Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Sodoomummaarraa Fagaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Sodoomummaarraa Fagaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 28

Sodoomummaarraa Fagaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

“Umurii waggoota kurnanii keessa yeroon turetti dhiironni na hawwatu turan. Fedhiin akkasii sirrii akka hin taane garaan koo natti hima ture.”—Oleef.

“Anii fi hiriyaan tiyya yeroo tokko ykn lama hidhii keessa wal dhunganneerra. Dhiironnis waan na hawwataniif, ‘Saala lamaaniifuu miira jaalalaa qabaa laata?’ jedhee yaaduun jalqabe.”—Saaraa.

YEROO ammaatti isa waggoota 30 ykn 40 dura ture caalaa waaʼeen sodoomummaa ifatti akka haasaʼamu namoonni baayʼeen irratti walii galu. Kanaafuu, gochi akkasii sirrii akka hin taane dubbachuun ija jabina gaafata. Yoo akkas jette namoonni garmalee si qeequun isaanii hin oolu. Shamarreen waggaa 16 Eemii jedhamtu akkana jetteetti: “Shamarreen takka ilaalchi ani sodoomummaadhaaf qabu jibba halaalaa akka taʼe waan ishiitti dhagaʼameef namoota sanyii kan biraatiifis jibba halaalaa akkan qabu dubbattee turte.”

Ilaalchi yeroo harʼaatti namoonni hedduun qaban dargaggoonni baayʼeen namoota saala akka isaanii qaban wajjin hariiroo jaalalaa jalqabuuf akka qoraman godheera. Shamarreen waggaa 15 Beekii jedhamtu, “Shamarran mana barumsaa keenya jiran hedduun leezbiyaanii akka taʼan, saala lamaaniifuu miira jaalalaa akka qaban ykn waaʼee kanaa beekuuf hawwii akka qaban dubbatu” jetteetti. Shamarreen waggaa 18 Kiristaa jedhamtu haalli mana barumsaa isaanii jirus akkasuma akka taʼe dubbatteetti. Akkana jetteetti: “Shamarran na wajjin baratan lama saalqunnamtii akkan isaan wajjin raawwadhu na gaafatanii turan. Ishiin takka shamarran wajjin saalqunnamtii raawwachuun maal akka fakkaatu ilaaluu kanan barbaadu yoo taʼe na gaafachuuf xalayaa naa barreessitee turte.”

Waaʼeen saalqunnamtii saala wal fakkaataa gidduutti raawwatamuu ifatti yeroo dubbatamu gaaffiin akkana jedhu sitti uumamee taʼuu dandaʼa: ‘Sodoomummaan dhuguma cubbuudhaa? Namni saala akka kootii qabu yoo na hawwatehoo? Kun geeyii taʼuu koo argisiisaa?’

Waaqayyo Sodoomummaadhaaf Ilaalcha Akkamii Qaba?

Yeroo harʼaatti qeesotallee dabalatee namoonni hedduun sodoomummaa salphisanii ilaalu. Taʼus Kitaabni Qulqulluun ilaalcha Waaqayyo dhimma kanaaf qabu ifatti dubbata. Yihowaan dhiiraa fi durba godhee namoota akka uumee fi saalqunnamtiin raawwatamuu kan qabu abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti qofa akka taʼe dubbata. (Uumama 1:27, 28; 2:24) Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun gocha sodoomummaa kan balaaleffatu taʼuun isaa nu hin ajaaʼibsiisu.—Roomaa 1:26, 27.

Namoonni tokko tokko Dubbiin Waaqayyoo yeroon kan itti darbe akka taʼe dubbatu. Garuu namoonni akkas kan jedhan maaliif sitti fakkaata? Kitaabni Qulqulluun ilaalcha isaanii wajjin waan wal faallessuufii laata? Namoonni baayʼeen wanta isaan itti amanuu barbaadanirraa adda waan taʼeef qofa Dubbii Waaqayyoo hin fudhatan. Haa taʼu malee, ilaalchi akkasii sirrii waan hin taaneef dhiibbaa akka nurratti godhu heyyamuu hin qabnu.

Garuu namni saala akka keetii qabu yoo si hawwatehoo? Kana jechuun ati geeyiidha jechuudhaa? Lakki. “Umurii dargaggummaa” yeroo utuu hin barbaadin fedhiin saalaa itti kakaʼu keessa akka jirtu yaadadhu. (1 Qorontos 7:36) Yeroo tokko tokko namni saala akka keetii qabu yoo si hawwate kun geeyii taʼuu kee akka hin argisiisne mirkanaaʼaa taʼi. Fedhiin akkasii yeroo booda baduun isaa hin oolu. Hammasitti garuu gocha sodoomummaarraa fagaachuuf carraaqqii gochuu qabda. Akkamitti?

