Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQINAAN EEGAA!

Fakkiiwwan Waaqeffachuu Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Fakkiiwwan Waaqeffachuu Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Akka Tajaajilli Oduu Kaatolikii jedhetti, Bitotessa 25, 2022 yeroo sirni amantii Bataskaana Seeyinti Piitaritti geggeeffamu, Phaaphaasii ol aanaan Firaansiis jedhaman siidaa Maariyaamii dura dhaabbatanii “ija isaanii dunuunfatanii, mataa isaanii gadi qabuudhaan sagalee isaanii utuu hin dhageessisin kadhannaa dhiheessan.” Nagaa akka fidduuf “Maariyaamin kadhatan.” Gabasa Oduu Vaatikaan tokko irrattis, ‘Phaaphaasiin ol aanaan sun kadhannaa isaaniitiin ilmaan namootaa, keessumaa immoo Raashiyaa fi Yuukreeniin Qulquluu Maariyaamitti dabarsanii akka kennan’ ibseera jedheera.

 Maal sitti fakkaata? Fakkiiwwan duratti kadhannaa dhiheessuun ykn waaqeffannaadhaaf fakkiiwwanitti fayyadamuun sirrii sitti fakkaataa? Mee caqasawwan Kitaaba Qulqulluu armaan gadii ilaali:

  •   “Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru yookiin lafa jala bishaan keessa jiru kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocame yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin. Ati isaaniif hin sagadin yookiin gowwoomfamtee isaan hin tajaajilin; sababiin isaas, ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu [dha].”—Baʼuu 20:4, 5. a

  •   “Waaqolii tolfamoon isaanii meetii fi warqii, warra hojii harka namaa taʼani dha. Afaan qabu, garuu dubbachuu hin dandaʼan; ija qabu, garuu arguu hin dandaʼan; gurra qabu, garuu dhagaʼuu hin dandaʼan; funyaan qabu, garuu fuunfachuu hin dandaʼan; harka qabu, garuu qaqqabuu hin dandaʼan; miila qabu, garuu deemuu hin dandaʼan; qoonqoo isaaniitiinis sagalee hin baasan. Namoonni isaan tolchan, warri isaanitti amanaman hundis akkuma isaanii ni taʼu.”—Faarfannaa 115:4-8.

  •   “Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana; ulfina koo eenyuuf iyyuu hin hiru, galata koos fakkiiwwan bocamaniif hin kennu.”—Isaayyaas 42:8, miiljalee.

  •   “Waaqolii tolfamoo waaqeffachuu irraa baqadhaa.”—1 Qorontos 10:14.

  •   “Waaqolii tolfamoo irraa of eegaa.”—1 Yohaannis 5:21.

 Waaqeffanaa irratti fakkiiwwanitti fayyadamuu ilaalchisee odeeffannoo dabaltaa argachuuf, mata duree “Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?—Fakkiiwwan” jedhu dubbisi ykn viidiyoo Waaqeffannaadhaaf Fakkiiwwanitti Fayyadamuun Waaqayyo Duratti Fudhatama Qabaa? jedhu ilaali.

 Dhimmoota armaan gadii irrattis wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu ilaaluu barbaadda taʼa:

Photo credit: Vincenzo Pinto/AFP via Getty Images

a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyoo ti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali