Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Yihowaa Akka Garbaatti Tajaajilaa”

“Yihowaa Akka Garbaatti Tajaajilaa”

“Hojii keessanitti hin dhibaa’inaa! . . . Yihowaa akka garbaatti tajaajilaa!”​—ROM. 12:11, NW.

1. Yaada namoonni garbummaa ilaalchisee qaban, garbummaa Roomaa 12:11⁠rratti jajjabeeffamee wajjin walbira qabii ibsi.

KARAAN Kiristiyaanonni garba itti ta’an isa namoonni hedduun garbummaa ilaalchisee yaadanirraa addadha. Namoonni kun garba ta’uun, humnaan bitamuu, hacuucamuufi jal’inaan qabamuu akka ta’etti yaadu. Haata’u malee, Dubbiin Waaqayyoo garba ta’uun nama Gooftaasaa jaalalaan kaka’ee tajaajilus akka argisiisu dubbata. Phaawulos ergamaan, ‘Yihowaa akka garbaatti akka tajaajilan’ Kiristiyaanota jaarraa tokkoffaa yommuu gorsu, jaalalaan kaka’anii Waaqayyoon akka tajaajilan isaan jajjabeessuusaa ture. (Rom. 12:11) Garbummaan akkasii maalfaa dabalata? Seexanaafi biyya lafaa inni bulchuuf garboota ta’uurraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? Garba Yihowaa ta’anii amanamummaadhaan isa tajaajiluun eebba akkamii argamsiisa?

“ANI GOOFTAA KOO . . . NAN JAALLADHA”

2. (a) Wanti garbi tokko carraa bilisa itti ta’u dhiisuuf isa kakaasu maalidha? (b) Garbichi tokko gurrisaa akka uramu gochuunsaa maal argisiisa?

2 Seera Waaqayyo Israa’elootaaf kennee turerraa, Yihowaan garba akkamii akka taanu akka barbaadu baranna. Sanyii Ibrootaa keessaa namni garba ta’e tokko waggaa torbaaf erga tajaajilee booda birmaduu ba’uu danda’a. (Bau. 21:2) Haata’u malee, Yihowaan garbichi gooftaasaa jaallateefi isaaf hojjechuusaa itti fufuu barbaade, mirga addaa tokko akka argatu godheera. Gooftaansaa garbicha sana gara balbalaatti ykn michichilaatti dhiheessee mutaadhaan gurrasaa ura. (Bau. 21:5, 6) Akkaataan kun itti raawwatamu gurraa wajjin kan wal qabate ta’uunsaa xiyyeeffannaan kan kennamuufidha. Afaan Ibrootaatiin abboomamuun, dhaga’uufi dhaggeeffachuu wajjin hariiroo kan qabudha. Garbichi gooftaasaa tajaajiluu barbaade fedhiidhaan abboomamuusaa itti fufa. Kun murtoo jaalalaan kakaanee Yihowaadhaaf abboomamuuf goone yaadachuuf kan nu gargaarudha.

3. Waaqayyoof kan of murteessinu maaliifi?

3 Yommuu cuuphamuuf jennetti, dursinee garbicha Yihowaa ta’uudhaan akka isa tajaajillu murteessinee turre. Yihowaadhaaf kan of murteessine isaaf abboomamuufi fedhiisaa raawwachuuf hawwii waan qabnuufidha. Kana akka goonu namni nu dirqisiise hin jiru! Dargaggoonnillee, Yihowaadhaaf of murteessuudhaan kan cuuphaman, warrasaanii gammachiisuu waan barbaadaniif miti. Kiristiyaanonni dhugaan Yihowaa isa Gooftaasaanii ta’eef kan of murteessan, waan isa jaallataniifidha. Yohannis ergamaan, “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha” jechuudhaan barreesseera.​—1 Yoh. 5:3.

BIRMADUU KAN BAANE TA’US GARBOOTADHA

4. ‘Hojjetaa qajeelinaa ta’uuf’ maaltu barbaachisa?

