Dhimma ijoo ta'etti seeni

Kitaabni Qulqulluun Namni Takkaa Fayye Yeroo Hundumaaf Fayyeera Jedhee Barsiisaa?

Kitaabni Qulqulluun Namni Takkaa Fayye Yeroo Hundumaaf Fayyeera Jedhee Barsiisaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Lakki, Kitaabni Qulqulluun barumsa namni takkaa fayye yeroo hundumaaf fayyeera jedhu hin barsiisu. Namni amantii Yesuus Kiristoos irratti qabuun fayye tokko amantii isaa fi fayyina amantiin kun argamsiisu dhabuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun amantii keenya eeggachuuf, ‘jabaanne loluudhaan’ carraaqqii guddaa gochuu akka qabnu barsiisa. (Yihudaa 3, 5) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Kiristoositti amananii turan, “sodaachuu fi romʼuudhaan fayyina keessan mirkaneessuuf carraaqqii gochuu keessan itti fufaa” jedhamaniiru.—Filiphisiyus 2:12.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu barumsa namni takkaa fayye yeroo hundumaaf fayyeera jedhu fashaleessan

  •   Kitaabni Qulqulluun cubbuu cimaa namni tokko Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle dhowwan akka hin raawwanne nu akeekkachiisa. (1 Qorontos 6:9-11; Galaatiyaa 5:19-21) Fayyinni utuu hin dhabamu taʼee akeekkachiisni akkasii kennuun barbaachisaa hin turre. Kanaa mannaa, Kitaabni Qulqulluun namni fayye tokko cubbuu cimaa raawwachuudhaan jireenya isaa duraatti deebiʼuu akka dandaʼu barsiisa. Fakkeenyaaf, Ibroonni 10:26 akkana jedha: “Beekumsa dhugaa isa sirrii erga argannee booda, taʼe jennee cubbuu hojjechuu yoo amaleeffanne, sana booda aarsaa kan biraan cubbuu keenyaaf dhihaatu hin jiraatu.”—Ibroota 6:4-6; 2 Pheexiros 2:20-22.

  •   Yesuus amantii eeggachuun barbaachisaa akka taʼe ibsuuf, fakkeenya inni muka wayinii akka taʼe, duuka buutonni isaa immoo dameewwan muka wayinii sana irra jiran akka taʼan ibsu dubbateera. Isaan keessa tokko tokko yeroo taʼe tokkotti firii ykn gocha isaaniitiin isatti akka amanan kan argisiisa taʼus, yeroo booda garuu akkana gochuu waan dhiisaniif fayyina isaanii dhabuudhaan “akkuma damee [firii hin godhanneetti] gad gataman.” (Yohaannis 15:1-6) Phaawulos ergamaanis fakkeenyuma kanaa wajjin wal fakkaatu kan fayyadame yeroo taʼu, Kiristiyaanonni amantii isaanii hin eegganne ‘muramanii akka gataman’ dubbateera.—Roomaa 11:17-22.

  •   Kiristiyaanonni “Yeroo hundumaa dammaqaa eegaa” jedhamanii ajajamaniiru. (Maatewos 24:42; 25:13) Namoonni “hojii dukkanaa” raawwachuudhaan ykn hojii Yesuus akka hojjennu ajaje guutummaatti raawwachuu dhiisuudhaan karaa hafuuraa rafan fayyina isaanii dhabu.—Roomaa 13:11-13; Mulʼata 3:1-3.

  •   Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun namoonni fayyan hamma dhumaatti amanamummaadhaan jabaatanii dhaabbachuu akka qaban ibsu. (Maatewos 24:13; Ibroota 10:36; 12:2, 3; Mulʼata 2:10) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa namoonni hidhata amantii isaanii taʼan, amantii isaaniitti jabaatanii akka dhaabbatan yommuu beekan gammachuu isaanii ibsanii turan. (1 Tasalonqee 1:2, 3; 3 Yohaannis 3, 4) Maarree namoonni hamma dhumaatti jabaatanii hin dhaabbanne kan fayyan utuu taʼee, Kitaabni Qulqulluun amanamummaadhaan jabaatanii dhaabbachuun barbaachisaa akka taʼe cimsee ibsuun isaa sirriidhaa?

  •   Phaawulos fayyina isaa ilaalchisee mirkanaaʼaa akka taʼe kan isatti dhagaʼame duʼuuf yeroo jedhutti ture. (2 Ximotewos 4:6-8) Jireenya isaa gara jalqabaatti, fedhii fooniitiif yoo of kenne fayyina isaa dhabuu akka dandaʼu hubatee ture. Akkana jedhee barreesseera: “Warra kaaniif ergan lallabee booda, ofii kootii akkan fudhatama hin dhabneef, qaama koo haleeleen akka garbichaatti akka naaf ajajamu godha.”—1 Qorontos 9:27; Filiphisiyus 3:12-14.