Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira

Dubbiin Waaqayyoo jireenya namoota addunyaa maratti argamanii gara gaariitti kan jijjiire akkamitti akka ta‵e wanta isaan waa‵ee ofii isaanii dubbatan irraa hubachuuf yaalaa.

Jireenya Hiika Qabu

Akkaataa Jireenyi Koo Inni Haaraan Itti Jalqabe

Kitaabni Qulqulluun nama ijoollummaa isaatii kaasee miira isatti dhagaʼamuu wajjin qabsoo gochaa ture akkamitti akka gargaare hubachuuf yaali.

Qabeenya Dhugaa Argadheera

Hogganaan daldalaa milkaaʼina argate wanta qabeenyaa fi qarshii caalaa iddoo guddaa qabu kan argate akkamitti?

Galma Walgaʼii Keessatti Akka Itti Isaan Nagaa Nu Gaafatan Matumaa hin Irraanfannu

Istiiv yeroo jalqabaatiif walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa Galma Walgaʼiitti geggeeffamu irratti yommuu argamu akkamitti akka isa simatan akka gaariitti yaadata.

Kitaabni Qulqulluun Deebii Ifaa fi Amansiisaa Taʼe Akka Kennuu Beekuun Koo Baayʼee Na Dinqisiise

Ernasti Looyid gaaffiiwwan guguddaa jireenya keessatti kaʼan tokko tokoof deebii argateera. Deebii ifaa Kitaabni Qulqulluun kennu jireenya gara fuulduraa ilaalchisee abdii akka qabaatu isa gargaareera.

Yeroo Rakkinni Isin Irra Gaʼu Matumaa Abdii hin Kutatinaa

Dooriis Waaqayyo maaliif rakkina akka heyyame jettee yaaddii turte. Bakka hin eegamne irraa deebii argatteetti.

Duʼuu hin Barbaadun Ture!

Iivoon Kuwaariin yeroo tokko, “Kanan Jiraadhu Maaliifi?” jettee gaafatte. Deebiin gaaffii kanaa jireenya ishii jijjiire.

Yihowaan Wanta Baayʼee Naaf Godheera

Dhugaan Kitaaba Qulqulluu Kiriistal ishiin xinnummaattii gudeedamte Waaqayyoo wajjin hariiroo akka qabaattuu fi jireenyi ishii hiika akka qabaatu gargaare kami?

Kana Booda Ofitti hin Qaanaʼu

Israaʼel Martiineez gad aantummaa itti dhagaʼamu moʼuu kan dandaʼee fi kabaja ofiif qabaachuu kan dandaʼe akkamitti akka taʼe baradhu.

Waaqayyo Namoota Gurrisaanii hin Dhageenyeef Akka Yaadu Baradheera

Jeesan gurrisaa kan hin dhageenye taʼuunsaa Waaqayyoo wajjin hariiroo dhuunfaa akka hin uumne gufuu isatti hin taane.

Dhuma Irratti Abbaa Koo Wajjin Tokko Taane

Riineen qoricha sammuu namaa hadoochuu fi dhugaatii alkoolii fayyadamuu kan jalqabe maaliif akka taʼee fi wantoota kana dhiisuu kan dandaʼe akkamitti akka taʼe hubadhu.

Amma Namoota Kaan Gargaaruu Akkan Dandaʼu Natti Dhagaʼama

Huuliyoo Kooriyoon miidhaan waan isa irra gaʼeef, ‘Waaqayyo naaf hin yaadu’ jedha ture. Yaanni Baʼuu 3:7 irra jiru ilaalcha isaa akka jijjiiru isa gargaareera.

Waaʼeekoo qofan yaadan ture

Kiristoof Baawar bidiruu xinnoodhaan yommuu galaana Atilaantikiirra deemaa ture Macaafa Qulqulluu dubbisa ture. Yeroo kanatti maal barate?

Jalʼina Haqaa Mormuu nan Barbaadan Ture

Raafikaan jalʼina haqaa mormuuf garee warraaqsa geggeessanitti makamtee turte. Haa taʼu malee, Mootummaa Waaqayyoo keessatti nagaa fi haqni akka jiraatu abdii dubbatu Kitaaba Qulqulluu keessaa barachuu dandeesseetti.

“Amma Addunyaa Jijjiiruu Akkan Qabu Natti hin Dhagaʼamu”

Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun namni jijjiirama hawaasaatiif falmu tokko madda jijjiirama ilmaan namootaa isa dhugaa akka beeku kan isa gargaare akkamitti?

