Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

DAMMAQAA! Lakk. 1 2021 | Ogummaa Jireenyaa fi Gammachuu Argamsiisu

Hundi keenya iyyuu jireenya gammachiisaa jiraachuu barbaanna. Ogummaa jireenya gammachiisaa jiraachuuf nu gargaaru argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baradhu.

 

Ogummaa Jireenyaa fi Gammachuu Argamsiisu

Waaqni keenya inni hundumaa dandaʼu ogummaa jireenyi keenya inni ammas taʼe inni gara fuulduraa gammachiisaa akka taʼu godhu nuuf kenneera.

Ogummaa Maatii Gammachuu Qabu Horachuuf Gargaaru

Maatii gammachuu qabu qabaachuuf abbootiin manaa, haadhotiin manaa fi ijoolleen maal gochuu qabu?

Qajeelfama Warra Kaanii Wajjin Nagaa Qabaachuuf Gargaaru

Amalawwan warra kaanii wajjin nagaa qabaachuuf nu gargaaran maal faʼi?

Gammachuu Argachuuf Maaltu Nu Gargaara?

Wantoonni jireenya gammachiisaa jiraachuuf gargaaran kam faʼi?

Rakkinni kan Nu Irra Gaʼu, kan Dulloomnuu fi kan Duunu Maaliifi?

Sababiiwwan guguddaa itti rakkannu, dulloomnuu fi itti duunu afur ilaali.

Barumsa Abdii Nuuf Argamsiisu

Abdii gammachiisaa yeroo gara fuulduraa ilaalchisee Waaqayyo nuuf kenne muraasa ilaali.

Beekumsa Waaqayyotti Dhihaachuuf Nu Gargaaru

Kitaabni Qulqulluun wanta Waaqayyoon beekuu fi isatti dhihaachuuf si kakaasu akkamii ibsa?

Ogummaa Argachuu ni Dandeessa

Waaqayyo ogummaa isaa namoota hundumaaf kenna; atis irraa fayyadamuu dandeessa. Irraa fayyadamuuf fedhii qabdaa?

Caalaatti Barachuu ni Barbaaddaa?

Taanaan viidiyoowwan, animeeshiniiwwan, gaafannoowwanii fi mata dureewwan garaa garaa murtoo gaarii gochuu fi jireenya gammachiisaa jiraachuuf si gargaaran argachuu dandeessa.