Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Yihowaan Gara Laafessaa fi Dhiifama kan Godhu Taʼuu Isaa Hubadheera

Yihowaan Gara Laafessaa fi Dhiifama kan Godhu Taʼuu Isaa Hubadheera
  • BARA DHALOOTAA: 1954

  • BIYYA DHALOOTAA: KAANAADAA

  • SEENAA: KAN GOWWOOMSUU FI QUMAARA KAN TAPHATU

JIREENYA KOO DURAA:

Kanan guddadhe naannoo hiyyeettii magaalaa Moontiriyaal keessatti argamtu keessatti dha. Yeroo umuriin koo jiʼa jaʼa taʼu abbaan koo waan duʼeef, itti gaafatamummaa hunda kan fudhatte haadha koo turte. Maatii ijoollee saddeet qabu keessaa ani isa dhumaa ti.

Yeroon guddachaa deemu, jireenyi koo qoricha sammuu namaa hadoochu, qumaaraa fi hammeenya irratti kan hundaaʼe taʼe; akkasumas namoota yakka raawwatanii wajjin yeroo hundumaan wal arga ture. Yeroo umuriin koo kudhan taʼu, sagaagaltootaa fi namoota araaxaa liqeessaniif ergamuun jalqabe. Yeroo baayʼee nan soban ture, carraan argadhe hundatti fayyadamee namoota gowwoomsuudhaan fedhii koo guuttachuun na gammachiisa ture. Kana gochuunis araada natti taʼee ture.

Yeroo umuriin koo 14 taʼu immoo, namoota gowwoomsuun akka gaariitti naaf milkaaʼee ture. Fakkeenyaaf, saʼaatiiwwan, bitawoowwanii fi qubeellaawwan warqee dibaman bitee chaappaa warqee kaaraatii 14 jedhu irratti godheen karaa irrattii fi bakkawwan gabaa konkolaataan dhaabatutti nan gurguran ture. Salphaatti maallaqa argachuun na gammachiisa ture. Gaaf tokko, guyyaa tokko keessatti qofa doolaara Ameerikaa 10,000 argadheera!

Umurii koo waggaa 15⁠tti mana barumsaa amala sirreessaatii ergan ariʼamee booda bakkan jiraadhu hin qabun ture. Daandii irra ykn bakkawwan bashannanaa ykn manneen hiriyoota koo baayʼee itti hin dhihaannen bula ture.

Namoota waanan gowwoomsuuf, yeroo baayʼeen poolisoota duratti qorannaadhaaf dhihaachaan ture. Miʼawwan hataman waanan hin gurgurreef garuu matumaa mana hidhaa galee hin beeku. Haa taʼu malee, gowwoomsaa, fakkeessanii hojjechuu fi heyyama daldalaa malee gurguruu kootiin himatamee maallaqa hedduu adabameera. Eenyuun iyyuu waanan hin sodaanneef namoota araaxaadhaan liqeessaniif illee maallaqa deddeebisaan ture. Hojiin kun balaadhaaf kan nama saaxilu waan tureef, yeroo tokko tokko Shugguxiin qabadha ture. Yeroowwan garee kashalabbootaa wajjin itti hojjedhes jiru turan.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

Waaʼee Kitaaba Qulqulluu yeroo jalqabaatiif kanan dhagaʼe yeroo umuriin koo waggaa 17 turetti dha. Yeroo sanatti hiriyaa durbaa koo wajjin jiraachaa kanan ture siʼa taʼu ishiin Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabdee turte. Haa taʼu malee, seerawwan naamusaa Kitaaba Qulqulluu ulfaataa akka taʼe kan natti dhagaʼamu waan tureef, ishii dhiiseen dubartii kan biraa wajjin jiraachuun jalqabe.

Jireenya koo keessatti jijjiirama gochuu kanan jalqabe hiriyaan durbaa koo ishiin kunis Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yommuu eegaltetti ture! Jireenya ishii keessatti jijjiirama gochuudhaan caalaatti garraamii fi obsa qabeettii taʼuun ishii baayʼee na dinqisiise. Anis affeerraa walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa Galma Walgaʼiitti godhamu irratti akka argamu naaf godhamne nan fudhadhe. Namoonni gaarii fi garraamonni achitti arganis simannaa gaarii naaf godhan. Namoonni kun, namoota ani beeku irraa baayʼee adda turan! Maatii koo biratti kanan barbaadamu taʼee matumaa natti dhagaʼamee hin beeku ture; ijoollummaa kootti jaalalaa fi gara laafina akka natti hin argisiifamne natti dhagaʼama ture. Jaalalli garaadhaa maddee fi Dhugaa Baatota Yihowaa gidduutti arge wantan argachuuf baayʼee hawwaa ture dha. Affeerraa Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluu akkan qoʼadhu naaf dhiheessan gammachuudhaanan fudhadhe.