Waaʼee kanaa kadhadhu. Akkuma Daawit akkana jedhii cimsii Yihowaa kadhadhu: “Yaa Waaqayyo, akka gaariitti na sakattaʼi, garaa koos beeki. Na qori, yaadawwan na dhiphisanis beeki. Daandiin miidhaa geessisu akkamii iyyuu na keessa yoo jiraate ilaali, daandii bara baraa irras na geggeessi.” (Faarfannaa 139:23, 24) Yihowaan nagaa “hubannaa hundumaa irra caalu” siif kennuudhaan si cimsuu dandaʼa. Kunis fedhii sirrii hin taanerraa fagaachuu akka dandeessuuf ‘garaa kee fi yaada kee eega,’ akkasumas ‘humna humna caalu’ siif kenna.—Filiphisiyus 4:6, 7; 2 Qorontos 4:7.

Sammuu kee yaadawwan gaggaariidhaan guuti. (Filiphisiyus 4:8) Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisi. Humna Kitaabni Qulqulluun sammuu fi garaa keerratti dhiibbaa gochuuf qabu salphistee hin ilaalin. (Ibroota 4:12) Dargaggeessi Jeesan jedhamu akkana jedheera: “Caqasoota kanneen akka 1 Qorontos 6:9, 10, akkasumas Efesoon 5:3 jiran dabalatee Kitaabni Qulqulluun baayʼee na gargareera. Yeroon fedhii dogoggoraa qabaadhu hundumaatti caqasoota kana nan dubbisa.”

Poornoogiraafii fi wantoota sodoomummaa jajjabeessanirraa fagaadhu. (Qolosaayis 3:5) Wanta fedhii naamusaan ala taʼe kakaasu kamirraayyuu fagaadhu. Kunis poornoogiraafii, argisiisawwan televizyinii fi fiilmiiwwan tokko tokko, akkasumas barruulee namoota uffata qaama mulʼisu uffatan argisiisan dabalata. Yaanni dogoggoraa gara sammuu keetti yeroo dhufu yaada gaariidhaan bakka buusi. Dargaggeessi tokko, “Yeroo dhiirri na hawwatu hundumaatti caqasoota Kitaaba Qulqulluu jaalladhurrattan xiinxala” jedheera.

Namoonni tokko tokko, ‘Hamma kana carraaqqii gochuun si hin barbaachisu,’ ‘Miiruma kee hordofi,’ ‘Eenyummaa kee amanii fudhadhu’ jedhu taʼa. Kitaabni Qulqulluun garuu fedhii akkasii injifachuu akka dandeessu dubbata. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanonni durii tokko tokko sana dura sodoomota akka turanii fi akka jijjiiraman ni dubbata. (1 Qorontos 6:9-11) Atis fedhii kana injifachuu ni dandeessa.

Fedhiin akkasii dafee si keessaa baduu yoo didehoo? Harka hin kennin. Yihowaan gocha sodoomummaa ni balaaleffata. Kanaafuu, namni fedhii akkasii wajjin qabsaaʼaa jiru tokko fedhii kanaaf mooʼamuu dhiisuuf filachuu ni dandaʼa.

Fakkeenyaaf, namni tokko ‘dafee kan aaru’ taʼuu dandaʼa. (Fakkeenya 29:22) Kanaan dura aarii isaa akka barbaadetti ibsaa ture taʼa. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu erga jalqabee booda garuu amala of toʼachuu horachuun akka isa barbaachisu hubate. Kana jechuun garuu sana booda keessa isaatti matumaa hin aaru jechuudhaa? Lakki. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun aarii toʼannaadhaa ala taʼe ilaalchisee maal akka jedhu waan beekuuf miira isaatiin akka hin mooʼamne carraaqqii cimaa godha.

Haalli nama namni saala akka isaa qabu isa hawwatuu fi wanta Kitaabni Qulqulluun sodoomummaa ilaalchisee dubbatu barachaa jiruus akkasuma. Darbee darbee fedhiin sirrii hin taane keessa isaatti uumamuu dandaʼa. Taʼus sodoomummaadhaaf ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuudhaan cimina fedhii isaa kana mooʼuuf isa dandeessisu qabaachuu dandaʼa.

