Faarfannaa 27:1-14

  • Yihowaan dahoo lubbuu kootii ti

    • Mana qulqullummaa Waaqaa dinqisiifachuu (4)

    • Warri keenya yoo nu dhiisan illee Yihowaan nuuf yaada (10)

    • “Yihowaa abdadhu” (14)

Faarfannaa Daawit. 27  Yihowaan ifa+ koo fi fayyisaa koo ti. Eenyuunan sodaadha?+ Yihowaan lubbuu kootiif dahoo dha.+ Eenyutu na naasisa?   Namoonni hamoon foon koo nyaachuuf yommuu na haleelanitti,+Gufatanii kan kufan hamajaajotaa fi diinota koo ti.   Raayyaan waraanaa yoo natti marse iyyuu,Garaan koo hin sodaatu.+ Waraanni ana irratti yoo banames,Yeroo sanatti iyyuu ani sodaa maleen jiraadha.   Wanta tokko Yihowaa nan gaafadha,Isas hawwiidhaan nan eeggadha,Innis bara jireenyaa koo hundumaatti mana Yihowaa keessa jiraachuu,+Gaarummaa Yihowaa arguu,Mana qulqullummaa* isaas dinqisiifannaadhaan* ilaaluu dha.+   Inni guyyaa badiisaatti gaaddisa isaa keessa na dhoksa;+Iddoo dhokataa dunkaana isaa keessatti na golga;+Qarsaa ol kaʼaa irras na kaaʼa.+   Mataan koo diinota koo warra natti marsanii olitti argama;Dunkaana isaa keessatti ililchuudhaan aarsaa isaaf nan dhiheessa;Yihowaadhaaf faarfannaa galataa nan faarfadha.*   Yaa Yihowaa, yommuun iyyu na dhagaʼi;+Gaarummaa natti argisiisi, deebiis naaf kenni.+   Garaan koo ajaja ati,“Fuula koo barbaaddadhaa” jettee kennite natti himeera. Yaa Yihowaa, ani fuula kee nan barbaaddadha.+   Fuula kee na jalaa hin dhoksin.+ Dheekkamsa keetiin tajaajilaa kee of irraa hin deebisin. Ati gargaaraa koo ti.+ Yaa Waaqa fayyinaa koo, na hin gatin, na hin dhiisinis. 10  Abbaan kiyyaa fi haati tiyya yoo na dhiisan illee,+Yihowaan na simata.+ 11  Yaa Yihowaa, karaa kee na barsiisi,+Diinota koo irraa kan kaʼe, daandii qajeelummaa irra na geggeessi. 12  Ragoonni sobaa ana irratti waan kaʼaniif,+Hamminaanis waan na doorsisaniif,Harka* diinota kootti dabarsitee na hin kennin.+ 13  Yommuun lubbuudhaan jirutti gaarummaa Yihowaa akkan argu,+Utuun amantii hin qabu taʼee, silaa maalan taʼan ture?* 14  Yihowaa abdadhu;+Onnadhu, garaan kees cimaa haa taʼu.+ Eeyyee, Yihowaa abdadhu.

Miiljaleewwan

Ykn., “Iddoo qulqulluu.”
Ykn., “irratti xiinxaluudhaan.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ykn., “Lubbuu.”
Ykn tarii, “Yommuun lubbuudhaan jirutti gaarummaa Yihowaa akkan argu amantii akkan qabu mirkanaaʼaa dha.”