Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Barumsii fi Maallaqni Egeree Amansiisaa ni Argamsiisuu?

Barumsii fi Maallaqni Egeree Amansiisaa ni Argamsiisuu?

Namoonni hedduun namoonni baratanii fi sooreyyiin egeree amansiisaa akka qaban yaadu. Namni tokko yunivarsiitiitti barachuun isaa hojjetaa gaarii, miseensa maatii gaarii fi lammii gaarii taʼuuf isa gargaaruu akka dandaʼu amanu. Kana malees, barumsi sadarkaa ol aanaa mindaa gaarii akka argamsiisuu fi namoonni maallaqa hedduu qaban gammadoo akka taʼanitti yaadu.

FILANNAA NAMOONNI HEDDUUN GODHAN

Mee wanta Zihaan Cheen inni Chaayinaa jiraatu dubbate haa ilaallu. Akkana jedheera: “Hiyyummaa keessaa baʼuuf digriin akka na barbaachisu, akkasumas jireenya gammachiisaa jiraachuuf mindaa guddaan akka na barbaachisun amana ture.”

Namoonni hedduun egeree amansiisaa qabaachuuf jecha yunivarsiitii beekamaa taʼetti, tarii immoo yunivarsiitii biyya alaatti barachuuf hawwii guddaa qabu. Hanga Kooviid 19n kan kaʼe imalli daangeffametti namoonni hedduun akkana gochaa turan. Dhaabbanni bara 2012⁠tti qorannoo godhe tokko akka ibsetti barattoota biyya alaatti baratan keessaa 52% barattoota Eeshiyaadhaa dhufani dha.

Maatiiwwan hedduun ijoollee isaanii yunivarsiitii biyya alaatti barsiisuuf aarsaa guddaa kaffalu. Chiishiyaangi inni Taayiwaan jiraatu, “Warri koo sooreyyii miti; taʼus, arfan keenya iyyuu kolleejjii Yuunaayitid Isteetisitti argamu tokkotti nu barsiisaniiru” jedheera. Warri isaa akkuma maatii kaanii isaan barsiisuuf jecha liqii hedduu keessa galaniiru.

BUʼAAN ISAANII MAALI DHA?

Namoonni barumsa sadarkaa ol aanaa barachuu fi qabeenya horachuuf carraaqqii gochaa turan hedduun abdii kutataniiru

Barumsi karaa tokko tokkoon jireenya kan fooyyessu taʼus, buʼaa barattoonni eegan kan argamsiisu yeroo hunda miti. Fakkeenyaaf, namoonni hedduun waggoota hedduudhaaf cimanii kan hojjetanii fi liqii hedduu keessa kan galan taʼus, hojii barbaadan argachuu hin dandeenye. Gabaasni tokko namoonni yunivarsiitiidhaa eebbifaman hedduun hojii akka hin arganne gabaaseera. Jiyeenjiyeen inni doktireetii qabuu fi Taayiwaan jiraatu, “Namoonni hedduun wanta hin baranneen hojjechuuf dirqamaniiru” jedheera.

Warri wanta barataniin hojii argatan illee jireenyi isaanii akka yaadan akka isaaniif hin taane isaanitti dhagaʼama. Niiriin inni Taayilaandi jiraatuu fi yunivarsiitii Yuunaayitid Kiingidamitti argamu tokko irraa eebbifame wanta barateen hojii argateera. Akkana jedheera: “Akkuman yaade, digriin koo hojii mindaa gaarii qabu naaf argamsiiseera. Haa taʼu malee, mindaa kana argachuuf hojii hedduu fi saʼaatii hedduu hojjechuun qaba. Yeroo booda immoo, dhaabbanni ani keessatti hojjedhu ana dabalatee hojjettoota hedduu ariʼe. Amma hojiin kam iyyuu egereen keenya amansiisaa akka taʼu akka hin goone hubadheera.”

Namoonni sooreyyiin ykn jireenya gaarii jedhamu jiraatan illee rakkinni maatii isaan mudata, ni dhukkubsatu, akkasumas waaʼeen maallaqaa isaan yaaddessa. Kaatsutoshii inni Jaappaan jiraatu, “Qabeenya hedduu kanan qabu taʼus namoonni hedduun waan natti hinaafanii fi karaa sirrii hin taaneen waan na qabaniif gammachuu hin qabu” jedheera. Laam ishiin Veetnaam jiraattu immoo akkana jetteetti: “Namoonni hedduun maallaqa hedduu qabaachuun nageenya isaaniitiif murteessaa akka taʼe waan yaadaniif hojii mindaa gaarii isaaniif argamsiisu argachuuf carraaqqii yommuu godhan argeera; garuu wanti isaan irra gaʼu faallaa isaa ti; jireenyi isaanii amansiisaa akka hin taane isaanitti dhagaʼama, fayyaa dhabu, akkasumas baayʼee dhiphatu.”

Namoonni hedduun akkuma Firaankilin jireenya isaanii keessatti barumsa sadarkaa ol aanaa barachuu fi qabeenya horachuu caalaa wanti barbaachisaa taʼe akka jiru hubataniiru. Isaan keessaa tokko tokko egereen isaanii gaarii akka taʼuuf nama gaarii taʼuu fi warra kaaniif wanta gaarii gochuuf carraaqqii godhu. Akkas gochuun egereen keenya amansiisaa akka taʼu ni godhaa? Mata dureen itti aanu gaaffii kanaaf deebii kenna.