Waaqayyoo Hin Jiru Jedheen Amana Ture

Namni dargaggummaa isaatti Waaqayyo hin jiru jedhee yaaduu fi Koominiizimii deggeru tokko Kitaaba Qulqulluu dinqisiifachuu kan jalqabe akkamitti?

Ilaalcha Jijjiiruu

Gaaffii Hunda Kan Naa Deebisan Macaafa Qulqulluutti Fayyadamaniiti!

Isoolinaa Laameelaa isheen moloksee Kaatolikii, boodammoo Koominiistii turte jireenya lamaanittuu hin gammadne. Yeroo booda, Dhugaa Baatota Yihowaa kan argatte siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluurraa kaayyoo jireenyaa itti himaniiru.

“Callee Gatii Guddaa Qabu” Argataniiru

Meerii fi Booyoorin dhugaa Mootummichaa karaa adda addaatiin argataniiru. Kun jireenya isaanii kan jijjiire akkamitti?

Amantiitti Abdii Kutadheen Ture

Toom Waaqayyotti amanuu kan barbaadu taʼus amantii fi barsiifatawwan amantiitti abdii kutatee ture. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaa abdii kan isatti hore akkamitti?

“Dhugaa Isaa Ofuma Kootii Akkan Mirkaneeffadhu Barbaadu Turan”

Luwiis Alifoonsoon misiyoonii Moormoonotaa taʼuu barbaada ture. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaa galma isaa fi jireenya isaa kan jijjiire akkamitti?

Qorichaa fi Alkoolii

“Ani Kana Booda Garba Yakkaa Miti”

Mikaaʼel Kuunizleen guyyaan hojii haaraa jalqabetti, gaaffii “Rakkina addunyaa irra gaʼaa jiruuf Waaqayyotu itti gaafatamaa?” jedhu gaafatame. Gaaffiin kunis jireenya isaa jijjiireera.

Jireenyi Koo Mancaʼaa Jira Ture

Solomooneen jireenya gaarii akka jiraatu abdachuudhaan gara Yunaayitid Isteetis dhaqeera. Haa taʼu malee, qoricha sammuu hadoochu fudhachuu jalqabe, akkasumas ni hidhame. Jireenya isaa akka sirreeffatu kan isa gargaare maali dha?

Kanan Jiraadhu Daandii Irra Ture

Antooniyoon hammeenya raawwachuu, qoricha sammuu namaa hadoochuu fudhachuu fi alkoolii garmalee dhuguun isaa jireenyi kaayyoo akka hin qabne akka yaadu isa godheera. Yaada isaa akka jijjiiru kan isa godhe maali dha?

Ofis Taʼe Dubartoota Kabajuu Baradheera

Joseef Ireenboogen Kitaaba Qulqulluu dubbisuun isaa jireenya isaa guutummaatti jijjiireera.

“Jireenyi Koo Garamitti Deemaa Akka Jiru Gad Fageenyaan Irratti Yaaduun Jalqabe”

Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu namni tokko Waaqayyoon gammachiisuu akka dandaʼuuf amalaa fi ilaalcha isaa akka jijjiiru kan isa gargaaran akkamitti akka taʼe dubbisi.

Akkaataa Jireenyaa Kootti hin Gammanne

Dimiitrii Karshinoov garmalee dhuga ture; taʼus guyyaa hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu jalqabe. Jireenya isaa akka jijjiiruu fi gammachuu dhugaa akka argatu maaltu isa gargaare?

“Dhumarratti Birmadummaa Dhugaa Argadheera.”

Macaafni Qulqulluun dargaggeessi tokko tamboo xuuxuufi baala sammuu namaa hadoochuu fudhachuu, akkasumas dhugaatii alkoolii garmalee dhuguurraa akka fagaatu kan isa gargaare akkamitti akka taʼe baradhu.

Yakkaa fi Jeequmsa

“Yakkii fi Jaalalli Maallaqaa Dhiphina Hedduu Natti Fideera”

Aartaan mana hidhaatii erga gadhiifamee booda, wanta Kitaabni Qulqulluun waaʼee maallaqaa dubbatu dhugaa taʼuu isaa hubateera.

“Ani Amma Nama Gara Jabeessa Miti”

Sebaastiyaan Kaayiraan gocha isaa fi amala isaa isa hamaa akka dhiisu kan isa kakaase maalidha?

