Dhimma ijoo ta'etti seeni

Durbee Maariyaam Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Durbee Maariyaam Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Kitaabni qulqulluun Maariyaam durba taatee utuu jirtuu mirga guddaa haadha Yesuus taʼuudhaan isa daʼuu akka argatte dubbata. Kitaabni Qulqulluun kitaaba Isaayaas irratti waaʼee dinqii kanaa dursee kan dubbate siʼa taʼu, Wangeelota Maatewosii fi Luqaas keessatti raawwiin isaa galmeeffameera.

 Isaayaas waaʼee argamuu Masihiichaa ilaalchisee raajii arge irratti, “Kunoo, durbi in ulfoofti, ilmas in deessi” jechuudhaan dursee dubbateera. (Isaayaas 7:14) Barreessaan Wangeelaa kan taʼe Maatewos geggeessaa hafuura Waaqayyootiin Maariyaam Yesuusiin akka ulfooftu raajiin Isaayaas dubbate raawwii isaa akka argate galmeesseera. Maatewos Maariyaamiin karaa dinqii taʼeen akka ulfoofte erga galmeessee booda, itti dabalee akkas jedheera: “Kun hundi kan taʼe, wanti Yihowaan karaa raajii isaa akkana jechuudhaan dubbatee ture akka raawwatamuufi: ‘Kunoo, durbi a ulfooftee ilma ni deessi, isaanis Amaanuʼel jedhanii maqaa isaaf moggaasu’; “Amaanuʼel” jechuun hiikni isaa, ‘Waaqayyo Nuu Wajjin Jira’ jechuu dha.”—Maatewos 1:22, 23.

 Barreessaan Wangeelaa Luqaasis Maariyaam karaa dinqii taʼeen akka ulfoofte galmeesseera. Innis Waaqayyo maleekaa isaa GabrIʼeeliin, “gara durba Maariyaam jedhamtu, ishii namicha sanyii Daawit taʼee fi maqaan isaa Yoseef jedhamuuf kaadhimamtetti” akka erge barreesseera. (Luqaas 1:26, 27) Maariyaamis durba akka taate dubbatteetti. Maariyaam haadha Yesuus isa Masiihicha taʼee akka taatu erga dhageessee booda: “Ani dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwadhee waan hin beekneef, kun akkamitti taʼuu dandaʼa?” jechuudhaan gaafatte.—Luqaas 1:34

 Shamarreen durba taate takka daʼuu kan dandeessu akkamitti?

 Maariyaam kan ulfoofte gargaarsa hafuura Waaqayyoo isa hojii irra jiruuni dha. (Maatewos 1:18) Gabriʼelis Maariyaamiin akkana jedhe, “Hafuurri qulqulluun si irra buʼa, humni Isa Hundaa Oliis si golga. Kanaan kan kaʼes mucaan dhalatu qulqullicha, Ilma Waaqayyoo jedhama.” b (Luqaas 1:35) Waaqayyo karaa dinqii taʼeen jireenyi ilma isaa gara gadaamessa Maariyaamitti akka darbu gochuudhaan mucaa akka ulfooftu godheera.

 Yesuus durba irraa dhalachuun kan isa barbaachise maaliifi?

 Waaqayyo durbi akka deessu qophii kan godhe Yesuus qaama cubbuu hin qabne qabaatee akka dhalatuufi, kunis ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa jalaa bilisa baasuuf ture. (Yohaannis 3:16; Ibroota 10:5) Waaqayyo jireenyi Yesuus gara gadaamessa Maariyaamitti akka darbu godheera. Sana booda, hafuurri Waaqayyoo ulfi gadaamessa keessa jiru sun mudaa kan hin qabne akka taʼuuf eegumsa akka godhe beekamaa dha.—Luqaas 1:35.

 Yesuus nama mudaa hin qabne taʼee kan dhalate siʼa taʼu, kunis haala Addaam cubbuu hojjechuu isaa dura keessa ture wajjin wal qixa dha. Kitaabni Qulqulluun Yesuusiin ilaalchisee, “Inni cubbuu tokko illee hin hojjenne” jedha. (1 Pheexiros 2:22) Yesuus nama mudaa hin qabne waan taʼeef, aarsaa kaffaluudhaan ilmaan namootaa cubbuu fi duʼa jalaa bilisa baasuu ni dandaʼa.—1 Qorontos 15:21, 22; 1 Ximotewos 2:5, 6.

 Maariyaam jireenya ishii guutuu durba turtee?

 Kitaabni Qulqulluun Maariyaam jireenya ishii guutuu durba taatee akka jiraatte hin barsiisu. Kanaa mannaa, Maariyaam ijoollee kan biroo akka qabdu dubbata.—Maatewos 12:46; Maarqos 6:3; Luqaas 2:7; Yohaannis 7:5.

