Dhimma ijoo ta'etti seeni

Jiʼa darbe, Dhugaa Baatota Yihowaa 16,000 ol taʼan dabalatee, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Yuukreen keessaa baqataniiru

BITOOTESSA 31, 2022
ODUU ADDUNYAA MARAA

Baqattoonni Yuukreen Wanta Hundumaa Dhiisanii Akka Baʼan Dubbatan

“Wanti Dhugumaan Barbaachisaa Taʼe Hariiroo Yihowaa Wajjin Qabnu Qofa dha”

Baqattoonni Yuukreen Wanta Hundumaa Dhiisanii Akka Baʼan Dubbatan

Bilbilli jaarsa gumiitiin halkan keessaa saʼaatii 11:00​tti bilbilame, obboleessa keenya Femiii Dureedoolaa fi haadha manaa isaa Yaanaa hiribaa dammaqse. Yaanaan akkana jetteetti: “Jaarsi gumii sun ‘Hin yaaddaʼinaa, kaʼaa qophaaʼaa. Loltoonni Raashiyaa gara Kiyeev dhufaa jiru!’ nuun jedhe. Yeroon kana dhagaʼu baayʼeen naʼe.”

Hiriyoonni gaaʼelaa misirroo taʼan kun uffata isaanii uffatanii yeroo dhumaatiif mana isaanitti buna isaanii danfisatanii caqasa guyyaa sanaa waliin dubbisan. Caqasni guyyaa sanaa, “Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaanis jabina ni argattu” kan jedhu ture. (Isaayyaas 30:15) Femiin gara Yihowaatti kadhannaa cimaa dhiheesse. Femiin lammii Naayijeeriyaa yommuu taʼu, Yaanaan immoo lammii Yuukreeni dha; shaanxaa imalaa isaanii fudhatanii wanta qaban hunda dhiisanii gara Neezarlaanditti baqatan.

Erga Raashiyaan Guraadhala 24, 2022ti Yuukreeniin weerartee kaasee, kun muuxannoo obbolootaa fi obboleettota keenya Yuukreenii baqachuuf murteessan hunda mudatu dha. Yuukreen keessa Dhugaa Baatota Yihowaa gara 130,000 taʼantu jira. Hamma yoonaatti, Dhugaa Baatonni 36,000 ol taʼan qeʼee isaanii irraa buqqaʼaniiru, 16,000 ol kan taʼan immoo biyyoota birootti baqataniiru. Hedduun isaanii mana isaanii, hojii isaanii fi gumii isaanii dhiisanii deemaniiru. Yeroo waraanaa kanatti, dhiiroonni lammii Yuukreen taʼanii fi umuriin isaanii waggaa 18 hanga 60 taʼan biyyattii keessaa akka baʼan hin heyyamamu. Haa taʼu malee, dhiiroonni lammii biyya biraa taʼan baʼuu ni dandaʼu.

Namoonni baqatan wanta isaan barbaachisu qofa fudhatanii deemuu qabu turan. Bakka nagaan jiru dhaquuf baaburaa fi otobuusii yaabbatanii imala ulfataa taʼe godhu. Yeroo tokko tokko immoo imalli kun garamitti akka isaan geessu illee hin beekan. Amantii cimaan isaan qaban gaaf tokko deebiʼuu akka dandaʼan illee utuu hin abdatin magaalawwan waraanaan barbadeeffamaa jiran dhiisanii baʼuuf ija jabina isaaniif kenneera.

Yaanaan akkana jetteetti: “Wanta hunda dhiisnee baane. Kan fudhanne wantoota muraasa qofa dha. Haalli kun wanti dhugumaan barbaachisaa taʼe hariiroo Yihowaa wajjin qabnu qofa akka taʼe nu yaadachiiseera.”

Sagaleen xiyyaaraan boombiin darbatamuuf akka jedhu ibsuu fi sagaleen dhoowiinsa boonbii mana obboleettii keenya Liiliiyaa Antaanyuuk isa Kyiv jiru irraa dhihoodhaa ni dhagaʼama ture. Konkolaatawwan, diiggaawwan gamoo fi riqaawwan gubaman yommuu bobaʼan karaa irraa ni mulʼata ture.

Liiliiyaa fi intalli ishii Aleksaandiraa ishiin umuriin ishii waggaa 17 taʼe biyyattii gadhiisanii baʼuuf murteessan. Guyyoota hedduudhaan baabura namootaan guutameen imalanii gara Poolaandi dhaqan. Nyaata baayʼee xinnoo taʼe qofa qabu turan, akkasumas saʼaatii dheeraadhaaf dhaabachuuf dirqamanii turan. Obboleettonni kun yeroo Pishaamoshool, Poolaandi gaʼan dhiphinni isaanitti dhagaʼamu hamma tokko hirʼatee ture.

Liiliiyaa, “Obboloota mallattoo ‘JW.ORG’ jedhu qabatan yommuu arginu, kunuunsa nu barbaachisu akka nuuf godhan mirkanaaʼoo turre” jetteetti. Obboleettonni kun gara Galma Walgaʼii hoʼa, nyaataa fi boqonnaa argachuu itti dandaʼanitti geeffaman. Utuma baayʼee hin turinis mana dhuunfaa keessa turuu dandaʼanitti geeffaman.