“Boollan Itti Awwaalamu Qotaan Ture”

Eel Saalvadooritti namni miseensa tuuta badii ture akka jijjiiramu maaltu isa gargaare?

Aarii Koo Toʼachuu hin Dandaʼun Ture

Namni duraan miseensa garee kashalabbootaa ture tokko haalli inni yeroo harʼaa keessa jiru Kitaabni Qulqulluun humna jijjiiru akka qabu ragaa baʼa. Namni kun yeroo ammaa Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa qaba.

Jireenyi kan Natti Hadhaaʼee fi Abbaa Humnaan Ture

Namni lola jaallatuu fi Meeksikootti dhalate amala isaa akka jijjiiru kan gargaare maali dha?

Waggaa Tokkoof Qofa Nagaa fi Gammachuu Naaf Kenni

Aalan Biroojiyoon yaada Kitaaba Qulqulluu 1 Yohannis 1:9 irra jiruun garaan isaa tuqame.

Jireenyi Koo Caalaatti Mancaʼaa Deeme

Isteefan Makduuwal dargaggeessa aariisaa hin toʼanne ture, yakki ajjeechaa inni hin raawwanne jireenya isaa keessatti jijjiirama gochuuf akka murteessu isa kakaase.

Yihowaan Gara Laafessaa fi Dhiifama kan Godhu Taʼuu Isaa Hubadheera

Noormaan Peltiiyee namoota gowwoomsuun araada isatti taʼee ture. Caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko dubbisuun isaa garuu isa boossise.

Shugguxiin Koo Yoom Iyyuu Na Harkaa hin Dhabamu Ture

Miseensa garee kashalabbootaa kan ture Anuunsiyaatoo Luugaaraan hammeenya raawwachaa fi hataa ture. Gara Galma Walgaʼii yommuu dhaqu garuu jireenyi isaa ni jijjiirame.

Ispoortii, Muuziqaa fi Bohaartii

Jeesan Worlids: Yihowaa Tajaajiluun Milkaaʼina Namaaf Argamsiisa Malee Wanta Nama Dhabsiisu Tokko Illee Hin Qabu

Jireenyi keenya Yihowaa irratti akka xiyyeeffatu yoo goone gammachuu guddaa arganna.

Andirii Nezmaachinii: Waan Hundumaa Caalaa Kubbaa Miilaa Taphachuun Jaalladha Ture

Beekamtii fi maallaqa kan qabu taʼus wanta isa caalaa faayidaa qabu argate.

Wantan Barbaadu Hunda Waanan Qabu Natti Fakkaata Ture

Isteefan dargaggeessa milkaaʼina qabuu fi weellisaa beekamaa dha. Waan hunda kan qabu itti fakkaatus, gatii akka hin qabne itti dhagaʼama. Gammachuu dhugaa fi kaayyoo kan argate akkamitti?

Jireenya Koo Keessatti Badhaasa Hunda Irra Caalu

Taphataan teenisii beekamaan tokko tajaajilaa Kitaaba Qulqulluu akka taʼu kan isa kakaase maali dha?

“Maarshaal Aartii Baayʼeen Jaalladha Ture”

Erwiin Laamsfuus, “Kaayyoon jireenyaa maali dha jettee yaaddee beektaa?” jedhee michuu isaa tokko gaafate. Deebiin kanaa jireenya isaa jijjiire.

Yeroo Baayʼee Moʼamus Dhuma Irratti Naaf Milkaaʼeera

Namni tokkoo araada poornoogiraafii ilaalluu kan moʼee fi nagaa sammuu kan argate akkamitti?

Macaafni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira—Adoolessa-Fulbaana 2013

Eesaan muuziqaadhaan buʼa qabeessa taʼuyyuu, jireenyisaa kaayyoo akka hin qabne beeka ture. Weellisaan muuziqaa heevii meetaal kun akkamitti gammachuu dhugaa akka argate dubbisi.

Ciminni kan Argamu Yihowaa Tajaajiluudhaani

Qolosaayis 3:10 Heerkulas nama baayʼee dheekkamu kan ture taʼus, tasgabbii fi jaalala qabaachuu akka dandaʼu isaaf mirkaneesseera.

Wanta Kam Iyyuu Caalaa Beezboolii Taphachuun Jaalladha Ture!

Saamuʼel Haamiltan jaalala ispoortii beekamaa taʼeen qabamee ture, qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu jireenya isaa jijjiire.