4 Yihowaan garbootasaa ta’uu akka dandeenyu waan godheef baay’ee galateeffanna! Amantiin aarsaa furii Kiristosirratti qabnu garbummaa cubbuu jalaa akka baanu nu gargaareera. Mudaa kan qabnu ta’ullee, aangoo Yihowaafi Yesus jalatti buluuf fedhaan of dhiheessina. Phaawulos xalayaasaa isa tokkorratti waa’ee kanaa yommuu ibsu, “Akka warra cubbuu jalaa du’anii, karaa Kristos Yesus Waaqayyoof jiraataniitti of lakkaa’aa!” jechuudhaan barreesseera. Achiis akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “Waan tokko of irratti gooftaa godhattanii harka isaa jala yoo of galchitan, isin wanta sanaaf garba akka taatan hin beektanii ree? Cubbuudhaaf yoo abboomamtan du’aaf, Waaqayyoof yoo abboomamtan qajeelinaaf in bultu. Waaqayyoon galanni haa ga’u! Isin dur garboota cubbuu turtan; amma garuu qomoo barsiisa keenyaa isa itti kennamtan sanaaf garaa guutuudhaan abboomamtaniittu. Cubbuu jalaa luba baatanii, hojjetaa qajeelinaa taataniittu.” (Rom. 6:11, 16-18) Phaawulos “garaa guutuudhaan abboomamtaniittu” jechuusaa yaadadhaa. Yihowaadhaaf of murteessuun keenya ‘hojjetaa qajeelinaa akka taanu’ nu godheera.

5. Hundi keenya maalii wajjin qabsoo gochuu qabna? Maaliif?

5 Haata’u malee, murtoo goone wajjin haala wal simuun yommuu jiraannu, wantonni gufuu nutti ta’an lama jiru. Inni tokkoffaan qabsoo Phaawulosiinis mudatee turedha. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Ani keessa namummaa kootiitiin seera Waaqayyootti nan gammada. Seerri kan biraa immoo bu’aa dhagna kootii keessaa, seera isa yaadni garaa kootii fudhatee wajjin utuu wal loluu nan arga; lola kanaanis seera cubbuu, isa bu’aa dhagna kootii keessatti hojjechaa jiru jalatti na boojisiisa.” (Rom. 7:22, 23) Nutis cubbuu waan dhaalleef, dhiibbaa fedhiin foon keenyaa nurraan geessisuu wajjin qabsoo walirraa hin cinne goona. Phexros ergamaan, “Akka warra birmaduu Waaqayyoof garboota ta’aniitti jiraadhaa! Garuu birmadummaan keessan kan ittiin hamaa hojjettanii dhoksitan hin ta’in” jechuudhaan nu gorseera.​—1 Phe. 2:16.

6, 7. Seexanni, biyyi lafaa akka nu hawwatu kan godhu akkamitti?

6 Lammaffaa, biyya lafaa dhiibbaa hafuurota hamoo jala jiruu wajjin qabsoo gochuu qabna. Seexanni inni biyya lafaa kana bulchu amanamummaa nuti Yihowaafi Yesusiif qabnu balleessuuf wanta isaaf danda’ame hunda godha. Seexanni dhiibbaawwan addaddaatiin akka mo’amnu gochuudhaan garbootasaa akka taanu barbaada. (Efesoon 6:11, 12 dubbisi.) Karaawwan inni kana itti godhu keessaa tokko, biyyi lafaa akka nu hawwatu gochuudha. Yohannis ergamaan akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “Namni tokko biyya lafaa jaallachuutti yoo hidhame, Waaqayyo abbaa jaallachuun isa keessa hin jiru. Wanti biyya lafaa keessa jiru hundinuu, hawwiin foonii, hawwiin ijaas, jireenyaan kooruunis biyya lafaa keessaa ba’a malee, abbaa biraa hin ba’u.”​—1 Yoh. 2:15, 16.

7 Hawwiin qabeenya horachuu biyya lafaa keessatti babal’ateera. Seexanni, yaada ‘gammachuu argachuuf qarshii hedduu qabaachuun barbaachisaadha’ jedhu babal’isa. Manneen nagadaa gurguddaan bakka hundumaa jiru. Beeksisawwan jireenya qabeenyaafi qananiirratti xiyyeeffate akka jiraannu kan jajjabeessanidha. Dhaabbileen iddoo garaagaraa daawwachiisan, namoota ilaalcha biyya lafaa qabanii wajjin ta’uudhaan, naannoo bareedaa ta’e akka daawwannu jajjabeessu. Wantoonni nuu dhihaatan hundi kan qophaa’an, jireenya “fooyya’aa” ulaagaa biyyi lafaa baasurratti hundaa’e akka jiraannuufidha.