Kitaabni Qulqulluun Yesuus obbolootaa fi obboleettota hedduu akka qabu barsiisa

 Maariyaam gadaamessa haadha ishii keessa erga turtee kaasee cubbuu dhaalaan namatti darbu irraa bilisa turtee?

 Lakki. Dhaabbileen amantii tokko tokko akkas akka taate barsiisu. Akka Kitaabni New Catholic Encyclopedia jedhamu jedhutti, “Maariyaam jalqaba jireenya ishiitii kaasee CUBBUU ILMAAN NAMOOTAA DHAALAN irraa bilisa; kunis gadaamessa haadha ishii keessa yeroo turtee kaasee jechuu dha. Ilmaan namootaa warri kaan cubbuu kan dhaalan siʼa taʼu . . . Maariyaam garuu, GAARUMMAA guddaadhaan cubbuu ilmaan namootaa isa jalqabaa irraa eegumsa argatteetti.” c

Faallaa kanaatiin Kitaabni Qulqulluun iddoo kamitti iyyuu Maariyaam cubbuu ilmaan namootaa dhaalan irraa bilisa akka taate hin barsiisu. (Faarfannaa 51:5; Roomaa 5:12) Siruma iyyuu, Maariyaam akka Seerri Musee haadholii ajajutti aarsaa sababii cubbuutiif dhihaatu yeroo dhiheessitetti cubbuu kan dhaalte taʼuu ishii mirkaneessiteetti. (Lewwoota 12:2-8; Luqaas 2:21-24) Kitaabni New Catholic Encyclopedia jedhamu, “Maariyaam cubbuu dhaalaan darbu irraa bilisa turte yaadni jedhu ifatti Kitaaba Qulqulluu keessatti hin ibsamne. . . . [Kun] murtoo waldaan goote dha” jedheera.

 Maariyaamiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

 Maariyaam amantiidhaan, ajajamuudhaan, akkasumas gad of qabuu fi Waaqayyoof jaalala guddaa qabaachuudhaan fakkeenya gaarii taateetti. Ishiin namoota amanamoo fakkeenya isaanii hordofuuf cimnee hojjennu keessaa tokko dha.—Ibroota 6:12.

 Maariyaam haadha Yesuus taʼuudhaan mirga guddaa kan argatte taʼus, Kitaabni Qulqulluun ishii waaqeffachuu ykn kadhannaa ishiitti dhiheessuu akka qabnu hin barsiisu. Yesuus adda baasee haadha isaatiif kabaja addaa hin kennine; duuka buutonni isaas akkas akka godhan isaanitti hin himne. Siruma iyyuu, gabaasa Wangeelota irra jiruu fi yaada kitaaba Hojii Ergamootaa irratti argamu tokko irraan kan hafe kitaabota Kakuu Haaraa jedhaman 22 keessatti waaʼeen Maariyaam hin caqasamne.—Hojii Ergamootaa 1:14.

 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Maariyaamiif xiyyeeffannaa addaa akka kennanis taʼee akka waaqeffatan ragaan argisiisu Kitaabni Qulqulluu keessa hin jiru. Kanaa mannaa, Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni Waaqayyoon qofa akka waaqeffatan barsiisa.—Maatewos 4:10.

a Raajii Isaayaas keessatti jechi Afaan Ibrootaa “durbi” jedhamee hiikame almaa siʼa taʼu, shamarree durba taate ykn hin taane argisiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Maatewos geggeessaa hafuura Waaqayyootiin jecha Afaan Giriikii paartenoos jedhuu fi hiikni isaa shamarree “durba” taate qofa argisiisutti fayyadameera.

b Namoonni tokko tokko jecha “Ilma Waaqayyoo” jedhu Waaqayyoo dubartii wajjin saalqunnamtii akka raawwate agarsiisa jedhanii amanu. Haa taʼuu malee, Kitaabni Qulqulluun yaada akkasii hin barsiisu. Kanaa mannaa, Kitaabni Qulqulluun Yesuusiin “Ilma Waaqayyoo” fi “hangafa uumama hundaa” jechuudhaan waama; sababiin isaas inni jalqaba uumama hundaa siʼa taʼu, kallattiidhaan Waaqayyoon kan uumame isa qofadha. (Qolosaayis 1:13-15) Kitaabni Qulqulluun nama jalqabaa kan taʼe Addaam “Ilma Waaqayyoo” akka taʼe dubbata. (Luqaas 3:38) Kunis kan taʼe, sababii Addaam Waaqayyoon uumameefi dha.

c Maxxansa Lammaffaa, Jildii 7, fuula 331.