Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Barumsaaf Ilaalcha Akkamii Qabu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Barumsaaf Ilaalcha Akkamii Qabu?

 Ilaalchi nuti barumsaaf qabnu qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman irratti kan hundaaʼani dha. Haa taʼu malee, Dhugaa Baatonni hundi qajeelfamawwan kanneen hojiirra oolchuu wajjin haala wal qabateen, qalbii isaanii isa beekumsa Kitaaba Qulqulluutiin leenjiʼetti fayyadamuu qabu. Mee qajeelfamawwan kanneen keessaa tokko tokko haa ilaallu. a

 Barumsi baayʼee barbaachisaa dha

 Barumsi “ogummaa fi dubbii gargar baasanii hubachuun” horachuuf gargaara; Kitaabni Qulqulluunis wantoota kanaaf bakka guddaa kenna. (Fakkeenya 2:10, 11; 3:21, 22) Kana malees, Yesuus duuka buutonni isaa wanta inni isaan ajaje namoota kaan barsiisuu akka qaban dubbateera. (Maatewos 28:19, 20) Kanaafuu, warra gumii keenya keessa jiran beekumsa walii galaa, jechuunis dandeettiiwwan dubbisuu, barreessuu fi warra kaanii wajjin mariʼachuuf b isaan gargaaru akka qabaatan, akkasumas waaʼee amantii fi aadaa kaanii akka beekan isaan jajjabeessina; isaan gargaarras.—1 Qorontos 9:20-22; 1 Ximotewos 4:13.

 Mootummoonnis barumsi barbaachisaa akka taʼe amanu; kanaaf yeroo baayʼee dargaggoonni barumsa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa akka baratan ajaju. Seerawwan ajaja “Namni hundi abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif haa bitamu” jedhuu wajjin wal siman waan hordofnuuf, nutis seerawwan mootummoonni baasan akkasii ni kabajna. (Roomaa 13:1) Kana malees, ijoolleen keenya kutaatii gara kutaatti akka darban qofa utuu hin taʼin, tattaafatanii barachuudhaan qabxii gaarii fiduuf hamma isaaniif dandaʼame akka carraaqan jajjabeessina. c Dubbiin Waaqayyoo, “Wanta hojjettan hunda, namootaaf utuu hin taʼin, Yihowaadhaaf akka hojjettanitti lakkaaʼuudhaan garaa guutuudhaan hojjedhaa” jedha.—Qolosaayis 3:23.

 Barumsi wanta maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuuf nu gargaara. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni warra kan isaa taʼaniif, keessumaa immoo miseensota maatii isaatiif wanta barbaachisu hin dhiheessine, amantii kan ganee fi nama amantii hin qabne irra kan hammaatu dha.” (1 Ximotewos 5:8) Barumsi idilee ittii gaafatamummaa Waaqayyo wanta maatii keenyaaf barbaachisu akka dhiheessinu nuuf kenne raawwachuuf nu gargaara. Kitaabni The World Book Encyclopedia jedhamu akka ibsetti, kaayyoon barumsaa inni guddaan ‘namoonni gama dinagdeetiin gumaacha gochuudhaan, hawaasicha keessatti buʼaa akka qabaatan gargaaruu dha.’ Namni dandeettii gaarii qabuu fi akka gaariitti barate, nama dandeettii hin qabnee fi barumsa buʼuuraa hin baranne caalaa, wanta maatii isaatiif barbaachisu dhiheessuu dandaʼa.—Fakkeenya 22:29.

 Kana malees, warri ijoolleen isaanii gaʼeessota yommuu taʼanitti of dandaʼanii akka jiraatan isaan qopheessuu qabu; gama kanaan barumsi idilees gaʼee guddaa qaba. (2 Qorontos 12:14) Naannoo tokko tokkotti barumsi idilee tolaan kennamu kan hin jirre ykn argachuun rakkisaa taʼuu dandaʼa; aadaan naannichaa ijoollee barsiisuu kan hin deggerre yoo taʼe illee, warri ijoollee isaanii akka barsiisan jajjabeessina. d Kana malees, gorsa gaarii warri ijoolleen isaanii barumsa isaaniitti cimoo akka taʼan gargaaruuf isaan dandeessisu ni kennina. e

 Barumsaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu qabna

 Gama barumsaatiin filannoowwan jiran of eeggannoodhaan qoranna. Kitaabni Qulqulluun, “Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata” jedha. (Fakkeenya 14:15) Gorsa kanaa wajjin haala wal qabateen barumsa dabalataa (sadarkaa lammaffaa erga xumurree booda kennamu) hordofuuf filannoo jiru of eeggannoodhaan qorra; filannoon hundi baasii gaafatuu fi faayidaa argamsiisu irrattis ni xiinxalla. Fakkeenyaaf, ogummaa tokko yoo baranne yeroo gabaabaa jedhamuu dandaʼu keessatti leenjii gaarii argachuu dandeenya.