Liiliiyaa ishiin sana booda gara Jarmaniitti imalte akkana jetteetti: “Yihowaan akka nu kunuunsee fi amantii keenya akka nuuf cimse nutti dhagaʼama. Yihowaan jaalala waan nutti argisiiseef, akkasumas obbolootaa fi obboleettota yeroo rakkisaa taʼetti nu gargaaruuf qophaaʼoo taʼan waan nuu kenneef guddaan galateeffadha.”

Anaastaasiiyaa Kavaaliyoovaa

Obboleettiin keenya Anaastaasiiyaa Kavaaliyoovaa humnoonni magaalatti weeraran magaalaa Zaporozyiye qilleensa irraa akkamitti miidhaa akka turan dubbateetti. Ifa meeshaaleen waraanaa guguddaan yommuu dhukaafaman bobaʼan argiteetti, akkasumas gamoo ishii keessa teessee yommuu dhoowu dhageessetti. Boonbiin walitti aansuudhaan dhukaʼuu ijoollee obbolaa Anaastaasiiyaa umuriin isaanii torbaa fi sadii taʼe gar malee waan naasiseef, maatichi magaalattii keessaa baʼuuf murteesse. Anaastaasiiyaan akkana jetteetti: “Wanta baayʼee fudhannee baʼuu waan hin dandeenyeef, uffataa fi miʼoota tokko tokko dhabneerra. Haa taʼu malee, obboloonni wanta nu barbaachisu hunda nuuf godhaniiru. Eeyyee wanta nu barbaachisu caalaa iyyuu arganneerra.” Anaastaasiiyaa, haati manaa obboleessa ishii Anyaa fi ijoolleen sun karaa Poolaandi gara Jarmaniitti imalaniiru.

Anaastaasiiyaa Shuukiinaa fi haadha ishii Oolgaa Liisiyaankaa

Obboleettiin keenya Anaastaasiiyaa Shuukiinaa fi haati ishii obboleettiin keenya Oolgaa Liisiyaankaan, sagalee boonbiin akka darbatamuuf jedhu yommuu dhagaʼamu hundatti mana xinnoo mana isaanii lafa jalaa qorru keessa dhokatu turan. Obboleettoonni qajeelchitoota bakka babalʼistoonni caalaatti barbachisan tajaajiluu dhufan lama magaalaa xinnoo Biraayiliiv, Viinniitisiyaa Oblasti jedhamtu keessa jiraatu turan. Mgaalattii keessaa baʼuuf murteessuun baayʼee isaanitti ulfaatee ture, taʼus dhuma irratti haalli isaa caalaatti balaadhaaf kan nama saaxilu waan taʼeef magaalattii keessaa baʼuuf murteessan. Wanta isaan barbaachisu qofa fudhatanii guyyaa lamaaf baaburaan imalan, yeroo imalan kanattis baayʼee hin rafne. Oolgaa ishii umuriin ishii 58 taʼee fi dhibee fayyaa qabduuf magaalaa kana gadhiisani baʼuun baayʼee ulfaataa ture. Halkan keessaa gara saʼaatii 8:00 Zyeshoof, Poolaandi gaʼan. Obboloonnii fi obboleettonni isaanii muraasni isaan simachuuf achi turan. Anaastaasiiyaa akkana jetteetti: “Halkan walakkaa darbeee gara bariitti deemaa kan jiru taʼus obboloonni keenya achitti nu eegaa turan. Yihowaas taʼe obbolootaa fi obboleettota keenya guddaa galateeffanna.”

Eliizaabetii fi Andizyeeyi Kubaa

Magaalaa Suumee keessatti, obboleessi keenya Andizyeeyi Kubaa inni lammii Poolaandii taʼee fi haati manaa isaa Eliizaabet ishiin lammii Biritaaniyaa taate, mana lafa jalaa obboleessa tokkoo keessa ijoollee isaanii shanii wajjin dhokatanii turan. Sagalee jettiiwwan waraanaa, dhukaasa qawwee fi boombii ni dhagaʼu turan. Obboloonni diraamaa Kitaaba Qulqulluu, Yaa Yihowaa, . . . Ani Sin Amanadha jedhuu fi seenaa Hisqiyaas Mootichaa yeroo Asoronni Yerusaalemin weeraruuf yaalii godhanitti wanta inni godhe ibsu ilaaluudhaan ija jabina argataniiru.

Andizyeeyi inni yeroo ammaatti haadha manaa isaa wajjin Poolaandi jiru, “Obboloonni caqasoota Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessan hedduu, kanneen akka Faarfannaa 27 irra jiran nuuf erganiiru” jedheera.

Yihowaan obboloota keenya yeroo waraanni itti hin jiraanne abdiidhaan eeggatanii fi ‘qabeenya isaanii hundumaa dhaban’ kana akka eebbisu amanannaa guutuu qabna.—Filiphisiyus 3:8.