Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhuguma Joseefastu Barreessee?

Dhuguma Joseefastu Barreessee?

Jaarraa tokkoffaatti barreessaa seenaa kan ture Filaaviyas Joseefas, Kitaabasaa Jiwish Antiikuwiitiis jedhamu Jildii 20⁠ffaarratti, waaʼee duʼa “Yaaqoob, obboleessa Yesus isa Kiristos jedhamee waamamuu” caqaseera. Barreessitoonni seenaa baayʼeen yaanni kun sirriifi amanamaa akka taʼe dubbatu. Haataʼu malee, barreessitoonni tokko tokkommoo Yesusiin ilaalchisee yaada kitaaba kana keessa jiru ni shakku. Kutaan kitaaba kanaa namoonni shakkan Teestiimoniyam Filaaviyaaniyam kan jedhamu siʼa taʼu akkas jedha:

“Nama jedhanii isa waamuun sirrii yoo taʼe, Yesus inni nama ogeessa ture, yeroo kanatti hojiiwwan dinqisiisaa hojjeteera; akkasumas barumsasaatiin namoota baayʼee dinqisiiseera. Yihudootaafi namoota saba Waaqayyoo hin taʼin hedduu duuka buutotasaa godheera. Inni Kiristos kan ture yommuu taʼu gaaffii gurguddoota keenyaatiin Philaaxos akka inni fannifamu dabarsee isa kenne. Warri isa jaallatan isa gananii waan hin deemneef guyyaa sadaffaatti duʼaa kaʼee isaanitti mulʼateera. Akkuma raajonni isa ilaalchisee dursanii dubbatanitti, namni kun dinqii kanaafi kan biraa kuma kudhan taʼan raawwateera. Akkasumas yeroo harʼaa gosoonni amantii Kiristiyaanotaa maqaasaatiin waamaman jiru.”—Joseefas—Za Kompiliit Woorkis, isa Wiiliyaam Wiistan hiike.

Dhuma jaarraa 16⁠ffaatii jalqabee, namoota barreeffamni kun dhugaadha jedhaniifi warra Joseefas barreessuusaa shakkan gidduutti falmii cimaan godhamaa tureera. Faransaay keessatti barreessaa seenaafi barreeffamoota duriirratti qorannoo gochuudhaan kan beekaman Serji Baardaan, falmii jaarraa afuriif ture kanaaf furmaata barbaadaa turaniiru. Qorannoo dhimma kana ilaalchisee godhan kitaabasaanii, Lee Testimoniyam Filaaviyaanam—Ekzaaman istooriik konsadaraasiyoon istooriyoogiraafaki (Teestiimoniyam Filaaviyaaniyam—Qorannoo Seenaarratti Xiyyeeffate) jedhamurratti barreessaniiru.

Joseefas barreessaa seenaa amantii Kiristiyaanaa miti. Kanaa mannaa, amantiinsaa Yihudii siʼa taʼu barreessaa seenaa Yihudootaati. Kanaaf, falmiin kun kan xiyyeeffate Yesusiin “Kiristos” jedhee waamuusaarrattidha. Baardaan qorannoo godhanirratti maqaan kun ‘maqaa ulfinaa afaan Giriikii keessatti maqaa namootaa duratti galuu’ wajjin kan wal fakkaatu akka taʼe mirkaneessaniiru. Itti dabaluudhaanis, Yihudoonniifi Kiristiyaanonni “Joseefas Yesusiin Kiristos jedhee hin waamne jechuu qofa utuu hin taʼin, namoonni yaada ceephoo kennan kana arguu dadhabuusaanii akka dogoggora guddaatti ilaalu” jedhaniiru.

Yaada kana nama kan biraatu akkaataa Joseefas barreessutti fayyadamuudhaan barreeffama kanatti dabalee laata? Baardaan seenaafi kitaabuma kanarratti qorannoo gochuudhaan, seenaa kana nama kan biraatu fakkeessee barreesse taanaan, fakkeessaan akkasii dinqii raawwachuu wajjin tokko akka taʼe ibsaniiru. Namni tokko barreeffama kana fakkeessee barreessuuf ‘dandeettii namoota bara durii jiraatan hunda caalu qabaachuu’ isa barbaachisa. Kana jechuun akkaataan Joseefas itti barreessu adda waan tureef namni barreeffamasaa fakkeessee barreessu hin jiru jechuudha.

Haataʼu malee shakkiin kun hundi maaliif kaʼuu dandaʼe? Baardaan rakkina jiru addaan baasuudhaan akkas jedhaniiru: “Barreeffamoota bara durii baayʼeerraa haala adda taʼeen yaada Teestiimoniyam jedhamurratti shakkii baayʼeetu jira. Shakkiin kunimmoo jiraachuu kan dandaʼe yaada kana ilaalchisee gaaffiin waan kaʼeefidha.” Baardaan jaarraa hedduu duraa jalqabee namoonni baayʼeen dhimma kanarratti ceephoo kan kaasan yaada kanarratti qorannaa gochuudhaan dhugummaa yaada kanaa erga mirkaneessanii booda utuu hin taʼin, “akkasumaan kakaʼanii” akka taʼe ibsaniiru.

Qorannoon Baardaan Teestiimoniyam Filaaviyaanamirratti godhan kun, yaada barreessitoota seenaa jijjiiruufi dhiisuusaa yeroo booda kan barru taʼa. Qorannoonsaanii kun, hayyuu Piyeer Jooltiran jedhaman, waaʼee Yihudoota aadaa Giriikii hordofaniifi waaʼee amantii kiristiyaanaa durii qoratan amansiiseera. Hayyuun kun yaadni Teestiimoniyam jedhamu, yaada namoonni barreeffama Joseefasitti dabalanidha jedhanii amanaa kan turan taʼuusaarrayyuu namoota barreeffamni kun dhugaadha jedhanii amananitti qoosaa turan. Haataʼu malee yaadasaanii kana jijjiiraniiru. Yaadasaanii kana akka jijjiiran kan isaan godhe qorannoo Baardaa akka taʼe isaanumtuu dubbataniiru. Jooltiran, “Kana booda namni, ‘Barreeffama kana kan barreesse Joseefas miti’ jedhee afaan guutee dubbachuu dandaʼu hin jiru” jedhaniiru.

Yesus, Kiristos taʼuusaa Macaafni Qulqulluuniyyuu waan dubbatuuf, Dhugaa Baatonni Yihowaa Yesus, Kiristoosidha jedhanii amanuuf sababii gaʼaa qabu.—2 Xim. 3:16.