Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaabni Qulqulluun Saalqunnamtii Saala Wal Fakkaatu Gidduutti Raawwatamu Ilaalchisee Maal Jedha?

Kitaabni Qulqulluun Saalqunnamtii Saala Wal Fakkaatu Gidduutti Raawwatamu Ilaalchisee Maal Jedha?

BIYYOOTA hedduutti gaaʼelli namoota saala wal fakkaatan gidduutti raawwatamu namoota wal falmisiisaa jira. Haa taʼu malee Manni Murtii Walii Galaa Yunaayitid Isteetis bara 2015 tti gaaʼelli saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu guutummaa biyyattiitti seera biratti fudhatama akka argate labseera. Sana booda lakkoofsi namoota mata duree kana ilaalchisee Intarneetii daawwatanii akka malee dabaleera. Gaaffiiwwan guguddaa taʼan keessaa inni tokko, “Kitaabni Qulqulluun gaaʼela saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu ilaalchisee maal jedha?” kan jedhu dha.

Kitaabni Qulqulluun namoonni saala wal fakkaatu qaban gaaʼela godhachuuf mirga qabaachuu fi dhiisuu isaanii hin dubbatu. Gaaffiin caalaatti barbaachisaa taʼe, Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu ilaalchisee maal jedha? kan jedhu dha.

Namoonni hedduun Kitaaba Qulqulluu gad fageenyaan utuu hin qorin deebii gaaffii kanaa akka beekan itti dhagaʼama; haa taʼu malee, deebiin isaan kennan kan wal faallessu dha! Namoonni tokko tokko Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii akkanaa ifatti akka balaaleffatu dubbatu. Kaan immoo, ajajni Kitaaba Qulqulluu, ‘nama akka ofii keenyaatti akka jaallannu’ nuuf kenname, saalqunnamtii gosa hundaa raawwachuu kan deggeru akka taʼe dubbatu.—Roomaa 13:9.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Yaadawwan armaan gadii keessaa isa kamtu dhugaa sitti fakkaata?

  1. Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu ni balaaleffata.

  2. Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu ni deggera.

  3. Kitaabni Qulqulluun namoota saala wal fakkaatu gidduutti saalqunnamtii raawwatan akka jibbinu nu jajjabeessa.

DEEBII:

  1. DHUGAA. Kitaabni Qulqulluun, “Warri nama gadhoomsan . . . Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan” jedha. (1 Qorontos 6:9, 10) Seerri kun dubartootaafis ni hojjeta.—Roomaa 1:26.

  2. SOBA. Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtiin raawwatamuu kan qabu, dhiiraa fi dubartii wal fuudhan gidduutti qofa akka taʼe barsiisa.—Uumama 1:27, 28; Fakkeenya 5:18, 19.

  3. SOBA. Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii namoota saala wal fakkaatu qaban gidduutti raawwatamu kan balaaleffatu taʼus, namoota gocha kana raawwatan jibbuu, yakka isaan irratti raawwachuu ykn miidhaa akkamii iyyuu isaan irratti geessisuu hin jajjabeessu.—Roomaa 12:18. [1]

Dhugaa Baatonni Yihowaa Maal Jedhanii Amanu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa seerri Kitaabni Qulqulluun amala ilaalchisee kennu ulaagaa jireenyaa isa hunda irra caalu akka taʼe ni amanu; akkasumas seera kanaan geggeeffamuu ni filatu. (Isaayaas 48:17) [2] Kana jechuun, Dhugaa Baatonni Yihowaa saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu dabalatee, saalqunnamtii seeraan ala taʼe hunda irraa ni fagaatu jechuu dha. (1 Qorontos 6:18) [3] Dhugaa Baatonni Yihowaa akkaataa jireenyaa kana ni filatu; akka kanaan jiraachuuf immoo mirga qabu.

Dhugaa Baatonni Yihowaa wanta namoonni akka isaaniif godhan barbaadan, isaanis akkanuma isaaniif gochuudhaan, Seera Isa Beekamaa hordofuuf yaalii godhu

Haa taʼu malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa “namoota hunda wajjin nagaadhaan jiraachuuf” carraaqqii godhu. (Ibroota 12:14) Dhugaa Baatonni Yihowaa, saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu kan balaaleffatan taʼus, namoonni kaan ilaalcha isaanii akka fudhatan hin dirqisiisan; yakka namoota saala wal fakkaatu gidduutti saalqunnamtii raawwatan irra gaʼu irratti hin hirmaatan ykn waaʼee yakkawwan akkanaa yommuu dhagaʼan hin gammadan. Dhugaa Baatonni Yihowaa wanta namoonni akka isaaniif godhan barbaadan, isaanis akkanuma isaaniif gochuudhaan, Seera Isa Beekamaa hordofuuf yaalii godhu.—Maatewos 7:12.

Kitaabni Qulqulluun Nama Jibbuu ni Jajjabeessaa?

Namoonni tokko tokko garuu Kitaabni Qulqulluun namoota saala wal fakkaatu qaban gidduutti saalqunnamtii raawwatan jibbuu akka jajjabeessu, akkasumas namoonni seera Kitaaba Qulqulluu eegan namoota akkanaa mormuu akka qaban akka dubbatu ibsu. Namoonni kun, ‘Kitaabni Qulqulluun kan barreeffame yeroo namoonni ilaalcha dhiphaa qabanitti dha. Yeroo ammaatti namoota qomoo fi lammummaa akkamii iyyuu qaban, akkasumas saalqunnamtii akkamii iyyuu raawwachuu barbaadan ni simanna’ jedhu. Namoonni kun, saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu jibbuun, namoota bifa addaa qaban jibbuu wajjin tokko akka taʼetti ilaalu. Wantoota kana wal bira qabuun sirrii dhaa? Sirrii miti. Maaliif?

Sababiin isaas gocha saala wal fakkaatu gidduutti saalqunnamtii raawwachuu jibbuu fi namoota saala wal fakkaatu gidduutti saalqunnamtii raawwatan jibbuu gidduu garaa garummaan jira. Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni namoota akaakuu hundumaa akka kabajan dubbata. (1 Pheexiros 2:17) [4] Kana jechuun garuu, gochawwan akaakuu hundaa fudhachuu qabu jechuu miti.

Fakkeenya tokko ilaali: Tamboo xuuxuu akka wanta nama miidhuu fi akka wanta gadhee taʼeetti ilaalta haa jennu. Haa taʼu malee, namni sii wajjin hojjetu tokko tamboo kan xuuxu yoo taʼe maal goota? Tamboo xuuxuu ilaalchisee ilaalchi ati qabdu kan isaa irraa adda waan taʼeef qofa, ilaalcha dhiphaa akka qabdutti ilaalamtaa? Inni tamboo waan xuuxuu fi ati immoo waan hin xuuxneef isa jibbita jechuu dhaa? Namni wajjin hojjettu sun ilaalcha ati tamboo xuuxuuf qabdu akka jijjiirtu dhiibbaa yoo si irratti godhe, kun akka nama ilaalcha dhiphaa qabuu fi obsa hin qabnetti isa hin lakkoofsisuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa akka seera amalaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsametti jiraachuu filatu. Gochawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti dhowwaman hin deggeran. Haa taʼu malee, namoota wanta isaan godhan irraa adda taʼe raawwatanitti hin qoosan ykn isaan hin miidhan.

Ilaalchi Kitaaba Qulqulluu Gara Jabina Calaqqisiisaa?

Namoonni saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamuuf fedhii qaban hoo? Namoonni kun fedhii kanaa wajjin dhalatanii? Utuu akkana taʼee, silaa fedhii isaanii kana akka hin raawwanne isaanitti himuun gara jabina hin taʼuu?

Kitaabni Qulqulluun amalawwan ilmaan namootaa tokko tokko hidda kan fageeffatan akka taʼan kan ibsu taʼus, saala wal fakkaatu gidduutti saalqunnamtii raawwachuun kaʼumsi isaa maal akka taʼe hin dubbatu. Taʼus Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaanne, saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu dabalatee, amalawwan tokko tokko irraa fagaachuu akka qabnu ibsa.—2 Qorontos 10:4, 5.

Namoonni tokko tokko ilaalchi Kitaaba Qulqulluu gara jabina akka calaqqisu dubbatu. Haa taʼu malee, jechi isaanii kun fedhiiwwan keenya, keessumaa immoo fedhiin saalqunnamtii raawwachuuf qabnu baayʼee barbaachisaa waan taʼeef toʼatamuu hin qabu, akkasumas toʼatamuu hin dandaʼu jedhanii yaaduu isaanii irraa kan madde dha. Kitaabni Qulqulluun garuu ilmaan namootaa fedhii isaanii moʼuu akka dandaʼan dubbachuudhaan isaaniif ulfina kenna. Bineensota irraa haala adda taʼeen, fedhiiwwan isaanii toʼachuuf filannaa gochuu dandaʼu.—Qolosaayis 3:5. [5]

Fakkeenya tokko ilaali: Hayyoonni tokko tokko amalawwan kan akka aarii jiran uumama keenyaa wajjin kan wal qabatan akka taʼan dubbatu. Kitaabni Qulqulluun aariin uumama keenyaa wajjin kan wal qabate akka taʼe kan hin ibsine taʼus, namni tokko tokko “dheekkamaa” fi “aaraa” akka taʼe dubbata. (Fakkeenya 22:24; 29:22) Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, “Dheekkamuu irraa of dhowwi, banbanuus dhiisi” jedha.—Faarfannaa 37:8; Efesoon 4:31.

Namoonni hedduun gorsa kana irratti walii galu; ykn gorsi kun namoota dafanii aaraniif gara jabinaan kan kenname akka hin taane dubbatu. Hayyoonni aariin wanta namni tokko uumamaan qabu akka taʼe godhanii amanan illee, namoonni sun amala akkanaa akka toʼatan gargaaruuf carraaqqii guddaa godhu.

Dhugaa Baatonni Yihowaa gocha seera Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu akkamii iyyuu ilaalchisee ejjennoo kanaa wajjin wal fakkaatu qabu. Kun immoo saalqunnamtii saala wal fakkaatu gidduutti raawwatamu qofa utuu hin taʼin, saalqunnamtii namoota wal hin fuune gidduutti raawwatamus kan dabalatu dha. Haalawwan kana hunda keessatti gorsi Kitaaba Qulqulluu, “Isin keessaa tokkoon tokkoon namaa qulqullummaa fi ulfinaan akkamitti qaama isaa akka toʼatu beekuu qaba; kunis . . . sassataa fi fedha saalqunnamtii toʼannaa hin qabneen hin taʼin” jedhu ni hojjeta.—1 Tasalonqee 4:4, 5.

“Isin Keessaa Tokko Tokkos Namoota Akkanaa Turtan”

Jaarraa jalqabaatti namoonni Kiristiyaanota taʼuu barbaadanii turan akkaataa guddinaa fi akkaataa jireenyaa adda addaa keessaa kan dhufan turan; isaan keessaa tokko tokko immoo akkaataa jireenyaa isaanii irratti jijjiirama guddaa godhaniiru. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun waaʼee ‘warra halalee, warra waaqolii tolfamoo waaqeffatanii, waaʼee ejjitootaa fi waaʼee warra gadhaaʼanii’ erga dubbatee booda itti dabaluudhaan,“Isin keessaa tokko tokkos namoota akkanaa turtan” jedha.—1 Qorontos 6:9-11.

Kitaabni Qulqulluun, “Isin keessaa tokko tokkos namoota akkanaa turtan” yommuu jedhu, namoonni saala wal fakkaatu gidduutti saalqunnamtii raawwachuu isaanii dhiisan sun, sana booda matumaa fedhii akkanaa hin qaban turan jechuu dhaa? Kitaabni Qulqulluun gorsa, “Hafuuraan deddeebiʼuu keessan itti fufaa; yoo akkas gootan matumaa fedhii foonii hin raawwattan” jedhu waan kennuuf, haalli isaa matumaa akkana taʼuu hin dandaʼu.—Galaatiyaa 5:16.

Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanni tokko matumaa fedhii dogoggora taʼe hin qabaatu akka hin jenne qalbeeffadhu. Kanaa mannaa inni ykn ishiin fedhii sana raawwachuu dhiisuuf filachuu akka dandaʼan dubbata. Kiristiyaanonni fedhiiwwan akkanaa irratti xiinxalanii raawwachuu mannaa, fedhiiwwan kana toʼachuu ni baratu.—Yaaqoob 1:14, 15. [6]

Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun fedhii fi gocha gidduu garaa garummaan akka jiru dubbata. (Roomaa 7:16-25) Namni saala wal fakkaatu gidduutti saalqunnamtii raawwachuuf fedhii qabu akkuma fedhii aarii, halalummaa fi sassata dabalatee fedhii dogoggora taʼe kam iyyuu toʼachuu dandaʼu, wanta sammuun isaa irratti xiinxalus toʼachuu ni dandaʼa.—1 Qorontos 9:27; 2 Pheexiros 2:14, 15.

Dhugaa Baatonni Yihowaa amala ilaalchisee seerri Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, jireenya hunda irra caalu akka argamsiisu ni amanu. Haa taʼu malee, warri kaan ilaalcha isaanii akka fudhatan dhiibbaa irratti hin godhan; akkasumas seerawwan mirga namoomaa warra akkaataa jireenyaa kan isaanii irraa adda taʼe jiraatan eeguuf baʼe garagalchuuf yaalii hin godhan. Ergaan Dhugaa Baatonni Yihowaa qabatan gaarii dha; ergaa kanas namoota dhaggeeffatan hundaaf hawwiidhaan ni lallabu.—Hojii Ergamootaa 20:20.

^ 1. Roomaa 12:18: “Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa.”

^ 2. Isaayaas 48:17: “Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waaʼee siif baasu si barsiisu . . . dha.”

^ 3. 1 Qorontos 6:18: “Halalummaa irraa baqadhaa!”

^ 4. 1 Pheexiros 2:17: “Namoota akaakuu hundumaa kabajaa.”

^ 5. Qolosaayis 3:5: “Kanaaf, kutaawwan qaama keessanii warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, fedha saalqunnamtii toʼannaa hin qabne.”

^ 6. Yaaqoob 1:14, 15: “Namni hundi yommuu fedha ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama. Achiis fedhiin erga ulfooftee booda cubbuu dhalti.”