 Barumsi hafuuraa barumsa idilee caalaa gatii guddaa qaba. Barumsa idilee irraa haala adda taʼeen, barumsi hafuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe waaʼee Waaqayyoo beekuudhaan jireenya bara baraa akka argannu taasisa. (Yohaannis 17:3) Kana malees, barumsi hafuuraa naamusa gaarii isa ‘wanta qajeelaa taʼee fi firdii dhugaa, amanamummaa fi wanta baʼeessa taʼe hundumaa’ nu hubachiisa. (Fakkeenya 2:9) Phaawulos ergamaan, leenjii yeroo harʼaa barumsa yunivarsiitii wajjin wal gitu fudhatee ture; ‘beekumsi Kiristoos Yesuus hunda caalaa gatii guddaa akka qabu’ dubbateera. (Filiphisiyus 3:8; Hojii Ergamootaa 22:3) Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaattis, Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun barumsa sadarkaa ol aanaa kan hordofan taʼus, barumsi hafuuraa gatii guddaa akka qabu amanu. f

Barumsi hafuuraa namoonni naamusa gaarii akka horatan gargaara

 Barumsi sadarkaa ol aanaan karaa amalaa fi karaa hafuuraa balaadhaaf nama saaxiluu dandaʼa

 Kitaabni Qulqulluun, “Namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata” jedha. (Fakkeenya 22:3) Dhugaa Baatonni Yihowaa haalli yunivarsiitiiwwan ykn dhaabbilee barumsaa sadarkaa ol aanaa tokko tokko keessa jiru karaa naamusaa fi karaa hafuuraa balaadhaaf akka isaan saaxilu isaanitti dhagaʼama. Kanaan kan kaʼes, Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun dhaabbilee kana galanii barachuu dhiisuu filataniiru; warris taanaan ijoollee isaanii achitti erguu dhiisuu filataniiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa kunneen dhaabbileen barumsaa sadarkaa ol aanaa yaada dogoggoraa babalʼisuuf akka yaalanis hubataniiru; mee kanneen keessaa tokko tokko haa ilaallu:

  •   Ilaalcha dogoggoraa: Qarshiin gammachuu argachuu fi jireenya amansiisaa jiraachuuf gargaara

     Namoonni hedduun barumsa sadarkaa ol aanaa hordofuun miindaa guddaa argamsiisu akka dandaʼu dubbatu; kanaan kan kaʼes, yeroodhaa gara yerootti barattoonni hedduun qarshii hedduu argachuu waan barbaadaniif yunivarsiitii galanii baratu. Tokko tokko qarshiin gammachuu argachuu fi jireenya amansiisaa taʼe jiraachuuf akka gargaaru abdatu. Kitaabni Qulqulluun garuu yaanni akkasii gatii akka hin qabne dubbata. (Lallaba 5:10) Hunda caalaa Kitaabni Qulqulluun, “jaalalli maallaqaa hundee wantoota miidhaa geessisan hundumaa” akka taʼee fi daandii amantii irraa akka nama maqsu barsiisa. (1 Ximotewos 6:10) Dhugaa Baatonni Yihowaa, “humni qabeenyi gowwoomsuuf qabu” kiyyoo akka isaanitti hin taane carraaqqii guddaa godhu.—Maatewos 13:22.

  •   Ilaalcha dogoggoraa: Barumsi sadarkaa ol aanaa kabaja ykn iddoo ol aanaa argamsiisa

     Fakkeenyaaf, muummicha ministeeraa Joorjiyaa kan turan Niikaa Giiloorii jedhaman yaada namoonni hedduun biyya isaanii qaban ilaalchisee akkana jechuudhaan barreessaniiru: “Joorjiyaa keessatti namoota kaan duratti ilaalcha guddaa argachuuf yunivarsiitii galanii digirii argachuun dirqama barbaachisaa dha jechuun ni dandaʼama. . . . [Yeroowwan darbanitti,] dargaggoonni digirii hin qabne maatii isaanii akka salphisanitti ilaalamu turan.” g Faallaa kanaatiin, Kitaabni Qulqulluun addunyaa keessatti sadarkaa guddaa irra gaʼuuf carraaqqii gochuun balaa akka qabu akeekkachiisa. Yesuus geggeessitoota amantii yeroo inni lafa irra jiraate turanii fi namoota kaan biratti ulfina argachuu barbaadaniin, “Isin walii keessaniif ulfina kan kennitan . . . erga taatanii, akkamitti amanuu dandeessu ree?” jedheera. (Yohaannis 5:44) Walumaa galatti, haalli yunivarsiitii keessatti mulʼatu namoonni amala of tuulummaa isa Waaqayyo jibbu akka horatan kan jajjabeessu dha.—Fakkeenya 6:16, 17; 1 Pheexiros 5:5.

