Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATADUREE FUULA JALQABAA

Wantoota Sadan Qarshiin Bituu Hin Dandeenye

Wantoota Sadan Qarshiin Bituu Hin Dandeenye

NAMOONNI hedduun rakkina hojii, manaafi soorama isaan dhabsiisuu dandaʼu keessa utuu jiraniillee, wanta qarshiin bituu dandaʼu hunda bitachuu kan barbaadan taʼuunsaa bitaa kan namatti galudha.

Namoonni akkasii salphaadhumatti warra beeksisa qopheessaniin boojiʼamuu dandaʼu. Namoonni beeksisa qopheessan, beeksisa qalbii namaa hawwatutti fayyadamuudhaan manni guddaan, konkolaataa gaariiniifi uffanni gatii guddaa qabu dirqama kan nu barbaachisu akka taʼe godhanii dhiheessu. Qarshii hin qabnu yoo taʼehoo? Liqeeffatanii bitachuun akka dandaʼamu dubbatu. Namoonni hedduun, liqii baayʼeen isaanirra jiraatullee kaayyoonsaanii inni guddaan sooressa fakkaatanii mulʼachuudha.

Haataʼu malee, namoonni kun yeroo booda dhugaa jiru baruunsaanii hin oolu. Kitaabni Za Narsiizim Eeppiidemiik jedhamu akkas jechuudhaan ibseera: “Nama milkaaʼeef taʼanii mulʼachuuf miʼa gatii guddaa qabu liqiidhaan bituun, miirri gaariin akka namatti dhagaʼamuuf jecha qoricha sammuu hadoochu fudhachuu wajjin tokkodha. Namoonni gocha akkasii raawwatan jalqabarratti wanta fedhasaanii akka argatan kan itti dhagaʼamu taʼus, miirri kun yeroo dheeraadhaaf hin turu. Yeroo booda, gochi kun lamaanuu harka qullaa akka haftuufi dhiphina guddaa keessa akka galtu si godha.”

Macaafni Qulqulluun, “jireenyaan kooruu” ni balaaleffata. (1 Yohannis 2:16) Fedhiin qabeenya horachuu keessa keenyatti akka guddatu gochuun, wantoota jireenya keessatti barbaachisaa taʼaniifi qarshiidhaan bituun hin dandaʼamne akka dagannu nu godha. Mee fakkeenya sadii haa ilaallu.

1. TOKKUMMAA MAATII

Biriyaan, * isheen umriinshee waggaa 17 taʼeefi Yunaayitid Isteetis jiraattu, abbaanshee hojiifi qarshiidhaaf xiyyeeffannaa guddaa akka kennu itti dhagaʼama. Akkas jetteetti: “Wantoota nu barbaachisanii ol kan qabnu taʼus, abbaankoo yeroo hunda iddoo garaagaraa waan deemuuf manatti hin argamu. Hojiidhaaf jedhee akka inni deemu kanan beeku taʼus, maatiisaatiifis xiyyeeffannaa kennuu akka qabu natti dhagaʼama!”

Wanta irratti yaadamuu qabu: Abbaan Biriyaan yeroo booda wanta utuu hin godhin hafetti ni gaabbaa laata? Qarshiidhaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuunsaa walitti dhufeenya intalasaa wajjin qaburratti dhiibbaa akkamii geessisaa jira? Qarshii caalaa, wanti maatiinsaa isarraa barbaadan maalidha?

Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu irratti yaadamuu qabu:

  • ‘Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latudha; namoonni gar tokkoo yaadasaanii horii argachuurra kaaʼatan waraansa baayʼeedhaan of waraananiiru.’​—1 Ximotewos 6:10.

  • “Lafa jibbi jiruu, cooma sangaa nyaachuu irra, lafa jaalalli jiruu, [“namoota jaallattuu wajjin,” Gud Niiwus Tiraansileeshin] raafuu nyaachuu wayya.”​—Fakkeenya 15:17.

