Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ogummaa Maatii Gammachuu Qabu Horachuuf Gargaaru

Ogummaa Maatii Gammachuu Qabu Horachuuf Gargaaru

Gaaʼellii fi ijoolleen kennaa addaa Uumaa keenya biraa arganne dha. Inni maatiin keenya gammachuu akka qabaatu barbaada. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee qajeelfama maatii gaarii fi gammachuu qabu qabaachuuf nu gargaaru nuuf kenneera. Mee gorsawwan ogummaa irratti hundaaʼanii fi armaan gaditti tarreeffaman irratti yaadi.

Abbootiin Manaa, Haadhotii Manaa Keessan Jaalladhaa

“Abbootiin manaa akkuma qaama isaaniitti haadhotii manaa isaanii haa jaallatan. Namni haadha manaa isaa jaallatu of jaallata; namni qaama ofii jibbu tokko illee hin jiru; kanaa mannaa, ni soora, akkasumas ni kunuunsa.”—EFESOON 5:28, 29.

Abbaan manaa mataa maatii dha. (Efesoon 5:23) Taʼus, abbaan manaa gaariin gara jabeessa miti. Kanaa mannaa, haadha manaa isaatiif iddoo guddaa kenna. Kana malees, karaa qaamaas taʼe karaa miiraa ishii kunuunsa. Yeroo hunda wanta ofii barbaadu irratti xiyyeeffachuu mannaa ishii gammachiisuuf wanta isaaf dandaʼame hunda godha. (Filiphisiyus 2:4) Miira isaa ifatti ishiitti hima, yeroo ishiin dubbattus ishii dhaggeeffata. Ishiitti ‘hin dheekkamu’ ykn karaa qaamaas taʼe karaa miiraa ishii hin miidhu.—Qolosaayis 3:19.

Haadhotiin Manaa, Abbootii Manaa Keessan Kabajaa

“Haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu.”—EFESOON 5:33.

Haati manaa abbaa manaa ishii yeroo kabajjuu fi murtoo isaa yeroo deeggartu maatichi nagaa akka qabaatu gooti. Yeroo dogoggora raawwatu isa tuffachuu mannaa, garraamii taʼuu fi kabaja isatti argisiisuu ishii itti fufti. (1 Pheexiros 3:4) Yeroo rakkina tokko itti himuu barbaaddutti, yeroo gaarii taʼe filatti, akkasumas kabajaan isa haasofsiisti.—Lallaba 3:7.

Hiriyaa Gaaʼelaa Keessaniif Amanamoo Taʼaa

‘Namni haadha manaa isaatti ni maxxana; isaan foon tokko taʼu.’—UUMAMA 2:24.

Dhiirri tokkoo fi dubartiin tokko yommuu gaaʼela dhaabbatanitti walitti dhufeenya cimaa qabaatu. Kanaafuu, hiriyoonni gaaʼelaa garaadhaa waliin haasaʼuudhaan, akkasumas gaarummaa walitti argisiisuudhaan gaaʼelli isaanii cimaa taʼee akka itti fufu gochuuf jabaatanii hojjechuu qabu. Gaaʼelaa alatti saalqunnamtii raawwachuu irraa fagaachuudhaan walii isaaniitiif amanamoo taʼuu qabu. Namni gocha akkasii raawwatu hiriyaa gaaʼelaa isaa irratti miidhaa guddaa geessisa. Gochi akkasii akka isaan wal hin amanne godha, akkasumas gaaʼela diiguu dandaʼa.—Ibroota 13:4.

Warri Ijoollee Keessan Leenjisaa

“Mucaa karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.”—FAKKEENYA 22:6, miiljalee.

Waaqayyo warri ijoollee isaanii akka leenjisaniif itti gaafatamummaa isaaniif kenneera. Kun immoo amala gaarii akka qabaatan barsiisuu fi fakkeenya gaarii isaaniif taʼuu dabalata. (Keessa Deebii 6:6, 7) Warri ogeeyyii taʼan ijoolleen isaanii amala gaarii hin taane yeroo argisiisanitti dafanii hin dheekkaman. Kanaa mannaa, “dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa, dheekkamuufis suuta jedhaa” taʼu. (Yaaqoob 1:19) Ijoollee isaanii kan adaban waan isaanitti aaraniif utuu hin taʼin, waan isaan jaallataniif taʼuu qaba.

Ijoolleen, Warra Keessaniif Ajajamaa

“Yaa ijoolle, . . . warra keessaniif ajajamaa. ‘Abbaa keessanii fi haadha keessan kabajaa’”—EFESOON 6:1, 2.

Ijoolleen warra isaaniitiif ajajamuu fi ulfina guddaa isaaniif kennuu qabu. Yeroo ijoolleen warra isaanii kabajan maatichi gammachuu guddaa, nagaa fi tokkummaa qabaata. Ijoolleen erga guddatanii booda immoo warra isaanii kunuunsuudhaan akka isaan kabajan argisiisuu dandaʼu. Kunis mana isaanii isaaniif suphuu ykn deeggarsa maallaqaa isaaniif gochuu dabalata.—1 Ximotewos 5:3, 4.