Dhimma ijoo ta'etti seeni

Lafa Irratti Nagaan kan Dhufu Akkamitti?

Lafa Irratti Nagaan kan Dhufu Akkamitti?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Nageenyi lafa irratti carraaqqii ilmaan namootaatiin utuu hin taʼin, karaa Mootummaa Waaqayyoo jechuunis bulchiinsa samii Kiristoos Yesuusiin geggeeffamuun dhufa. Abdii dinqisiisaa kana ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun nu barsiisu hubadhu.

  1.   Waaqayyo ‘hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu gochuudhaan’ waadaa ‘lafa irratti namoota inni jaallatuuf nagaa’ fiduudhaaf gale ni raawwata.—Faarfannaa 46:9; Luqaas 2:14.

  2.   Mootummaan Waaqayyoo samii taaʼee guutummaa lafaa bulcha. (Daaniʼel 7:14) Mootummaan kun guutummaa addunyaa waan bulchuuf sabboonummaa isa walitti buʼiinsa hedduudhaaf sababa taʼe ni balleessa.

  3.   Mootii Mootummaa Waaqayyoo kan taʼe Yesuus “angafa nagaa” jedhameera; ‘nagaan isaas dhuma kan hin qabne’ akka taʼu godha.—Isaiah 9:6, 7.

  4.   Waaqayyo ‘isa humnaan nama irratti kaʼuu jaallatu garaa guutuudhaan waan jibbuuf’ namoonni nagaa booressuu isaanii itti fufan Mootummicha jala akka jiraatan isaaniif hin heyyamamu.—Faarfannaa 11:5; Fakkeenya 2:22.

  5.   Waaqayyo namoonni bulchiinsa isaa jala jiraatan nagaadhaan akkamitti jiraachuu akka dandaʼan isaan barsiisa. Buʼaa barumsi kun argamsiisu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Isaan billaa isaanii maarashaa, eeboo isaaniis isa ittiin muka qeexxa’an in tumsiifatu; egaa sabni sabatti billaa hin luqqifatu, isaan deebi’aniis lola hin baran.”—Isaayaas 2:3, 4.

 Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoonaan lakkaaʼamanii fi addunyaa mara irra jiran naga qabeeyyii taʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe Waaqayyo irraa barachaa jiru. (Maatewos 5:9) Gosa garaa garaa keessaa kan dhufnee fi biyyoota 230 ol keessa kan jiraannu taʼus namoota kaan irratti meeshaa waraanaa hin kaasnu.

Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo harʼaatti karaa nagaa barachaa jiru