Dhimma ijoo ta'etti seeni

KITAABNI QULQULLUUN JIREENYA NAMOOTAA NI JIJJIIRA

Qabeenya Dhugaa Argadheera

Qabeenya Dhugaa Argadheera
  • Bara Dhalootaa: 1968

  • Biyya Dhalootaa: Yunaayitid Isteetis

  • Seenaa: Hoganaa daldalaa sooressa taʼuuf kadhannaa dhiheessaa ture

JIREENYA KOO DURAA

 Kanan guddadhe maatii amantii Kaatolikii hordofuu fi magaalaa Roochistar Niwuu Yoorkitti dha. Warri koo umurii koo waggaa saddeetitti gargar baʼan. Kanaaf guyyoota Wiixataa hanga Jimaataa jiranitti haadha koo wajjin manneen namoota hiyyeessa taʼaniif ijaaraman keessattan dabarsa; Sanbadduraa fi Dilbata immoo Abbaa koo wajjin naannoo namoonni sooressa taʼan keessa jiraatan keessattan dabarsa. Haati koo kophaa ishii ijoollee jaʼa guddisuuf yommuu qabsoo gootu arguun koo, sooressa taʼuudhaan maatii koo gargaaruuf akkan hawwu na godhe.

 Abbaan koo jireenya kootti milkaaʼina akkan argadhu waan barbaaduuf, mana barumsaa hoggansa hoteelaa beekamaa taʼe tokko akkan daawwadhu qophii godhe. Waaqayyo kadhannaa sooressa akkan taʼuu fi gammachuu akkan argadhu dhiheesseef deebii akka naaf kenne godhee waanan yaadeef, mana barumsaa sanatti nan galmaaʼe. Hoteela qumaarri itti taphatamuu fi Laas Vegaas Neevaadaa keessa jiru utuman hojjedhu waggaa shaniif hoggansa hoteelaa, seera daldalaa akkasumas hoggansa itti fayyadama qarshiin baradhe.

Hojiin koo namoota sooreyyii qumaara taphataniif nyaataa fi dhugaatii dhiheessuu kan dabalatu ture

 Yeroo umuriin koo waggaa 22 taʼu, gargaaraa itti aanaa pireezidaantii hoteela qumaarri itti taphatamuun taʼe. Sooressa akkan taʼee fi jireenyi akka naaf milkaaʼettin ilaalama ture, yeroo baayʼee nyaata gaariin nyaadha, wayinii fi dhugaatii alkoolii baayʼee miʼaa taʼanan dhuga ture. Michoonni koo daldala irratti bobaʼan, “Qarshii isa dhugumaan addunyaa jijjiiruu dandaʼu irratti xiyyeeffadhu” naan jedhu turan. Akka ilaalcha isaaniitti qarshiin gammachuu dhugaa argachuuf murteessaa dha.

 Hojiin koo namoota baayʼee sooreyyii qumaara taphachuu Laas Veegaas dhufaniif nyaataa fi dhugaatii dhiheessuus kan dabalatu ture. Sooreyyii taʼanis gammachuu kan qaban hin fakkaatan turan. Anis gammachuu akkan hin qabne natti dhagaʼamuu jalqabe. Qarshii dabalataa argachaa yommuun deemu, dhiphinnii fi hirriba dhabuun koo caalaatti dabalaa deeme. Waaʼee of ajjeesuu yaaduun jalqabe. Jireenyi koo akkan yaade taʼuu dhiisuu isaatiin, “Gammachuu dhugaa eessaan argadha laata?” jedheen Waaqayyotti kadhannaa dhiheesse.

KITAABNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?

 Yeroo sanatti obboleettonni koo lamaan warri Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan gara Laas Veegaas dhufanii jiraachuu jalqaban. Barreeffama isaan naaf kennan fudhachuu kanan hin barbaanne taʼu illee, Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa koo isaanii wajjin dubbisuufan walii gale. Kitaaba Qulqulluu koo irratti, wanti Yesuus dubbate hundi diimaadhaan kan barreeffame ture. Wanta Yesuus dubbate hunda waanan amanuuf, obboleettonni koo harka caalaa isaa waaʼee Yesuus natti himu turan. Yeroon kophaa koo taʼus Kitaaba Qulqulluu nan dubbisan ture.

 Wantin dubbisu hedduun na dinqisiisa ture. Fakkeenyaaf, Yesuus akkana jedheera: “Yommuu kadhattan akka namoota saba Waaqayyoo hin taaneetti waanuma wal fakkaatu irra deddeebitanii hin dubbatinaa; isaan jechoota baayʼee irra deddeebiʼanii dubbachuudhaan kadhannaan isaanii kan isaaniif dhagaʼamu itti fakkaata.” (Maatewos 6:7) Qeesiin tokko garuu fakkii Yesuus naaf kennee ture; gara fakkii kanaatti kadhannaa yoon dhiheesse, jechuunis kadhannaa Yaa Abbaa Keenyaa jedhuu siʼa kudhan, kadhannaa Giiftii Keenya Maariyaamii jedhu siʼa kudhan irra deddeebiʼee yoon dhiheesse, Waaqayyo qarshii barbaade hunda akka naaf kennu natti hime. Haa taʼu malee, jechootuma wal fakkaataa irruma deddeebiʼee fayyadamuun koo hiika kan hin qabne natti taʼe. Wanta Yesuus akkana jechuudhaan dubbates dubbiseera: “Abbaan keessan tokkicha isa samii qofa waan taʼeef, lafa irratti eenyuun iyyuu ‘abbaa’ jettanii hin waaminaa.” (Maatewos 23:9) Kanaaf, ‘Anis taʼe namoonni amantii Kaatolikii hordofan qeesota keenya maaliif “Abbaa” jennee isaan waamna?’ jedheen yaada ture.

