Pheexiros Tokkoffaa 3:1-22

  • Haadhotii manaa fi abbootii manaa (1-7)

  • Miira walii hubadhaa; nagaa barbaadaa (8-12)

  • Qajeelummaadhaaf jedhanii rakkachuu (13-22)

    • Waaʼee abdii keessanii deebii kennuuf qophaaʼoo taʼaa (15)

    • Cuuphaa fi qalbii gaarii (21)

3  Haaluma wal fakkaatuun, isin haadhotiin manaa abbootii manaa keessaniif bitamaa;+ kunis dubbichaaf kan hin ajajamne yoo jiraatan, dubbii malee amala keessan isa gaariidhaan akka moʼamaniifi;+  kan moʼamanis amala keessan isa qulqulluu+ fi ulfina guddaa isin argisiistan yommuu ilaalanitti dha.  Miidhaginni keessan alaan kan mulʼatu, jechuunis shurrubbaa dhaʼachuu fi faaya warqii naqachuudhaan yookiin uffata baʼeessa uffachuudhaan akka taʼu hin godhinaa;+  kanaa mannaa, miidhaginni keessan keessa namummaa keessan isa dhokataa, isa hin mancaane kan mulʼisu haa taʼu; tasgabbii fi garraamummaadhaan of miidhagsaa;+ Waaqayyo kanaaf iddoo guddaa kenna.  Dubartoonni qulqulloonni bara durii Waaqayyo irratti abdii qaban abbootii manaa isaaniitiif bitamuudhaan haala kanaan of miidhagsu turan;  Saaraan Abrahaamiin “gooftaa koo” jettee waamuudhaan isaaf ni ajajamti turte.+ Isinis waan gaarii gochuu keessan yoo itti fuftanii fi sodaadhaan yoo moʼamuu baattan+ ijoollee ishii taatu.  Haaluma wal fakkaatuun isin abbootiin manaa, beekumsaan* isaanii wajjin jiraachuu keessan itti fufaa. Isaanis isinii wajjin kennaa jireenyaa waan dhaalaniif,+ akkasumas kadhannaan keessan akka hin ittifamneef, dubartoota warra isin caalaa akka qodaa cabuu taʼan kabajaa.+  Dhuma irrattis, hundi keessan yaadaan tokkummaa qabaadhaa,+ miira walii hubadhaa, jaalala obbolummaa qabaadhaa, gara laafina qabaadhaa,+ akkasumas kan gad of qabdan taʼaa.+  Hamaa hamaadhaan+ yookiin arrabsoo arrabsoodhaan+ hin deebisinaa. Kanaa mannaa deebisaa eebbisaa;+ sababiin isaas, isin kan waamamtan karaa kana irra deddeebiʼuudhaan eebba akka dhaaltaniifi. 10  “Namni jireenya jaallatuu fi guyyoota gaarii arguu barbaadu kam iyyuu arraba isaa wanta hamaa irraa,+ afaan isaas gowwoomsaa dubbachuu irraa haa eegu. 11  Wanta hamaa irraa deebiʼee+ wanta gaarii haa raawwatu;+ nagaa haa barbaadu, duukaas haa buʼu.+ 12  Sababiin isaas, ijji Yihowaa* qajeelota irra jira; gurri isaas wawwaannaa isaanii ni dhagaʼa;+ taʼus Yihowaan* warra wanta hamaa hojjetan irraa ni garagala.”+ 13  Wanta gaariidhaaf yoo hinaaftan eenyutu isin miidha?+ 14  Haa taʼu malee, qajeelummaadhaaf jettanii rakkinni yoo isin irra gaʼe illee isin gammadoo dha.+ Taʼus wanta isaan sodaatan hin sodaatinaa,* akkasumas hin jeeqaminaa.+ 15  Kanaa mannaa, garaa keessan keessatti Kiristoosiif akka Gooftaatti ulfina kennaa; nama waaʼee abdii keessanii isin gaafatu hundumaaf deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼoo taʼaa; kana kan gootan garuu garraamummaa+ fi ulfina guddaadhaan haa taʼu.+ 16  Namoonni waaʼee keessan wanta hamaa dubbatan, amala gaarii isin duuka buutota Kiristoos taʼuudhaan argisiistaniin+ kan kaʼe wanta hamaa waaʼee keessan dubbatanitti akka qaanaʼaniif+ qalbii gaarii qabaadhaa jiraadhaa.+ 17  Wanta hamaa gootanii rakkinni isin irra gaʼuu mannaa,+ fedhii Waaqayyoo yoo taʼe, wanta gaarii gootanii rakkinni yoo isin irra gaʼe wayya.+ 18  Kiristoos inni qajeelaa taʼe warra jalʼootaaf jedhee+ cubbuudhaaf yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha duʼeera;+ kana kan godhes gara Waaqayyootti isin qajeelchuuf jedhee ti.+ Inni fooniin ajjeefame,+ taʼus hafuuraan jiraataa godhame.+ 19  Haala kana keessa utuu jiruus, dhaqee hafuurota mana hidhaa keessa jiraniif lallabe;+ 20  isaan warra bara Nohitti yeroo Waaqayyo obsaan eegaa* turee+ fi yeroo dooniin namoonni muraasni, jechuunis lubbuun* saddeet bishaan irraa itti oolan+ ijaaramaa turetti+ utuu hin ajajamin hafani dha. 21  Cuuphaan inni kanaa wajjin wal fakkaatu, amma isin fayyisaa jira (cuuphaan xurii qaamaa balleessuuf utuu hin taʼin, qalbii gaarii argachuuf kadhannaa Waaqayyoof dhihaatu dha);+ kan isin fayyisus karaa duʼaa kaʼuu Yesuus Kiristoosi. 22  Inni gara samii waan dhaqeef, mirga Waaqayyoo jira;+ maleekonni, aangoowwanii fi humnoonni akka isaaf bitaman godhamaniiru.+

Miiljaleewwan

Ykn., “isaaniif yaaduudhaan; isaan hubachuudhaan.”
Ykn tarii, “doorsisa isaanii hin sodaatinaa.”
Kal., “yeroo obsi Waaqayyoo eegaa.”
Ykn., “namoonni.”