Yaada ijoo: Qarshiin, maatiin tokkummaa akka qabaatu gochuu hin dandaʼu. Maatiinkee tokkummaa qabaachuu kan dandaʼu, isaanii wajjin yeroo yoo dabarsite, akkasumas jaalalaafi xiyyeeffannaa isaan barbaachisu yoo kenniteef qofadha.​—Qolosaayis 3:18-21.

2. JIREENYA AMANSIISAA

Shamarree waggaa 17 kan taate Saaraan akkas jetteetti: “Haatikoo sooressatti akkan heerumuufi yeroo taʼe tokkotti qarshiinsaa yoo dhumemmoo, ittiin jiraachuu akkan dandaʼuuf barumsa daldalaa qarshii gaarii naaf argamsiisuu dandaʼu akkan baradhu yeroo hunda na gorsiti turte. Haatikoo karaa itti qarshii argachuu dandeessu qofa waan yaaddu natti fakkaata.”

Wanta irratti yaadamuu qabu: Gara fuulduraa ilaalchisee waaʼee maalii yaaduu keetu caalaatti gaariidha? Yaanni akkasii madaalliisaarra darbee dhiphina keessa si galchuu kan dandaʼu yeroo kamittidha? Harmeen Saaraa qarshiidhaaf ilaalcha sirrii qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu irratti yaadamuu qabu:

  • “Badhaadhummaa ofii keessaniif lafa irratti iddoo bilii fi daanaʼoon nyaatutti, hattuunis cabsitee iddoo hattutti, walitti hin qabatinaa!”​—Maatewos 6:19.

  • “Isin waan bor taʼuuf jiru, jireenyi keessanis attam akka taʼu hin beektan.”​—Yaaqoob 4:14.

Yaada ijoo: Qarshii walitti qabachuun jireenyikee gara fuulduraa amansiisaa akka taʼu hin godhu. Qarshiin hatamuu kan dandaʼu taʼuusaarrayyuu, dhukkubarraas taʼe duʼarraa nama hin oolchu. (Lallaba 7:12) Macaafni Qulqulluun jireenyi amansiisaan kan argamu Waaqayyoofi kaayyoosaa beekuudhaan akka taʼe barsiisa.​—Yohannis 17:3.

3. JIREENYA GAMMACHIISAA

Taaniyaan isheen umriinshee waggaa 24 taʼe akkas jetteetti: “Warrikoo jireenya salphaa jiraachuu kanan dandaʼu akkamitti akka taʼe na barsiisaniiru. Yeroo baayʼee wantoota jireenyaaf nu barbaachisan qofa kan argannu taʼus, aniifi obboleettiinkoo isheen lakkuukoo taate umrii ijoollummaa gammachuudhaan dabarsineerra.”

Wanta irratti yaadamuu qabu: Wantoota jireenyaaf barbaachisaa taʼan qofatti gammadanii jiraachuun rakkisaa taʼuu kan dandaʼu maaliifi? Ilaalcha qarshiidhaaf qabduu wajjin haala wal qabateen maatiikeetiif fakkeenya akkamii taata?

Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu irratti yaadamuu qabu:

  • “Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaan nu gaʼa.”​—1 Ximotewos 6:8.

  • “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan haa gammadan.”​—Maatewos 5:3.

Yaada ijoo: Jireenya keenya keessatti qarshiifi wantoota qarshiin bituu dandaʼu caalaa wanti barbaachisaa taʼe jira. Hunda caalaammoo akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu, “jireenyi eenyuu illee baayʼina qabeenya isaa irra hin dhaabatu.” (Luqaas 12:15) Jireenya keessatti gammachuu dhugaa kan argamsiisu gaaffiiwwan kanneen akka armaan gadiitiif deebii argachuudha:

  • Kaayyoon jireenyaa maalidha?

  • Abdiin gara fuulduraa maalidha?

  • Fedhii hafuuraakoo guuttachuu kanan dandaʼu akkamitti?

Dhugaa Baatonni Yihowaa barruu kana qopheessan deebii gaaffii kanaa akka argattu si gargaaruun isaan gammachiisa.

^ key. 8 Maqaawwan mataduree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.