Wantan Kitaaba Qulqulluu irraa baradhe lubbuu koo naaf oolcheera. Qumaaraan kan kaʼe idaa doolaara Ameerikaa 50,000 ol na irra jiru irraa bilisa baʼuuf jecha hiriyoota koo lamaa wajjin saamicha irratti hirmaachuuf karoora baafadheen ture. Haa taʼu malee, dhimma kana irratti isaanii wajjin utuu walii hin galin hafuu kootti gammachuutu natti dhagaʼama! Hiriyoonni koo duraanii akkuma karoorfannee turre saamicha irratti hirmaatan. Inni tokko ni hidhame, inni kaan immoo ni ajjeefame.

Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu koo yommuun itti fufu jijjiirama hedduu gochuu akkan qabun hubadhe. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun 1 Qorontos 6:10 irratti, “Hattoonni, sassattoonni, warri machaaʼan, warri nama arrabsanii fi saamtonni Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan” akka jedhun baradhe. Caqasa kana yommuun dubbisu, haalli ulfaataan ani keessa jiru na boossise. Jireenya koo guutummaatti jijjiiruu akkan qabun hubadhe. (Roomaa 12:2) Hamaa fi nama dafee aarun ture; sobuunis amala natti taʼee ture.

Haa taʼu malee, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu koo irraa Yihowaan gara laafessaa fi dhiifama kan godhu akka taʼen baradhe. (Isaayyaas 1:18) Yihowaan jireenya koo duraa akkan jijjiiru akka na gargaaru cimseen isa kadhadhe. Gargaarsa isaatiin suutuma suuta amalawwan koo jijjiiruu dandaʼeera. Jireenya keenya keessatti tarkaanfiin guddaan fudhanne gaaʼela keenya seeraan akka galmeeffamu yeroo goonetti dha.

Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu kootiin hanga harʼaatti lubbuudhaan jiraachuu dandaʼeera

Yeroo umuriin koo waggaa 24 taʼu gaaʼela godhadhee ijoollee sadiin qaba ture. Yeroo kanatti hojii seera biratti fudhatama qabu barbaaddachuun qaba ture. Taʼus barumsa gaʼaa hin baranne, akkasumas waraqaa barumsaa hin qabun ture. Ammas gara Yihowaatti garaadhaa kadhannaan dhiheesse. Achiis hojii barbaaddachuun deeme. Namoota na qacaraniif jireenya koo jijjiiruu fi amanamummaadhaan hojjechuu akkan barbaadun itti hime. Yeroo tokko tokko, Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa akkan jiruu fi lammii gaarii taʼuu akkan barbaadu isaanittin hima ture. Hedduun isaanii ana qacaruuf fedhii hin qaban turan. Dhuma irratti nama gaafannoo naaf godhe kan biraa tokkotti jireenya gadhee kanaan dura qabu ifatti ergan isatti himee booda namichichi, “Maaliif akka taʼe beekuu baadhus siin qacaruu akkan qabu natti dhagaʼameera” jedhe. Anis kun deebii kadhannaa kooti jedheen yaade. Yeroo booda anii fi haati manaa koo cuuphamnee Dhugaa Baatota Yihowaa taane.

FAAYIDAA ANI ARGADHE:

Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu koo fi jireenya Kiristiyaana tokko irraa eegamu jiraachuu kootiin hanga ammaatti lubbuudhaan jiraachuu dandaʼeera. Amma maatii gaarii kan koo jedhu qabaachuu dandaʼeera. Yihowaan dhiifama akka naaf godhe mirkanaaʼaa waanan taʼeef qalbii qulqulluun qaba.

Waggoottan 14n darbaniif namoonni wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu akka beekaniif tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachaan jira; dhiheenya kana haati manaa koos anaa wajjin tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuu jalqabdeetti. Waggoottan 30 keessatti namoonni naa wajjin hojjetan 22 Yihowaa waaqeffachuu akka jalqaban gargaaruu dandaʼeera. Ammas gara bakkawwan gabaa nan dhaqa, kanan dhaqu garuu yeroo tokko gochaa akkan ture namoota gowwoomsuuf miti. Kanaa mannaa bakka sana kanan dhaqu namootan argadhuuf wantan itti amanu isaanitti himuufi dha. Yeroo gara fuulduraatti addunyaa haaraa namoota nama gowwoomsan irraa bilisa taʼe keessa jiraachuuf abdii akka qabanan isaanitti hima.—Faarfannaa 37:10, 11.