Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

alashi/DigitalVision Vectors via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Jibbi Hamma Kana kan Babalʼate Maaliifi?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Jibbi Hamma Kana kan Babalʼate Maaliifi?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

 Gabaasni oduu jibbaa, yakka jibbaan raawwatamuu, walitti buʼiinsa sanyii fi waraanaa ibsu balʼinaan dhihaata.

  •   “Walitti buʼiinsi Israaʼelii fi Gaazaa ittuma caalaa deemu, akkasumas tuttuqaa namoota hamminaa fi jibba babalʼisaniin kan kaʼe isa yeroo kamii iyyuu caalaa weebsaayitiin hawaasaa dubbii jibbaatiin guutameera.”—The New York Times, Sadaasa 15, 2023.

  •   “Onkoloolessa 7 eegalee, jibbi halaalaa isa yeroo kamii iyyuu caalaa garmalee waan babalʼateef, dubbiin jibbaa fi hammeenyaa saffisaan dabalaa jira.”—Deenis Firaanchis, pireezidaantii Walgaʼii Waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii, Sadaasa 3, 2023.

 Dubbiin jibbaa, yakkii fi waraanni haaraa miti. Dhugaadha Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota bara durii, ‘dubbii hamaa akka xiyyaatti akeekkatanii,’ akkasumas waraanaa fi hammeenya hordofaa turanii ni ibsa. (Faarfannaa 64:3; 120:7; 140:1) Taʼus Kitaaba Qulqulluun jibbi yeroo ammaatti argaa jirru hiika addaa akka qabu ibsa.

Jibba—Mallattoo bara keessa jiraannu adda baasee beeksisu

 Kitaabni Qulqulluu sababii itti bara keenyatti jibbi jiraate lama ibsa.

  1.  1. Kitaabni Qulqulluun yeroon ‘jaalalli namoota hedduu itti qabbanaaʼu’ akka dhufu raajii dubbateera. (Maatewos 24:12) Namoonni walumaa galatti jaalala utuu hin taʼin amalawwan jibbi akka babalʼatu taasisan argisiisu.—2 Ximotewos 3:1-5.

  2.  2. Jibbi guddaan yeroo ammaatti mulʼatu dhiibbaa Seexanaa isa hamaafi haxxee ta‵ee kan argisiisudha. Kitaabni Qulqulluun, “guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sanaa jala jira” jedha.—1 Yohaannis 5:19; Mulʼata 12:9, 12.

 Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo dhiheenyatti wantoota jibbaaf buʼuura taʼan akka dhabamsiisus ni ibsa. Kana malees, dhiphina jibbi geessise hunda guutummaatti ni balleessa. Kitaabni Qulqulluun abdii akkana jedhu kenneera:

  •   Waaqayyo “imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”—Mulʼata 21:4.