Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

JW LIBRARY

Kitaaba Qulqulluu Garagalfachuu fi Itti Fayyadamuu—Andirooyidii

Kitaaba Qulqulluu Garagalfachuu fi Itti Fayyadamuu—Andirooyidii

Kaayyoon JW Library inni guddaan Kitaaba Qulqulluu akka dubbisnuu fi akka qoʼannu nu gargaaruu dha.

Kitaaba Qulqulluu garagalfachuu fi itti fayyadamuuf qajeelfamoota armaan gadii hordofi:

 Kitaaba Qulqulluu garagalfachuu

Kitaaba Qulqulluu garagalfattee bakka intarneetiin hin jirretti dubbisuu fi qoʼachuu ni dandeessa.

  • Kutaa wantoonni qophaaʼan keessatti tarreeffaman baniitii, kitaabota Kitaaba Qulqulluu akka siif tarreessutti Bible isa jedhu tuqi.

  • Kitaabota Qulqulluu jiran hunda akka sitti argisiisuuf mallattoo afaanota filachuuf gargaaru tuqi. Afaanonni yeroo baayʼee itti fayyadamtu jalqaba irratti argamu. Maqaa afaan barbaadduu ykn maqaa Kitaaba Qulqulluu barreessuudhaanis isa tarreeffame keessaa barbaaduu dandeessa. Fakkeenyaaf, “int” jettee barreessuudhaan Kitaaba Qulqulluu Ingiliffaa Kingdom Interlinear jedhamu argachuu ykn “port” jettee barreessuudhaan Kitaabota Qulqulluu Afaan Poortugaaliin jiran hunda argachuu dandeessa.

  • Kitaabonni Qulqulluun ati hin garagalfanne mallattoo duumessaa of biraa qabu. Garagalfachuudhaaf Kitaaba Qulqulluu sana tuqi. Kitaaba Qulqulluu sana yeroo garagalfattu mallattoon duumessaa sun ni bada. Dubbisuu yoo barbaadde ammas Kitaaba Qulqulluu sana tuqi.

Hiikkaa Kitaaba Qulqulluu barbaaddu yoo dhabde, yeroo booda deebisii yaali. Hiikkaawwan dabalataa yeroo qophaaʼan itti dabalamu.

 Kitaaba Qulqulluu balleessuu

Kitaaba Qulqulluu tokko hin barbaaddu taanaan ykn iddoo banaa qabaachuu yoo barbaadde balleessuu dandeessa.

Kutaa filannoon keessatti tarreeffame baniitii Bible isa jedhu tuqi, achiis Kitaabota Qulqulluu tarreeffaman argachuuf mallattoo afaanota filachuuf gargaaru tuqi. Kitaaba Qulqulluu balleessuu barbaaddu bira mallattoo jiru tuqi; achiis Delete isa jedhu tuqi.

 Jijjiirama Kitaaba Qulqulluu irratti godhame argachuu

Yeroo yerootti Kitaaba Qulqulluu garagalfattee wajjin haala wal qabateen jijjiiramni godhamuu dandaʼa.

Kitaaba Qulqulluu jijjiirama qabu bira mallattoo geengoo fakkaatutu jira. Kitaaba Qulqulluu sana yeroo tuqxu ergaa jijjiiramni jiraachuu isaa ibsu ni argita. Isa jijjiiramni itti godhame argachuuf Download isa jedhu tuqi ykn isa duraan qabdu dubbisuu kee itti fufuu yoo barbaadde immoo Later isa jedhu tuqi.

Qabiyyeewwan kun Guraandhala 2015tti JW Library 1.4f kan qophaaʼan siʼa taʼu, lakkoofsa Andirooyidii 2.3 ykn isaa ol taʼeef hojjetu. Qabiyyeewwan kana arguu yoo dadhabde, mata duree “‘JW Library’ Fayyadamuu Jalqabaa—Andirooyidii,” jedhu jalaa qajeelfama mata duree xiqqaa Wantoota Haaraa Argadhu jedhu jala jiru ilaali.