Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yesuus ni Fayyisa—Akkamitti?

Yesuus ni Fayyisa—Akkamitti?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Yesuus lubbuu isaa furii godhee kennuudhaan ilmaan namootaa amanamoo taʼan fayyiseera. (Maatewos 20:28) Kanaaf, Kitaabni Qulqulluun Yesuusiin “Fayyisaa addunyaa” jedhee isa waama. (1 Yohaannis 4:14) Akkasumas akkana jedha: “Fayyinni karaa nama kan biraa eenyuun iyyuu hin jiru; sababiin isaas maqaan samiidhaa gaditti akka ittiin fayyinu namootaaf kenname kan biraan hin jiru.”—Hojii Ergamootaa 4:12.

 Yesuus namoota isatti amanan hundaaf ‘duʼa dhandhamateera.’ (Ibroota 2:9; Yohaannis 3:16) Achiis, “Waaqayyo duʼaa isa kaase,” Yesuusis qaama hafuuraa taʼee gara samiitti deebiʼeera. (Hojii Ergamootaa 3:15) Kanaaf Yesuus, “yeroo hundumaa jiraatee waan isaaniif kadhatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhihaatan guutummaatti oolchuu ni dandaʼa.”—Ibroota 7:25.

Yesuus akka nuuf kadhatu kan nu barbaachisu maaliifi?

 Hundi keenya cubbamoota dha. (Roomaa 3:23) Cubbuun Waaqayyoo irraa kan nu fageesse taʼuu isaa irra iyyuu, gara duʼaatti nu geessa. (Roomaa 6:23) Haa taʼu malee, Yesuus namoota aarsaa furii isaatti amananiif “abukaattoo” taʼee tajaajila. (1 Yohaannis 2:1, miiljalee) Waaqayyo kadhannaa isaanii akka dhagaʼuu fi aarsaa furii isaatti fayyadamee cubbuu hojjetaniif dhiifama akka isaaniif godhu ilmaan namootaatiif ni kadhata. (Maatewos 1:21; Roomaa 8:34) Kadhannaan Yesuus fedha Waaqayyoo wajjin kan wal simu waan taʼeef Waaqayyo kadhannaa isaa ni dhagaʼa. Waaqayyo, “addunyaan karaa isaa akka [fayyuuf]” Yesuusiin gara lafaatti erge.—Yohaannis 3:17.

Fayyuuf Yesuusitti amanuu qofa nu barbaachisaa?

 Lakki. Fayyuuf Yesuusitti amanuun kan nu barbaachisu taʼus, wanti gochuu qabnu kan biraanis jira. (Hojii Ergamootaa 16:30, 31) Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Akkuma qaamni hafuura hin qabne duʼaa taʼe, amantiin hojii hin qabnes akkuma kana duʼaa dha.” (Yaaqoob 2:26) Fayyuuf wantoota armaan gadiis gochuu qabna:

  •   Waaʼee Yesuusii fi waaʼee Yihowaa isa Abbaa isaa taʼee barachuu.—Yohaannis 17:3.

  •   Amantii Yihowaa fi Yesuus irratti qabnu guddifachuu.—Yohaannis 12:44; 14:1.

  •   Ajaja Yihowaa fi Yesuus nuuf kennan hojii irra oolchuudhaan amantii akka qabnu argisiisuu. (Luqaas 6:46; 1 Yohaannis 2:17) Yesuus kan fayyan namoota “yaa Gooftaa” jedhanii isa waaman utuu hin taʼin, namoota ‘fedhii Abbaa isaa isa samii irraa raawwatan’ qofa akka taʼan dubbateera.—Maatewos 7:21.

  •   Haalawwan rakkisaa taʼan nu mudatanis, amantii akka qabnu argisiisuu keenya itti fufuu qabna. Yesuus, “Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu ni fayya” yommuu jedhu dhimma kana ifa godheera.—Maatewos 24:13.