Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

ADDUNYAA TASGABBII HIN QABNE

2 Qabeenya Kee Eeggadhu

2 Qabeenya Kee Eeggadhu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Namoonni baayʼeen wanta isaan barbaachisu argachuuf guyyaa guyyaadhaan waldhaansoo godhu. Kan nama gaddisiisu, haalli addunyaa tasgabbii dhabuun isaa kana gochuun caalaatti akka ulfaatu godheera. Maaliif?

  • Naannoo tasgabbiin hin jirretti gatiin nyaataa fi manaa caalaatti dabala.

  • Kufaatiin diinagdee namoonni hojii isaanii akka dhaban ykn mindaa gadaanaadhaan akka hojjetan isaan dirqisiisuu dandaʼa.

  • Balaan uumamaa iddoowwan daldalaa, manneen ykn wantoota kan biroo balleessuu waan dandaʼuuf namoonni baayʼeen hiyyummaadhaaf akka saaxilaman godha.

Wanta Beekuu Qabdu

  • Maallaqa keetti ogummaadhaan kan fayyadamtu yoo taʼe, yeroo rakkinaatti haala isaa dandamachuun sitti hin ulfaatu.

  • Galiin kee, maallaqni qusattee fi qabeenyi qabdu gatii dhabuu akka dandaʼu yaadadhu.

  • Wantoonni maallaqni bituu hin dandeenye jiru; fakkeenyaaf, gammachuu fi maatii tokkummaa qabu bituu hin dandaʼu.

Wanta Amma Gochuu Dandeessu

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Nyaataa fi uffata yoo qabaanne wantoota kanatti gammannee jiraachuu qabna.”—1 Ximotewos 6:8.

Wanta qabanitti gammadanii jiraachuun wanta barbaannu daangessuu fi wanta guyyaa guyyaadhaan nu barbaachisu yeroo argannu gammaduu dabalata. Keessattuu kun yeroo maallaqa baayʼee hin qabaannetti barbaachisaadha.

Wanta qabdutti gammaddee jiraachuuf, akkaataa jireenyaa kee irratti sirreeffama gochuun si barbaachisuu dandaʼa. Wantoota humna keetii ol taʼan bitachuuf kan yaaltu yoo taʼe rakkinni dabalataa si mudachuu dandaʼa.