedha: “Namni ati bara 1974⁠tti qayyabsiisaa turte tokko walgaʼii koonyaa dhiheenya godhamerratti akka cuuphame yommuu dhageessu baayʼee akka gammaddu natti dhagaʼama”

Sana boodahoo maaltu taʼe? Alees abbaan manaashee bara 1997⁠tti yommuu duʼe baayʼee dhiphatte. Kanaaf, Waaqayyotti kadhannaa dhiheessite. Daqiiqaa kudhan boodas, Dhugaa Baatonni afaan Puunjaabii dubbatan lama manashee kan dhaqan yommuu taʼu, tiraaktii Michoonni Keenya Warri Duʼan Abdii Akkamii Qabu? jedhu kennaniif. Alees kadhannaanshee deebii akka argate kan itti dhagaʼame yommuu taʼu, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arguu akka qabdu murteessite. Haataʼu malee akkamitti isaan argachuu dandeessi laata? Teessoo gumii Puunjaabii isa obboleettiin keenya Isteellaan waggaa dheeraa dura isheedhaaf kennite kitaaba yaadannoo isheerraa argatte. Alees Galma Mootummaa kan dhaqxe yommuu taʼu obboloonniifi obboleettonni afaan Puunjaabii dubbatanis miira hoʼaadhaan ishee simatan. Alees, “Miira hoʼaadhaan na simachuunsaanii kan na gammachiise siʼa taʼu, kunis dhiphina natti dhagaʼamurraa boqonnaa akkan argadhu na gargaareera” jetteetti.

Yeroo hunda walgaʼiirratti argamuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kan itti fufte yommuu taʼu, afaan Puunjaabii akka gaariitti dubbachuufi dubbisuu dandeesseetti. Bara 2003⁠ttis ni cuuphamte. Xumurri xalayaa isheen Isteellaadhaaf barreessitee, “Sanyii sana waggaa 29 dura garaakoo keessa waan dhaabdeefi fakkeenya gaarii ani hordofuu dandaʼu waan naa taateef baayʼeen si galateeffadha” jedha.

“Sanyii sana waggaa 29 dura garaakoo keessa waan dhaabdeefi fakkeenya gaarii ani hordofuu dandaʼu waan naa taateef baayʼeen si galateeffadha.”​—Alees

Muuxannoowwan kanarraa maal barachuu dandeessa? Isa ati yaadde caalaa yeroo dheeraa kan fudhatu taʼus, namni kun nama karaa hafuuraa dheebotaa taʼe, amanamaafi kan gad of deebisu taanaan, Yihowaan dhugaan garaa nama kanaa keessatti akka guddatu gochuu dandaʼa. Yaada Yesus fakkeenyaan, “Sanyichi immoo utuu [namichi facaase] hin beekin in biqila in guddatas. Lafichi ofuma isaatiin duraan dursee biqilaa fi humna, itti aansees hudha, kana booddees ija guutuu in godhachiisa” jechuudhaan dubbate qalbeeffadhu. (Mar. 4:27, 28) Guddinni akkasii suuta suutaafi “ofuma isaatiin” kan argamudha. Labsitoonni Mootummichaa hundi haala kun itti taʼu beekuu akka hin dandeenye ifadha. Kanaaf harka guuttee facaasuukee ittuma fufi. Kana gochuu keetiin harka guuttee galfatta taʼa.

Faayidaa kadhannaa dhiheessuun qabus hin dagatin. Joorjiinaafi Kiristiin Yihowaa kadhachuusaanii ittuma fufanii turan. Atis, ‘kadhachuutti yoo cimte’ akkasumas abdii kutachuu yoo dhiiste, yeroo “baayʼee booddee” carraaqqiinkee buʼaa gaarii siif argamsiisuu dandaʼa.—Rom. 12:12; Lal. 11:1.