  •   Ilaalcha dogoggoraa: Tokkoon tokkoon namaa wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee qajeelfama mataa isaa baafachuu qaba

     Dhugaa Baatonni Yihowaa wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee qajeelfama Waaqayyo baase hordofu. (Isaayaas 5:20) Mata dureen barruu, Journal of Alcohol and Drug Education jedhamu irratti baʼe tokko akka ibsetti, yunivarsiitiiwwan keessatti dhiibbaan hiriyootaa barattoonni hedduun “wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee murtoo beekumsa kanaan dura qabaniin faallaa taʼe akka fudhatan isaan kakaasa.” h Kun immoo qajeelfama Kitaaba Qulqulluu, “Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa” jedhuu wajjin kan wal simu dha. (1 Qorontos 15:33) Yunivarsiitii keessatti gochawwan Waaqayyo balaaleffatu, kanneen akka machii, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu, saalqunnamtii gaaʼelaan ala taʼe raawwachuu baramaa yommuu taʼu, kana irra iyyuu darbee wantoonni kun ni jajjabeeffamu.—1 Qorontos 6:9, 10; 2 Qorontos 7:1.

  •   Ilaalcha dogoggoraa: Addunyaa fooyyessuuf karaan hunda irra caalu barumsa sadarkaa ol aanaa hordofuu dha

     Namoonni hedduun barumsa sadarkaa ol aanaa kan hordofan qabeenya, ulfinaa fi gammachuu wanta sirrii hin taane raawwachuudhaan argamu argachuuf utuu hin taʼin, ofii isaaniis taʼe addunyaa fooyyessuuf waan barbaadaniif akka taʼe ni hubanna. Kun kaayyoo gaarii akka taʼan beekamaa taʼus, Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu daandii itti kana gochuu dandeenyu kan biraa filanneerra. Akkuma Yesuus, addunyaa fooyyaʼaa taʼe kan fidu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe amanna. (Maatewos 6:9, 10) Kana jechuun garuu, hanga Mootummaan Waaqayyoo rakkoowwan addunyaa balleessutti harka marannee teenya jechuu miti. Kanaa mannaa, fakkeenya Yesuus hordofuudhaan ‘misiraachoo Mootummaa’ Waaqayyoo guutummaa lafaa irratti ni lallabna. Misiraachoon kunis waggaa waggaadhaan namoonni kuma hedduutti lakkaaʼaman akkaataa jireenyaa isaanii akka fooyyessan gargaaraa jira. iMaatewos 24:14.

a Dargaggoonni warra isaanii wajjin jiraatan, barumsa ilaalchisee qajeelfama warri isaanii isaaniif kennan hordofuu qabu. Kana gochuu kan qaban garuu, qajeelfamni isaaniif kennamu seera Waaqayyoo wajjin kan wal hin faallessine yoo taʼe qofa dha.—Qolosaayis 3:20.

b Kanaan kan kaʼes, barreeffamoota dubbisuu fi barreessuu barachuuf gargaaran koppii miliyoona 11 ol taʼan qopheessineerra; birooshurri Dubbisuufi Barreessuu Barachuuf Carraaqqii Godhi jedhamu isaan kana keessaa tokko dha. Addunyaa maratti qooqa 120n barumsa buʼuuraa barsiisna. Bara 2003 hanga 2017⁠tti namoonni gara 70,000 taʼan dubbisuu fi barreessuu akka dandaʼan gargaarreerra.

c Mata duree “Barumsa Koo Addaan Kutuun Qabaa?” jedhu ilaali.

d Fakkeenyaaf, warri dhiiras taʼe durba ijoollee isaanii mana barumsaatti akka ergan isaan jajjabeessina. Mata duree Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 2003 (Amaariffa) irratti baʼee fi “Mucaa Koo Mana Barumsaa Galchuun Qabaa?” jedhu ilaali.

f Kutaa “Waaʼee Madda Jireenyaa” jedhu jw.org irraa ilaali.

g Practical Economics: Economic Transformation and Government Reform in Georgia 2004—2012, fuula 170.

h Jildii 61, Lakk. 1, Ebla 2017, fuula 72.

i Muuxannoowwan namootaa humna Dubbiin Waaqayyoo fi ergaan Mootummaa Waaqayyo qabu ibsan dubbisuuf, kutaa jw.org irraatti argamuu fi “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhu ilaali.