 Jireenya kootti maal gochaa akkan jiru cimsee yaaduu kanan jalqabe, yeroon kitaaba Yaaqoob dubbisuu jalqabetti ture. Boqonnaa 4 irratti, Yaaqoob akkana jedhee barreesseera: “Addunyaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii? Kanaaf, namni michuu addunyaa taʼuu barbaadu hundi diina Waaqayyoo of godha.” (Yaaqoob 4:4) Yeroon lakkoofsa 17 dubbisu immoo caalaattan dinqisiifame: “Namni tokko wanta sirrii taʼe akkamitti akka hojjetu beekee, utuu hin hojjetin yoo hafe cubbuu isatti taʼa.” Achiis obboleettota kootiif bilbilee qumaara taphachuu fi sassata dabalatee wantoota fudhatama hin qabne irratti akkan hirmaadhu waan na taasisuuf hoteela qumaara itti taphatan keessa hojjechuu akkan dhiiseen isaanitti hime.

“Jireenya kootti maal gochaa akkan jiru cimsee yaaduu kanan jalqabe, yeroon kitaaba Yaaqoob dubbisuu jalqabetti ture”

 Hariiroon Waaqayyoo, warra koo fi obboloota koo wajjin qabu haareffachuun barbaade. Kana gochuuf yeroo dabalataa argachuuf, jireenya koo salphaa gochuufan murteesse. Sirreeffama gochuun garuu salphaa hin turre. Fakkeenyaaf, hoteela qumaara taphatan sana keessatti hojii miindaa koo isan argachaa ture irra dachaa lama ykn dachaa sadii naaf argamsiisu naa kennuuf affeerraan naaf dhihaatee ture. Kadhannaadhaan dhimmicha irratti ergan yaadee booda, kana booda jireenya akkasii akka hin barbaannen murteesse. Hojii koo nan dhiise, achiis garaajii haadha koo sirreesseen, waraqaa akaakuu nyaataa hoteela keessa dhihatan laastikiidhaan saamsuu hojjechuun jalqabe.

 Kitaabni Qulqulluun wanta jireenya keessatti dursi kennamuufii qabuuf dursa akkan kennu kan na gargaare taʼus, walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti hirmaachuu hin jalqabnen ture. Obboleettonni koo sababiin itti Dhugaa Baatota jibbe na gaafatan. Anis akkana jedheen isaaniif deebise: “Waaqni keessan Yihowaan maatii gargar waan baasuufi. Yeroon maatii koo wajjin dabarsu, guyyoota ayyaana qillee fi guyyaa dhalootaatti dha; isin immoo ayyaanota kana hin kabajjan.” Obboleettiin koo tokko booʼuu jalqabde; achii akkana jettee na gaafatte: “Waggaa keessatti guyyoonni kan biraa hin jiranii? Nuti yeroo kamitti iyyuu sii wajjin taʼuun nu gammachiisa. Ati garuu guyyoota kana qofatti mana keenya dhufuu akka qabdu sitti dhagaʼama.” Wanti ishiin dubbatte baayʼee waan garaa na tuqeef, anis ishii wajjin booʼuun jalqabe.

 Dhugaa Baatonni Yihowaa hammam maatii isaanii akka jaallatan ergan hubadhee booda garuu walgaʼii isaan Galma Walgaʼii naannoo isaanitti godhan irratti argamuufan murteesse. Achitti nama Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu irratti muuxannoo qabuu fi Keevan jedhamuu wajjin wal barre; innis na qoʼachiisuu jalqabe.

 Keevanii fi haati manaa isaa hamma dandaʼan namoonni Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaruu irratti yeroo hedduu dabarsuuf jireenya salphaa jiraatu turan. Galiin isaan qaban Afriikaa fi Gidduu Galeessa Ameerikaa bakka waajjiroota damee Dhugaa Baatota Yihowaa ijaaruuf gargaarsi barbaachisu dhaqanii gargaaruuf isaan dandeessisa. Gammachuu guddaa qabu, akkasumas baayʼee wal jaallatu. ‘Anis jireenya akka isaanii utuun qabaadhee baayʼee natti tola’ jedheen yaade.

 Keevan viidiyoo tajaajilli misiyoonummaa gammachuu akka argamsiisu ibsu natti argisiise, anis kanuma gochuun barbaada jedheen murteesse. Bara 1995⁠tti, jiʼa jaʼaaf cimsee Kitaaba Qulqulluu erga qoʼadhee booda, Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼeen cuuphame. Amma Waaqayyo qabeenya akka naaf kennu gaafachuu mannaa, “Na hin badhaasin, na hin deegsinis!” jedhee kadhachuu jalqabeera.—Fakkeenya 30:8.

FAAYIDAAN ARGADHE

 Amma dhugumaan sooromeera—qarshiidhaan utuu hin taʼin karaa hafuuraa jechuu koo ti. Honduraasitti haadha manaa koo ishii jaallatamtu Nuuriyaa wajjin wal barre, achiis Paanaamaa fi Meeksikootti misiyoonota taanee waliin tajaajilleerra. Kitaabni Qulqulluun, “Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu” jechuun isaa dhugaa dha!—Fakkeenya 10:22.