8, 9. Balaan nu mudachuu danda’u maalidha? Maaliif?

8 Phexros Kiristiyaanota jaarraa tokkoffaa akka namoota biyya lafaatti yaaduu jalqabanii turan akkas jedhee akeekkachiiseera: “Isaan guyyaa guutuu jireenya keessa-ba’aa jiraachuudhaan kajeellaa isaanii isa hamaa raawwachuutti in gammadu; kajeellaa isaanii isa hamaatti jireenya keessa-ba’aa jiraachaa, yeroo isinii wajjin nyaatan, isaan xurii fi mudaa isinitti in ta’u. Dubbii gowwummaa isaaniitiin guddisanii of in jaju, akka kajeellaa foon isaaniitti gad-dhiisatti jiraachuu isaaniitiinis, warra irraa kaachuutti jiraatan keessaa namoota reefuu baqatanii ba’an wallaalchisanii kiyyoo isaaniitti in galchu. Warra kana birmadummaa in abdachiisu, garuu ofii isaaniitii iyyuu garboota badiisaa ti; namni waanuma akka gooftaatti isa mo’eef garbicha in ta’a.”​—2 Phe. 2:13, 18, 19.

9 ‘Hawwii ijaa’ guuttachuun birmaduu nama hin baasu. Kanaa mannaa, garba Seexana isa ijaan hin argamneefi bulchaa biyya lafaa ta’ee nama godha. (1 Yoh. 5:19) Qabeenya horachuuf carraaqqii gochuun, garbummaa keessaa ba’uun baay’ee rakkisaa ta’etti nama galcha.

HOJII NAMA GAMMACHIISU

10, 11. Seexanni keessumaa yeroo har’aa eenyurratti xiyyeeffata? Barumsi biyya lafaa rakkina kan isaanirratti uumu akkamitti?

10 Seexanni akkuma Eedenitti godhe yeroo har’aas namoota muuxannoo hin qabnerratti xiyyeeffata. Keessumaa dargaggootarratti baay’ee xiyyeeffata. Dargaggoota dabalatee, eenyuyyuu fedhaan Yihowaadhaaf garba ta’uuf yommuu of dhiheessu hin gammadu. Seexanni, namoonni Yihowaadhaaf of murteessan hundi isaaf akka hin bulle, akkasumas amanamummaasaanii akka hin eegne barbaada.

11 Mee fakkeenya garbicha isa gurrisaa akka uramu fedhiidhaan of dhiheessee irra deebinee haa ilaallu. Garbichi kun yeroodhaaf akka isa dhukkubu beekamaadha; haata’u malee mallattoo gooftaasaa jireenyasaa guutuu tajaajiluu akka barbaade argisiisu isarratti uuma. Haaluma wal fakkaatuun, dargaggoonni jireenya hiriyootasaaniirraa adda ta’e jiraachuun kan isaanitti ulfaatu ta’uusaarrayyuu isaan dhiphisuu danda’a. Seexanni hojiin biyya lafaa gammachuu kan argamsiisu akka ta’e godhee dhiheessa; ta’us Kiristiyaanonni fedhii hafuuraasaanii guuttachuun baay’ee barbaachisaa ta’uusaa xiyyeeffannaa keessa galchuu qabu. Yesus, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri ta’an haa gammadan” jedhee barsiiseera. (Mat. 5:3) Kiristiyaanonni Yihowaadhaaf of murteessan, kan jiraatan fedhii Yihowaa raawwachuuf malee kan Seexanaa raawwachuuf miti. Seera Yihowaatti kan gammadan yommuu ta’u, halkaniifi guyyaa seericharratti xiinxalu. (Faarfannaa 1:1-3 dubbisi.) Haata’u malee, barumsi biyyi lafaa kun dhiheessu, tajaajiltoonni Yihowaa xiinxaluufi fedhii hafuuraasaanii guuttachuuf yeroo akka hin arganne kan godhudha.

