Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

JW LIBRARY

Barreeffamatti Halluu Dibuu—Andirooyidii

Barreeffamatti Halluu Dibuu—Andirooyidii

Barreeffama JW Library irra jiru yeroo dubbistuu fi yeroo qoʼattu jechoota ykn gaalewwanitti halluu dibuu ni dandeessa.

Barreeffamatti halluu dibuuf qajeelfamoota armaan gadii hordofi:

 Halluu Dibuu

Hima tokkotti karaa lamaan halluu dibuun ni dandaʼama.

Jecha tokko tuqiitii takka turi. Achiis hamma barbaaddetti itti dibuuf mallattoo qabduutti fayyadami. Achiis mallattoo halluu filachuuf gargaaru tuqi; achiis halluu barbaaddu filadhu.

Takkaadhaan jecha ykn gaaleetti halluu dibuuf tuqiittii takka turi; achiis harkisi. Yeroo harkistu himichatti halluun ni dibama. Yeroo fixxu filannoon achi irratti mulʼatu jira. Halluu dibde jijjiiruuf ykn balleessuuf filannoo kanatti fayyadamuu dandeessa.

 Halluu Dibame Jijjiiruu

Halluu dibde jijjiiruuf iddoo dibde tuqi; achiis halluu biraa filadhu. Halluu dibde balleessuuf iddoo dibde tuqi, achiis mallattoo balleessuuf gargaaru tuqi.

Qabiyyeewwan kun Sadaasa 2015 JW Library 1.6f kan qophaaʼan siʼa taʼu, lakkoofsa Andirooyidii 4.0 ykn isaa ol taʼeef hojjetu. Qabiyyeewwan kana arguu yoo dadhabde, mata duree “‘JW Library’ Fayyadamuu Jalqabaa—Andirooyidii,” jedhu jalaa, qajeelfama mata duree xiqqaa Wantoota Haaraa Argadhu jedhu jala jiru ilaali.