Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

“Garaa Kee Eeggadhu”

“Garaa Kee Eeggadhu”

Solomoon hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Wantoota hundumaa caalaa garaa kee eeggadhu” jedhee barreesseera. (Fak 4:23) Kan nama gaddisiisu garuu Israaʼeloonni warri saba Waaqayyoo taʼan, “garaa isaanii guutuudhaan” Yihowaa dura deddeebiʼuu dhaabaniiru. (2Se 6:14) Solomoon Mootichi illee haadhotiin manaa isaa warri waaqolii sobaa waaqeffatan garaan isaa waaqolii sobaatti akka jalʼatu godhaniiru. (1Mo 11:4) Garaa keenya eeggachuu kan dandeenyu akkamitti? Gaaffiin kun mata duree qoʼannaa Masaraa Eegumsaa Amajjii 2019 fuula 14-19 irratti argamudha.

VIIDIYOO BARUMSA MASARAA EEGUMSAA IRRAA ARGANNU—GARAA KEESSAN EEGGADHAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

Kiristiyaanonni kun dhiibbaan amantii isaanii laaffisu akkamii isaan mudatee ture? Mata dureen qoʼannaa kun garaa isaanii eeggachuuf kan isaan gargaare akkamitti?

  • Bireentii fi Laawuran

  • Umjaay

  • Happii Laayuu

Mata dureen qoʼannaa kun siinoo kan si gargaare akkamitti?