12. Yeroo har’aa dargaggoonni hedduun filannaa akkamii qabu?

12 Gooftaan biyya lafaa tokko, jireenyi Kiristiyaana garba ta’e tokkoo akka itti ulfaatu gochuu danda’a. Phaawulos ergaasaa isa duraa warra Qorontosiif ergerratti, “Waaqayyo yommuu si waame garbummaa jala turtee?” jedhee kan gaafate yommuu ta’u, achiis “Kun si hin dhibin! Birmadummaa argachuu yoo dandeesse immoo, caalaatti itti jabaadhu” jechuudhaan gorsa kenneera. (1 Qor. 7:21) Garbi tokko gooftaa jireenyi akka itti ulfaatu godhu qaba taanaan, garbummaa jalaa ba’uuf filannaa gochuunsaa gaarii ta’a. Yeroo har’aa biyyoota hedduu keessatti dargaggoonni hamma umrii ta’e tokkootti barachuu akka qaban irraa eegama. Achiis filannaan barattoota kanaaf dhihaatu jira. Kiristiyaanni tokko biyya lafaa kana keessatti hojii argachuuf jecha barumsa sadarkaa olaanaa barachuunsaa, yeroo guutuu Yihowaa tajaajiluun akka itti ulfaatu gochuu danda’a.​—1 Qorontos 7:23 dubbisi.

Gooftaa kamiif garba ta’uu barbaadda?

BARUMSA SADARKAA OLAANAAMOO BARUMSA HUNDA CAALU?

13. Gosti barumsaa tajaajiltoota Yihowaa caalaatti fayyadu isa kami?

13 Phaawulos Kiristiyaanota Qolosaayis akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “Namni tokko illee akka barsiisa Kristositti utuu hin ta’in, yaada mataa isaa keessaa ba’ee fi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen isin hin harkisin; akka barsiisa amala namaatti akka isa hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaatamaniitti isin hin booji’in; kana hundumaattiis of eeggadhaa!” (Qol. 2:8) ‘Yaada mataa keessaa ba’e, gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneefi akka barsiisa amala namaatti’ kan jedhame barumsa beektonni hedduun babal’isaa jiranidha. Barumsi sadarkaa olaanaa, barumsa yaadaa qofarratti waan xiyyeeffatuuf, yeroo baay’ee barattoonni sun ennaa eebbifamanitti ogummaa muraasa qofa qabaatu ykn sirumaa hin qabaatan; kunimmoo rakkina jireenya keessatti isaan mudatuuf qophaa’oo akka hin taane isaan godha. Haala kanarraa adda ta’een, tajaajiltoonni Yihowaa jireenya salphaa ta’e jiraachuudhaan Waaqayyoon tajaajiluu akka danda’aniif, barumsa ogummaa barbaachisaa ta’e isaaniif argamsiisu filatu. Gorsa Phaawulos, “Nama Waaqayyoo ta’uun, nama wanta qabuun of danda’ee jiraatu biratti bu’aa guddaa qaba. Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaan nu ga’a” jechuudhaan Ximotewosiif kenne hubataniiru. (1 Xim. 6:6, 8) Kiristiyaanonni dhugaan barumsa biyya lafaatiin digiriifi maqaa kabajaa argachuu mannaa, namoonni duuka buutota Yesus akka ta’an gargaaruudhaan ‘caaffata isaaniif dubbatu’ argachuurratti xiyyeeffatu. Kana kan godhanimmoo hanga isaaniif danda’ame guutummaatti tajaajilarratti hirmaachuudhaani.​—2 Qorontos 3:1-3 dubbisi.

14. Akkuma Filiphisiiyus 3:8⁠rratti ibsame, Phaawulos mirga Waaqayyoofi Kiristosiif garba ta’uudhaan argate kan ilaale akkamitti?

14 Mee haala Phaawulos ergamaa haa ilaallu. Barsiisaa Seera Yihudootaa kan ta’e Gamaali’elirraa baratee ture. Barumsa Phaawulos barate, barumsa yeroo har’aa yunivarsiitiitti kennamuu wajjin walbira qabuun ni danda’ama. Haata’u malee, Phaawulos barumsa kana mirga Waaqayyoofi Kiristosiif garba ta’uudhaan argatee wajjin yommuu walbira qabu akkamitti ilaale? Akkas jechuudhaan barreesseera: “Gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa’a; Kristosin bu’aa koo godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame ta’eera; akka kosiittis isa lakkaa’eera.” (Filp. 3:8) Ilaalchisaa kun, barumsaa wajjin haala wal qabateen dargaggoonni Kiristiyaana ta’aniifi warrisaanii Waaqayyoof bulan, filannaa ogummaarratti hundaa’e akka godha kan gargaarudha. (Fakkiiwwan ilaali.)

