Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kophummaa Dandamachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Kophummaa Dandamachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

 Kophaa akka taate sitti dhagaʼamaa? Taanaan akkuma faarfaticha isa, “Ani akka simbira kopha-galeettii ishee bantii manaa irra jirtuu ti” jedhee sitti dhagaʼama taʼa. (Faarfannaa 102:7) Ogummaan Kitaaba Qulqulluu keessa jiru rakkoowwan kophaa taʼuu keenyaan nu mudatan dandamachuuf nu gargaara.

 Gara Waaqayyootti dhihaadhu

 Kophaa kee yommuu taatutti illee, Waaqayyoon beekuu akka qabdu hubachuun kee fi isaa wajjin wal baruuf carraaquudhaan gammachuu argachuu dandeessa. (Maatewos 5:3, 6) Maddawwan armaan gadii tolaan argaman kana gochuu kee akka jalqabdu si gargaaruu dandaʼu.

Kitaaba Qulqulluu keessaa yaadawwan nama jajjabeessan dubbisi

  Namoonni hedduun caqasoota armaan gadii irraa jajjabina argataniiru. Takkaatti fuula hedduu dubbisuu mannaa carraa kophaa kee taatu kanatti fayyadamuudhaan, yeroo kee yaadawwan hunda irratti xiinxaluu fi kadhachuuf itti fayyadamuuf carraaqi.—Maarqos 1:35.

Taʼeewwan addunyaa hiika maalii akka qaban hubadhu

  Sababii wantoonni kun itti raawwatamanii fi Waaqayyo wantoota kana akkamitti akka balleessu yoo beekte haala dhiphisaa si mudatu akka gaariitti dandamachuu dandeessa.—Isaayaas 65:17.

Dhiphina hin barbaachisne irraa of qusadhu

  Mata dureewwan dhimmoota armaan gadii ibsan dhiphina kophummaadhaan uumamu akka dandamattuu fi ‘yaaddaʼuu kee akka dhiistu’ si gargaaru.—Maatewos 6:25.

Michoota horadhu

  Michummaan fayyaa sammuu fi miiraa keetiif faayidaa qaba, keessumaa immoo yeroo fuulaa fuulatti wal arguun hin dandaʼamnetti baayʼee barbaachisaa dha. Manaa baʼuu kan hin dandeenye yoo taʼe, viidiyoo konfiransiidhaan ykn bilbilaan michummaa kee eeguu fi michummaa haaraa uumuu dandeessa. Mata dureewwan armaan gadii michoota dhugaa akka argattuu fi atis ‘michuu dhugaa’ akka taatu si gargaaru.—Fakkeenya 17:17, Hiika Addunyaa Haaraa.

Sochii qaamaa godhi

  Kitaabni Qulqulluun “sochiin qaamaa [ni] fayyada” jedha. (1 Ximotewos 4:8, miiljalee) Sochiin qaamaa keessumaa yeroo kophummaan sitti dhagaʼamutti akka gaariitti akka yaadduu fi akka gammaddu si gargaara. Yeroo manaa baʼuu hin dandeenyetti illee, sochii qaamaa gochuuf wantoonni gochuu dandeessu akka jiran beekamaa dha.