Abdii hin Kutatin!

Fedhii akkasii wajjin waldhaansoo gochaa jirta taanaan akkuma dargaggeessa akkana jechuudhaan dubbate tokkoo sitti dhagaʼama taʼa: “Miira koo jijjiiruuf yaaleera. Yihowaan akka na gargaarus kadhadheera. Kitaaba Qulqulluu dubbiseera. Haasaawwan waaʼee kanaa ibsanis dhaggeeffadheera. Kana caalaa maal gochuu akkan dandaʼu hin beeku.”

Atis haala akkasii keessa jirta yoo taʼe qabsoo guddaa gochuun si barbaachisa. Malli qaxxaamuraa hin jiru. Haa taʼu malee, namni Yihowaa gammachiisuu barbaadu kamiyyuu akkas gochuun baayʼee ulfaataa yoo taʼellee ulaagaalee isaa hordofuu fi gochawwan naamusaan ala taʼanirraa fagaachuu qaba. Waaqayyo qabsoo garaa kee keessatti gootu akka hubatuu fi namoota isa tajaajilaniif garaa akka laafu hin dagatin. a (1 Yohaannis 3:19, 20) Ajajawwan Yihowaa yeroo eegdu akka inni si eebbisu karaa banta. Ajaja Waaqayyoo eeguun, “badhaasa guddaa argamsiisa.” (Faarfannaa 19:11) Yeroo ammaattillee addunyaa jeeqamaa taʼe kana keessatti jireenya hundarra wayyu jiraachuu dandeessa.

Kanaafuu, Waaqayyotti amanamuudhaan fedhii dogoggoraa mooʼuuf qabsaaʼuu kee itti fufi. (Galaatiyaa 6:9) ‘Wanta hamaa jibbuu fi wanta gaariitti maxxanuuf’ carraaqqii godhi. (Roomaa 12:9) Carraaqqii gochuu kee yoo itti fufte oolee bulee fedhiin dogoggoraa akkasii si keessaa badaa deemuun isaa hin oolu. Hunda caalaammoo gocha sodoomummaarraa fagaachuun kee abdii addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa bara baraaf jiraachuu siif argamsiisa.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Miira saala faallaatiif qabdu toʼachuu kan dandeessu akkamitti?

[Miiljalee]

a Kiristiyaanni gocha saalqunnamtii seeraan alaa raawwate tokko gargaarsa jaarsolii gumii gaafachuu qaba.—Yaaqoob 5:14, 15.

CAQASA IJOO

Na qori, yaadawwan na dhiphisanis beeki. Daandiin miidhaa geessisu akkamii iyyuu na keessa yoo jiraate ilaali.Faarfannaa 139:23, 24.

GORSA GAARII

Dhiirummaadhaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf fakkeenya Yesuus qoʼadhu. (1 Pheexiros 2:21) Yesuus dhiirummaa fi garraamummaa wal faana argisiisuurratti fakkeenya gaarii taʼa.

KANA BEEKTAA?

Fedhii kee guutummaatti toʼachuun si rakkisuu kan dandaʼu taʼus gocha kee garuu toʼachuu ni dandeessa. Fedhii dogoggoraatiin mooʼamuu dhiisuuf filachuu dandeessa.

WANTAN GOCHUU YAADE

Namni tokko Kitaabni Qulqulluun sodoomummaa kan balaaleffatu maaliif akka taʼe yoo na gaafate akkanan jedhaan ․․․․․

Namni tokko ilaalchi Kitaaba Qulqulluu duubatti hafaa akka taʼe yoo dubbate akkanan jedhaan ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

Waaqayyo sodoomummaa kan balaaleffatu maaliifi?

Sodoomummaan kiyyoo akka sitti hin taaneef tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeessa?

Ilaalcha Waaqayyo sodoomummaadhaaf qabu qabaachuu jechuun namoota sodoomota taʼan jibbuu jechuudhaa?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 236rra jiru]

“Ilaalchi jalʼaan addunyaan kun qabu ilaalcha koorratti dhiibbaa waan godheef burjaajaʼeen ture. Amma wantoota ykn namoota sodoomummaa jajjabeessan hundarraa nan fagaadha.”—Aanaa

[Fakkii fuula 233​rra jiru]

Dargaggoonni hundi ilaalcha addunyaa isa mancaʼaa taʼee fi ulaagaa naamusaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu hordofuu keessaa tokko filachuun isaanii hin oolu