BARUMSA HUNDA CAALURRAA FAAYIDAA ARGACHUU

15, 16. Jaarmiyaan Yihowaa barumsa akkamii dhiheessa? Kaayyoon barumsa kanaahoo maalidha?

15 Haalli dhaabbilee barumsa sadarkaa olaanaa hedduu keessa jiru maal fakkaata? Yeroo baay’ee iddoowwan kun iddoo fincilli siyaasaafi hawaasaa itti raawwatamudha. (Efe. 2:2) Haala kanarraa adda ta’een, jaarmiyaan Yihowaa gumii Kiristiyaanaa gammachiisaa ta’e keessatti barumsa hunda caalu dhiheessa. Hundi keenya Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban torbaniin dhihaaturraa faayidaa argachuu dandeenya. Leenjiin addaa obboloota qajeelchaafi qeentee ta’aniif (Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Obboloota Qeentee) akkasumas hiriyoota gaa’elaa qajeelchitoota ta’aniif (Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Hiriyoota Gaa’elaa) ni kennama. Barumsi akkasii Gooftaa keenya isa samii kan ta’e Yihowaadhaaf abboomamuuf nu gargaara.

16 Indeeksii Barreeffamoota Waldaa Masaraa Eegumsaa ykn Waachtaawar Laayibirarii siidiidhaan qophaa’etti fayyadamuudhaan beekumsa hafuuraa gad fageenya qabu argachuu dandeenya. Kaayyoon barumsawwan kanaa inni guddaan, Yihowaadhaaf waaqeffannaa dhiheessuudha. Akkasumas namoonni kaan Waaqayyotti akka araaraman gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e nu barsiisu. (2 Qor. 5:20) Kunimmoo isaanis deebisanii warra kaan akka barsiisan isaan gargaara.​—2 Xim. 2:2.

EEBBA GARBI TOKKO ARGATU

17. Barumsa hunda caalu filachuun eebba akkamii argamsiisa?

17 Yesus fakkeenya waa’ee meetii dubbaterratti hojjettoonni amanamoon lamaan kan galateeffataman si’a ta’u, hojii dabalataa argachuudhaan gammachuu gooftaansaaniirratti hirmaataniiru. (Maatewos 25:21, 23 dubbisi.) Yeroo har’aa barumsa hunda caalu filachuun gammachuufi eebba hedduu argamsiisa. Fakkeenya Mikaa’el haa ilaallu. Barumsasaarratti qabxii guddaa waan galmeessiseef, barsiistonnisaa carraa inni yunivarhsiitii galuuf qaburratti mari’achuuf kan walitti qabaman si’a ta’u, isas afeeranii turan. Mikaa’el yunivarsiitii galuu mannaa barumsa yeroo gabaabaa barachuudhaan of gargaaraa qajeelchaa ta’uu akka barbaadu yommuu isaanii ibsetti ni ajaa’ibsiifatan. Hamma tokko waa akka dhabe itti dhaga’ameeraa laata? Mikaa’el akkas jechuudhaan dubbateera: “Barumsi ti’ookraasii ani qajeelchaa ta’uudhaan argadheefi yeroo ammaammoo jaarsa gumii ta’ee tajaajiluunkoo gatii guddaa kan qabudha. Eebbiifi mirgi ani argadhe qarshii ani argachuu danda’u kamirrayyuu kan caaludha. Barumsa sadarkaa olaanaa hordofuu dhiisuu kootti baay’een gammada.”

18. Barumsa hunda caalu akka hordoftu kan si kakaase maalidha?

18 Barumsi hunda caalu fedha Waaqayyoo nu barsiisa; akkasumas garba Yihowaa ta’uuf nu gargaara. Barumsi kun carraa ‘garbummaa isa wanta badu akka taanu nu godhe jalaa luba itti baanu’ nuu bana; akkasumas yeroo boodammoo “birmadummaa ijoollee Waaqayyoo ulfina qabaniitti” nu geessa. (Rom. 8:21) Hunda caalaammoo, Yihowaa Gooftaa keenya isa samii dhugumaan akka jaallannu akkamitti argisiisuu akka dandeenyu nu barsiisa.​—Bau. 21:5.