Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Yohaannis 3:16—‘Waaqayyo Addunyaa Baayʼee Jaallateera’

Yohaannis 3:16—‘Waaqayyo Addunyaa Baayʼee Jaallateera’

 “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.”—Yohaannis 3:16, Hiika Addunyaa Haaraa

 “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!”—Yohaannis 3:16, Hiika Bara 1997.

Hiika Yohaannis 3:16

 Waaqayyo nu jaallata; akkasumas jireenya bara baraa akka argannu barbaada. Kanaan kan kaʼes, Ilma isaa Yesuus Kiristoos gara lafaatti ergeera. Yesuus yeroo lafa irra turetti hojiiwwan barbaachisoo taʼan hedduu raawwateera. Hojiiwwan kana keessaa tokko waaʼee Waaqa isaa fi Abbaa isaa duuka buutota isaa barsiisuu ture. (1 Pheexiros 1:3) Lubbuu isaas ilmaan namootaatiif kenneera. Jireenya bara baraa argachuuf Yesuusitti amanuu qabna.

 Yaanni ‘ilma isaa isa tokkicha kenneera’ a jedhu Waaqayyo jaalala guddaa hammamii akka nuuf qabu kan argisiisu dha. Yesuus Ilma Waaqayyoo adda taʼe ture. Akkamitti? Waaqayyo kallattiidhaan kan uume Yesuusiin qofa dha. (Qolosaayis 1:17) Inni “angafa uumama hundaa ti.” (Qolosaayis 1:15) Maleekota dabalatee uumamni hundinuu jireenya kan argatan karaa Yesuusiini. Taʼus, Yihowaan b Ilma isaa isa baayʼee jaallatu, ‘warra kaan akka tajaajiluu fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii godhee akka kennu’ isa ergeera. (Maatewos 20:28) Addaam isa nama jalqabaa taʼe irraa cubbuu fi duʼa dhaalleerra; Yesuus cubbuu fi duʼa dhaalle kana jalaa bilisa nu baasuuf rakkina argeera, akkasumas duʼeera.—Roomaa 5:8, 12

 Amantii Yesuus irratti qabnu argisiisuun akkasumaan isatti amanuu ykn wanta inni nuuf godhe beekuu caalaa waan dabalatu qaba. Isaaf ajajamuu fi fakkeenya isaa hordofuudhaan amantii Ilma Waaqayyoo irratti qabnu argisiisuu qabna. (Maatewos 7:24-27;1 Pheexiros 2:21) Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba; Ilmaaf kan hin ajajamne garuu, . . . jireenya hin argu.”—Yohaannis 3:36.

Yaada Naannoo Yohaannis 3:16⁠tti Argamu

 Yesuus yaada kana kan dubbate yeroo Niqoodimos isa geggeessaa amantii Yihudii taʼee wajjin dubbachaa turetti dha. (Yohaannis 3:1, 2) Maree isaanii irratti Yesuus waa’ee Mootummaa Waaqayyoo c fi ‘lammata dhalachuu’ ibsa balʼaa kenneera. (Yohaannis 3:3) Akkasumas akkamitti akka duʼu raajii dubbateera. “Ilmi namaas fannifamuu qaba; kunis, isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi.” (Yohaannis 3:14, 15) Achiis Yesuus namoonni jireenya kana kan argatan Jaalala guddaa Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabuun kan kaʼe akka taʼe addeesseera. Xumura irratti Yesuus jireenya argachuuf, amantii qabnu argisiisuu fi hojii Waaqayyoon gammachiisu hojjechuu akka qabnu ibseera.—Yohaannis 3:17-21.

a Jechi Afaan Giriikii moonooyenas (monogenes) jedhu “isa tokkicha” jedhamee hiikameera; ibsi isaas “tokko ykn qofa . . . gosa isaa ykn sanyii isaa keessaa tokko qofa, adda kan taʼe (gosaan)” kan jedhu dha.—A Greek-English Lexicon of the New Testament and Other Early Christian Literature, ful. 658.

b Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsameetti Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti.—Faarfannaa 83:18.

c Mootummaan Waaqayyoo inni ‘mootummaa samii’ jedhamees waamamu bulchiinsa samii irratti argamuu dha. (Maatewos 10:7; Mulʼata 11:15) Waaqayyo Mootii Mootummaa kanaa godhee Kiristoosiin muudeera. Mootummaan Waaqayyoo kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu ni raawwata. (Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:10) Odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Mootummaan Waaqayyoo Maali dha?” jedhu ilaali.